Waraana Tigraay: Wal-shakkii waraanni Kaaba Itoophiyaa uumee fi aarsaa kaffalame

Madda suuraa, AFP
Torba darbe halkan tokko dargaggoonni magaalaa Finfinnee tola-ooltummaan naannoo isaanii eegaa turan.
Konkolaattoota dhaabsisanii sakatta'u, sanadoota barbaachisoo ta'anis ni ilaalu.
Sakatta'iinsa sana kan qindeessaa turan maanguddoo jaaran yoo ta'an, ''mandara keenyatti kan hundaa'e garee tola ooltotaa miseensota 180 qabna,''jedhan.
Tola ooltonni kunneen labsii yero muddamaa bu'uureffachuun finciltoota TPLF fi deeggartota isaanii barbaadu.
Qeeqxonni namoonni kumaatamatti lakkaa'aman akkaata sirrii hin taaneen hidhamuu kan qeeqan yoo ta'u, magaalicha keessatti garuu hidhamuun isaanii deeggarsa hedduu kan argate fakkaata.
Halkan naannoo isaanii kanneen eegan keessaa tokko ''miliquuf yaala, dafaa malee,'' jedhee yeroo bilbilaan dubbatu dhaga'ama.
Bakka isatti dhiyoo jirutti immoo namoonni heddu; keessattu maanguddoonni leenjii tolaa ooltummaaf walitti qabamaniiru.
Ajaja isaaniif kennamu hordofuun leenji'u.
Haalli magaalicha keessa jiru nagaa kan qabu fakkaata.
Taatullee, UK dabalatee biyyoonni hedduun haalli nageenya Itoophiyaa ''gadi deemaa jira'' jechuun akeekkachiisan.
Akkeekkachisni sun kan kenname Humnoonni Tigiraay gara magaalaa Finfinneetti qajeeluuf fedha qabaachuu isaanii beeksisuu hordofuun ture.
Imbaasin Raashiyaa magaalaa Finfinneetti argamu gama isaatiin ''labsiin yeroo muddamaa jiruu idileerratti jijjiramni fide homtuu hin jiru'' jechuun toora miidiyaa hawaasa isaaratti beeksise.

