Waraana Tigraay: Ameerikaan lammiileenshee hundi Itoophiyaa dhiisanii akka bahan waamicha dhiyeessite

Alaabaa US

Madda suuraa, Getty Images

Embaasiin Ameerikaa magaalaa Finfinneetti argamu lammiileen isaa Itoophiyaa jiran atattamaan biyyattii dhiisanii akka bahan gorsa dabarse.

Oduun kun kan dhagahame wayita waraanni kaaba biyyattiitti eegale babal'achuun guutuu biyyattiif yaaddoo ta'aa dhufeefi wayita gareeleen finciltootaa sagal mootummaa Itoophiyaa kuffisuun, mootummaa ce'umsaa ijaaruuf qindoomina uumuu wayita beeksisanitti.

Embaasiin US marsariitii isaa gubbaatti waan jedhe: ''Haalli nageenyaa Itoophiyaa keessa jiru haalaan kan geggeeddaramaa jirudha. Kanaafis, lammiileen US biyyattii keessa jiran saffisaan biyyattii dhiisanii akka bahan gorsina.''

Dabaluunis embaasichi kanneen biyyaa bahuu barbaadaniif, filannoon balaliinsaa hedduun jiraachuu beeksiseera.

''Karaa Buufata xiyyaaraa Idil-Addunyaa Booleen filannoon balaliinsaa garagaraa jiru,'' jechuun kanneen balaliinsa argachuu hin dandeenyeefi gargaarsa maallaqaa barbaadan embaasicha akka qunnaman waamicha dabarseera.

Embaasichi itti daruun, Daandii Qilleensaa Itoophiyaa dabalatee filannoo daandiiwwan qilleensaa balaliinsa taasisanii qunnamuu dandeessu jechuun teessoo isaanii kaa'eera.

line

Lolli kaaba Itoophiyaatti humnoota TPLF fi humnoota mootummaa gidduutti deemu, erga eegalee waggaan tokko lakkaa'ameera.

Lolli kun yeroo jalqabamutti ji'oota muraasa keessatti akka goolabamu himamee turus, hanguma oolee bulu gara naannolee Amaaraafi Affaarittis babal'achuun guutuu biyyattiif yaaddoo ta'aa dhufeera.

Mootummaan Itoophiyaas kana hordofuun labsii yeroo muddamaa guutummaa biyyattiitti hojiirra ooluufi ji'oota ja'aaf turu labseera.