Waraana Tigraay: Biyyootniifi dhaabbileen alaa maaliif namoota isaanii Itoophiyaa keessaa baasaa jiru?

Madda suuraa, @HHichilema
Imbaasiiwwan biyyoota garagaraa teessoo isaanii magaala Finfinnee godhatan yaaddoo nageenyaa lola Kaaba Itoophiyaan walqabateen lammiileen isaanii gara biyya isaaniitti akka dacha'an torbee darbee kaasee waamicha gochuu kan eegalan.
Ameerikaa, Yunaayitid Kingidam, Saawudi Arabiyaa, Kanaadaa, akkasumas biyyooti michuu Itoophiyaa jedhaman kan akka Raashiyaa fi Kooriyaa Kibbaa biyyoota yaaddoo nageenyaa Itoophiyaa keessa jiru lammiilee isaanif akeekkachiisa kennanidha..
Biyyootiifi dhaabbileen tokko tokko immoo lammiileesaanii Itoophiyaadhaa baasuu kan eegalan yemmuu ta'u biyyi Afriikaa Zaambiyaan lammiileeshee Itoophiyaadhaa baasushee gaafa Kibxataa gama pireezidantii isheetiin beeksifte.
Pireezidantiin biyyattii Hakainde Hichilema "ajaja kootiin lammiilee keenya Itoophiyaa turan nagahaan baafnerra. Tumsa nuf taasisaniif angawoota ni galateeffanna. Eessayyuu ta'u lubbuun lammiilee Zaambiyaa dhimma ijoodha" jedhan.
Guyyaa Roobii immoo dhaabbati tajaajila telekomii Itoophiyaatti kennuuf jiru Safaricom hojjettoota isaafi kontiraaktaroota Itoophiyaa keessaa baasuu BBC'tti himeera.
Biyyooti biroo kan lammiileen isaanii sochii iddoodhaa iddootti taasisuurraa akka ofqusatan akeekkachiisanis ni jiru.
Ka'umsa
Biyyooti kunneen gara caalu erga magaalotni naannoo Amaaraa lama Dasee fi Kombolchaan to'annaa humnootii TPLF jala oolunsaanii gabaafamee fi paarlaamaan Itoophiyaa labsii yeroo muddamaa labsee booda ture lammiileesaaniif waamicha gochuu kan eegalan.
Biyyoota kannen keessaa kan dursa waamicha taasise Ameerikaadha.
Lolli naannole Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessa jiru hatattamaan babal'achuu fi hammaachuu akka danda'u kan akeekkachiise immoo mootummaa Yunaayitid Kingdamidha.
Kanaanis, lammiileen biyyattii gara Itoophiyaa akka hin imallee fi kunneen biyyattii keessa jiranis Buufata Xayyaaraa Idil Addunyaa Booleetti fayyadamuun Itoophiyaa gadhiisanii akka bahan gaafateera.
Ameerikaan gama isheetiin hojjettooti imbaasii ishee Finfinnee jiru maatii isaanii walin Itoophiyaa gadhiisanii akka bahan ajajje.
Gama biraatiin Raashiyaan gama imbaasishee magaala Finfinneetti argamuun "hammaachaa dhufuu haala hawaasummaafi siyaasaa biyyattii keessa jirun dhimma hatattamaaf yoo ta'een ala lammiileen Raashiyaa gara Itoophiyaatti imaluurra akka ofqusatan gorsina" jetteerti.
Tarkanfiin kun maal akeeka?
Yunivarsiitii Ambootti barsiisaa muummee barnootaa Saayinsii Siyaasaa kan ta'an Obbo Salamoon Tafarraa miidiyaaleen gurguddaa idil-addunyaa magaalaan Finfinnee akka waan finciltootaan marfamteefi balaaf saaxilamtetti gabaasuun isaanii hawaasa diplomaasii biratti rifaatuu uumuu himu.
"Gabaasni miidiyaalee idil-addunyaa michuuwwan Itoophiyaa dabalatee hawaasa addunyaa kan dogongorsiisedha" jechuun gabaasaaleen kunneen ''dhugaarraa kan fagaatanidha'' jedhu.
Waamichi biyyooti taasisan "waamicha dhugaa lafa jiruun wal hin qabannee fi qaama sochii karaa al-kallattiin (mootummaa Itoophiyaarratti) dhiibbaa uumuuf godhamaa tureeti" jechuunis himu.
Kanaafis akka fakkeenyaatti taatee biyya Afgaanistaan keessa baatii muraasa dura ta'e himu.
"Afgaanistaan yoo fudhanne hanga humni Taalibaan magaalaa Kaabul seenee magaalittii qabatutti diplomaatotni Ameerikaa achi keessaa hin baane ture" jedhu Obbo Salamoon Tafarraa.
Kanaafuu haalli magaalaa Kaabulii fi biyyoota biroo keessa tureefii haalli amma Itoophiyaatti ta'aa jiru gargar ta'uufi ejjennoon biyyooti dhimma Itoophiyaarratti qabachaa jiranis tarkaanfii dantaa ofii kabachiisuuf fudhatan ta'uu dubbataniiru.
Hundeessituufi hooggantuun Oromo Legacy Leadership and Advocacy Association (OLLA) fi dhimma hariiroo alaa irratti qondaaltota US waliin kan hojjettu Seenaa Jimjimoo adeemsi biyyootaa waan akeeku qaba jetti.
''Tokkoffaa biyyattiin tasgabbii hin qabdu, nagaa miti, bizinasaaf qophii miti, mootummaan kuni jigaa jira, ummanni keessaa haa bahu kan jedhu ibsa,'' jechuun himte.
Lammaffaa yeroo Afgaanistaan keessa Taalibaan aangoo qabate ''akkatti namni rakkate arganii jirani. Suni akka ta'u hin barbaadani,'' jechuun ibsite.
''Sadaffaarrattimmoo akkuma mootummaan Itoophiyaa jedhe dhiibbaa irratti uumuuf godhanii jiru jedheen ilaala,'' jechuun BBC'tti himte.
Mootummaan Itoophiyaa ibsa torban darbe baaseen ''biyyi ololaan diigamtu hin jirtu'' jechuun adeemsa imbaasiiwwan kanaa qeqeera.
''Qajeelfama dippilomasiin ala imbaasiiwwan biyyootaa tokko tokko Finfinneen akka marfamte fakkeessuuniiifi wanti yaadan akka galma gahu lammiilee isaanii embasii keessa dalagan akka biyya isaaniitti deebi'an akeekkachiisaa jiru.
''Mootummaan qaamoleen biyya diiguuf ko'ooman kunneen hojii isaaniirraa akka of qusatan akeekkachiisaa dhimma biyyaan qoosaan waan hin jirreef kanneen of hin qusannerraa tarkaanfii keessa hin deebi'amne akka fudhatu akeekkachiisa,'' jedheera.
Waraanni naannoo Tigraayiitti eegalamuun boodarra naannoolee ollaa Affaariifi Amaaraatti babal'ate amma waggaa tokko lakkoofsiseera.
Waraanichi dhaabbatee furmaanni mariin akka barbaadamuuf biyyoonni adda addaa, dhaabbilee ardii fi idil-addunyaa irra dedeebbiin waamicha taasisan illeen hanga ammaatti bu'aa qabatamaan osoo hin mul'atiin waraanichi akkuma itti fufeetti jira.
Ta'us, torban darberraa eegalee Gamtaan Afrikaafi US deeggarsa UN fi Gamtaa Awurooppaan qaamolee lola keessa jiran mariitti deebisuuf itti dhiheenyaan hojjetaa akka jiran himaniiru.