Madda suuraa, AFP
MM Abiy Ahimad dirree waraanaatti duuluun waraana biyyattii akka hoggannan erga beeksisanii asitti adda waraanaa Affaar irra jiraachuu isaanii viidiyoon gadhiifame.
MM Abiy uffata waraanaa uffachuun, loltootaan marfamanii mul'atan.
''Amma naannicha to'achuu dandeenyeerra. Xiinsammuun loltootaa nama gammachiisa, Birmadummaan Itoophiyaa hanga mirkanaa'utti duubatti hin deebinu,'' tajedhan.
Magaalota hedduu TPLF'n to'amee ture raayyaan itttisaa deebisee to'achaa jiraachu MM dubbataniiru.
Iddoowwan waraanni itti gaggeeffamaa jiran kanatti tajaajilli bilbilaa waan adda citeef haala qabatamaa jiru mirkaneeffachuun rakkisaadha.
Kana malees, qajeelfamni haaraan labsii yeroo muddamaatiin bahe sochii waraanaa fi bu'aa waraanaan argame qaama eeyyamameefin alatti akka hin ibsamne dhorkeera.
Qondaaaltoonni TPLF tibbana booji'amtoota miseensota waraana Itoophiyaati jedhaniin, namoota kumaatatti lakkaa'aman vidiyoo dirooniin waraabame agarsiisaniru.
Dirree waraanaa garaa garaatti gara fuuldurattii dhiibaa jiraachu himaniiru.
Ammatti xiyyeeffannoo guddaa kan argatte magaalaa Debrabiraan.
Magaalaa Finifinneeen alatti Debrabiraan magaalaa raayyaan ittisaa ofeggannoo guddaan keessa jiraniidha.
Xiinxaltoonni muraasni Humnoonni Tigiraay haleelamu akka danda'an, Ertiraan haleeluu akka dandeessu, loltooti isaanii muddamni guddaan muddachuu akka danda'u akeekkachiisan.
Namoonni haala rakkisaa keessa jiru
Gareen kamiyyuu yoo injifataa jiraate, waraaanni bal'achuun rakkolee namoomaa hammeesseera.
Sagantaan Nyaataa Addunyaa Kaaba Itoophiyaatti namoonni miliyoona 9.4 deeggarsa akka barbaadan beeksiseera.
Finfinneetti hoggantuun dhaabbatichaa Kilaar Narvilii ''walitti bu'iinsi Kaaba Itoophiyaatti babal'achuu hordofuun namoonni hedduun rakkina hamtuuf saaaxilamaa jiru'' jedhan.
Haleellaan finciltoota Tigiraayi fi hojimaatni mootummaa federaalaa, akkasumas tasgabbii dhabiinsi deeggarsa namoomaa gufachiisaa akka jiru dubbbatan.
Sagantaan Nyaataa Addunyaa magaalota naannoo Amaaraa finciltootaa naannoo Tigiraay jala jiran deeggarsa geessera.
Waraana 'warra biyya gane' waliin gaggeefamu
Paartiin biyya bulchu Badhaadhinni fedhii isaanitiin kanneen duulan galateeffachuuf sagantaa magaalaa Finfinneetti qopheessuu itti fufeera.
Miseensi Mana Maree Magaalaa Finfinnee Ittisaa Damee, '' biyya keessatti shororkeessitoota waliin, biyya alaarra immoo deeggartoota isaanii waliin waraanaarra jirra'' jedhan.
Dargaggoon ganna 22 Baabbush Sixootaaw ''kabaja biyya kootiif akkan duulu waamameera. Maatiin yoo du'e biyyi itti fufti, Biyyi yoon hin jiraanne eessayyuu hin geenyu? Kanaaf lubbuu koo aaarsaa gochuuf qophaa'eera, leenji fudhachuu dhabuun keenya nan yaaddeessu'' jedhe.
Maanguddoo Dinqinaash Nigaatuu gama isaaniitiin namoota walitti qabamaniif dhaamsa dabarsan.
''Biyya koo nan jaaladha. Duuluu nan fedhan ture, garuu abbaan warraakoofi ilmi koo ati hin duultu , nutu duuula naan'' jedhan.
Maanguddoon kun itti dabaluun akkas jedhan: ''Tola-ooltummaa leenji'eera, Ilimii koo fi abbaan warraa koo dirree waraanaarra yoo lolan , animmoo naannoo koo nan eega. Namoota karaa gubbaatti argu hundaan duulaan jedhan. Diinni amma dhufee nu baleessuutti eeguu hin qabnu''jechuun BBCtti himan.
Hoggantoota paartii Badhaadhinaa keessaa tokko Ayidaa Awwal;'' Goota isaan, hunda keessaniif abdii ta'u'' jechuun Dinqinash hammaachuudhaan dubbatte.
''Dargaggoonni hedduun fakkeenyummaa isaanii kana akka fudhatan nan eega, miirri Itoophiyummaa yeroo kamuu caala jabaatera.
Kutaa bulchiinsa Araadaa keessa namoonni 7,000 ol biyyasaanii gargaaaruuf duuluuf murteessaniru'' jette Ayidaan.

Madda suuraa, AFP
Himannaa Niyoo-koloniyaaliizimii
Mootummaaan Itoophiyaa biyyoonni Lixaafi miidyaaleen haaala waraanichaa, odeeffannoo burjaajeessaa itti yaadanii duula bananii jedhee himata.
Namoonni hedduun dhimma kanatti amanu fakkaata.
Biyyattii xiqqeessuun, injifannoo TPLF dhaadheessuuf ''yaalii koloneeffannaatu'' yaalame jedhanii miidiyaalee hawaaasarratti barreessu.
Xiinxalaan dhimma siyaasaa Achaamyellehi Iwunatuu ''karaa lamaa haleellaan nurratti baname" jedha.
"Tokkoffaa, BBC dabalatee miidiyaaleen biyyoota Lixaa duula niyoo koloniyaaliizimii, odeeffannoo dogoggoraa tamsaasu. Kan biraammoo TPLF duula duguuggaaa sanyii bane,'' jedhe.
Mootummaa Itoophiyaa akka qeequ kan dubbatu Achaamyellehi, kun ta'ullee birmadumma biyyattii eeguuf duubatti hin deebinu jedhe.
Mootummaan Itoophiyaa af-gaaffii BBC'n dhimma kana ilaalchisuun irra deddeebiin dhiyeesseef hin simanne.
Haata'u malee, mootummaan Itoophiyaa miidiyaalee biyyoota alaafi biyya keessarrattii dhiibbaa uumuun qeeqama.
Waraana kana dura hidhamtoota siyaasaa fi gaazixeessitoota hidhaarraa hiikuun kan leelliifamaa turan MM Abiy, irra deebiin miidiyalee ukkaamsuufi doorsisuun qeeqamaa jiru.
BBC'n gama isaatiin, dhimma Itoophiyaafi biyyoota addunyaa biroos walaba, odeeffannoo sirriifi gartummaa hin qabne gabaasuu ittifufa.
















