Waraana Tigraay: Qeesii dabalate Tigroonni hidhamaa jiraachu maddeen ibsan

Finciltoota TPLF erga waggaa tokkoo mootummaa federaalaa waliin lolatti jiran

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Finciltoota TPLF erga waggaa tokkoo mootummaa federaalaa waliin lolatti jiran

Mootummaa Itoophiyaa dhalattoota Tigiraay qeesii bataskaanaatii kaasee kanneen waajjiraalee garaa garaa keessa hojjatan finciltoota TPLF deeggartu jechuun shakkee hidhaa jiraachuu maddeen beeksisan.

Poolisiin Kibxata Sadaasa 9, 2021 hojii gaggeessaa ol aanaa Anbassaa Baankii dhalataa Tigiraay tahe Daani'eel Tekestee hojjettoota baankichaa biroo shan waliin hidhee gaafasuma galgala gadhiifamuu Rooyitarsi gabaase.

Gama kaaninis jiraataattoota magaalaa Finfinnee BBC dubbisee keessa tokko, ''Abbaan kiyya namni umuriin waggaa 80 fi erga soorama bahanii waggaa sadeeti ta'eera. Abbaafi haatii kiyya erga Finfinnee jiraachu eegalanii waggaa 40 ol ta'a. Dhalattoota Tigree ta'uun alatti hidhanni TPLF waliin qabnu omtu hinjiru. Garuu abbaan keenya hidhameera,'' jechuun dubbate.

Jiraataan nageenyaaf jecha maqaansaa akka hineeramneef gaafaate kun, maatii isaatiif ilam shanaffaa ta'u himuun, abbaa isaa 'koottu ni barbaadamtu' jedhuun manaa erga fudhatanii torba akka guute BBC Tigrinyaatti hima.

Akkasumas haga ammaatti qeesii fi kanneen isaan waliin hojjetan 37 mana amantaa Ortodoksii afur magaalaa Finfinnee keessaa hidhamuus gabaasera maddi oduu Rooyitarsi.

Poolisiin biyyattii garuu himata dhalattoota Tigiraay irratti xiyyeeffachuun hidhuu jedhu soba jechuun waakkateera. Kanneen hidhaman warra finciltoota TPLF waliin hidhata qabanidha jechuun poolisiin himuu isaa Rooyitarsi gabaaseera.

Labsiin yeroo muddamaa erga labsamee humnoonni nageenyaa magaalaa Finfinnee keessatti ajaja mana murtii malee manaa manarra deemuun barbaadanii dhalattoota Tigiraay hidhaa jiraachuu odeeffadhera jedhe dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Humaan Raayitis Waach.

Itti dabaluun magaalaa Fifinneetiin ala dhalattoonni Oromoos hidhamaa jiraa gabaasan qaba jedheera Humaan Raayits Waach.

Sadaasa 07, 2021 Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaas ibsa baaseen labsii muddamaa hordofee hidhaan saba irratti xiyyeeffachuun gaggeeffamaa jiru na yaadessera jechun ibsa baasuunsaa ni yaadatama.

Itoophiyaan labsii yeroo muddamaa akka guutuu biyyaatti labsuun namni kamuu waraqaa eenyummaa isaa qabachuun akka deemu murteessite.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa, dhalattoonni Tigiraay, jaarrolee fi haadholii ijoollee, dabalatee kanneen dhibbaan lakkaa'aman hidhamuu isaanii ibseera.

Hidhaan ''daran hammaateera'' jedhe qondaalli mootummaa maqaaan isaa akka hin dhahamne gaafate jechuun itti himu Rooyitarsitti gabaase .

Dubbii himaan mootummaa Itoophiyaa Laggasaa Tulluu gaafatulleen deebii akka hinarganneefi dubbii himaan poolisii federaalaa, Jeeyilaan Abdii ammoo dhimma hidhaa irratti deebii kennuuf aangoo akka hin qabne himan Rooyitarsi gabaaseera.

Haata'u malee dubbii himaan poolisii magaalaa Finfinnee, Faasikaa Fantaa Jimaata darbe kan hidhaman warra ''kallattinis ta'e al-kallattiin'' TPLF deeggare tahuu himaniiru.

Hojii gaggeessaan Anbassaa Baank damee biraa irra jiru tokko poolisiin waajjira hojii gaggeessaa ol aanaa baankichaa deemuun erga ilaalanii booda dhalattootni Tigiraay baankicha keessa hojjetan gara biraa yoo jiraatan jedhee gaafachuu itti himu Rooyitarsitti gabaase.

Haga ammaatti luboonni fi kanneen isaan waliin hojjetan 37 mana amantaa Ortodoksii afur magaalaa Finfinnee keessaa hidhamuus ibseera. Bataskaanni Ortodoksii Tewahaadoo Itoophiyaa hanga ammaatti dhimma kana irratti deebiin kenne hinjiru.

Dubbii himaan UN konkolaachistoonni dhaabbata Sagantaa Nyaata Adunyaaf qacaramanii hojjetan 72 magaalaa guddoo naannoo Affaar Samaraa keessatti hidhamuu hime.

Mootummaan Itoophiyaa dhaabbileen gargaarsaa hidhattoota TPLF hidhachiisu jechuun himataa turunsaa ni yaadatama.

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti bara darbe jalqabe kumaatama ajjeesuun namoota miliyoona lamaa ol tahan ammoo qe'ee isaanii irraa buqqiseera.

Erga baatiiwwan muraasaatiin asiitii ammoo waraanichi gara naannolee ollaa Affaarii fi Amaaraatti babal'achuun buqqaatii namoota kumaatama hedduuf sababa ta'eera.

Dippilomaatotni addunyaa waraanni Itoophiyaa kun karaa marii fi nagaatiin furmaata akka argatuuf hojjetaa jiru.

Gamtaa Afrikaatti ergamaan addaa Gaanfa Afrikaa Olusegoon Obaasanjoo fi Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa Ameerikaa Jeefrii Feeltimaan dhimma araaraa kana irratti hojjechaa akka jiran himaniiru.