Waraana Tigraay: Dippilomaatonni lola Kaaba Itoophiyaa hammaachaa dhufe dhaabsisuuf hojjechaa jiru jedhame
![Jeefrii Feeltiman, Muusaa Faakii Mahamat, Uhuuruu Keeniyataa fi Yuwerii Museeveenii, [bitaa gara mirgaatti]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/640/cpsprodpb/082B/production/_121319020_uhurufimuse.jpg.webp)
Dippilomaatonni lola Kaaba Itoophiyaatti hammaachaa dhufe dhaabsisuuf hojjechaa jiraachuun gabaafameera.
Gorsaan Addaa Gaanfa Afrikaa mootummaa Ameerikaa Ambaasaaddar Jefirii Feltimaan Kamisa waareerra Finfinnee kan galan yoo ta'u, waraana Itoophiyaa keessatti daran hammaacha dhufeef fala barbaaduuf akka ta'e bal'inaan gabaafameera.
Ambaasaddar Jefirii Feltimaan Komishinara Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii waliin wal arguudhaanis mariyataniiru.
Muusaa Faakii dhimmoota wayitawaa Itoophiyaafi Sudaan keessa jiru ilaalchisuun Ambaasaaddar Jefirii Feltimaan waliin mariyachuu isaanii fuula tiwiitara isaaniirratti beeksisaniiru.
Aab Muusaa Faakii qaamoleen biyyaalessaafi arditti keessa jiran waliin ta'uudhaan furmaata karaa mariifi siyaasaan fiduu keessatti carraaqqii taasisuu dandeenyu ilaalchisee Feltimaan waliin dubbanneerra jedhan.
Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa akka jedhutti waraanichi akka malee babal'achuun sadarkaa yaaddessaa ta'erra gaheera.
Pirezidaantiin Yugaandaa Yuweerii Museeveniinis walitti bu'insa mootummaa giddu-galeessaafi finciltoota TPLF fi deeggartoota isaa gidduutti deemaa jiru irratti mariyachuudhaaf gaggeessitoota biyyoota Afrikaa Bahaaf Sadaasa 16 irratti waamicha taasisuu Roohitars gabaaseera.
Oduu walfakkaatuun, Pireziantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa waraana Itoophiyaa ilaalchisuun ibsa Roobii baasaniin,"Lolli kun dhaabbachuu qaba!" jedhan.
Akka Roohitarsi gabaasetti, waliin dubbatanii karaa nageenyi waaraa iittiin argamu barbaaduudhaaf meeshaa isaanii lafa kaa'anii lola akka dhaabaniif qaamolee wal waraanaa jiraniif waamicha taasisaniiru Pirezidanti Uhuruun.
Mootummoonni dhimma misoomaarratti gamtooman Intergovernmental Authority on Development (IGAD) jedhamus waraanni atattamaan akka dhaabbatuuf ibsa Kamisa baaseen gaafateera.
Qaamoleen wal waraanaa jiran muddama jiru ittuu hammeessuu dhiisanii garaa garummaa gidduu isaanii jiru karaa mariitiin akka furataniif cimsee gaafateera IGAD.
Roobii Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) waliin akka dubbatan kan himan Barreessaan Olaanaa Mootummoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guteereez, waraanni akka dhaabbatu marii gaggeessuuf waajirri isaanii haala mijeessuf hayyamamoo akka ta'an Roohitars gabaaseera.
Humnoonni Tigraay magaalota Daseefi Kombolchaa akka to'atan kan himame yoo ta'u, kaleessa ammoo Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin magaalaa Godina Addaa Saba Oromoo Kamisee to'achuu isaanii ibsaniiru.
Kana ilaalchisuun mootummaan garuu wanta jedhe hin qabu. Magaalaan Kamisee magaalaa guddoo Itoophiyaa Finfinneerraa gama kaabaan kiiloomeetira 330 irratti argamti.
Yaaliin dippilomaasii biyyoota gara garaa taasisaa jiran kun, US fi biyyootni alaa hedduun lammiileen isaanii gara Itoophiyaa imaluurraa akka of qusatan, kanneen achi jiranis achii bahuu akka sammuutti qabatan wayita dhaamanittidha.
Mootummaan US akeekkachiisa kana baasuu hordofee hojjettootni mootummaa US kan hojii ariifachiisaarra hin jirre fedhaan Itoophiyaa gadhiisanii akka bahan hayyamni kennamuu miidiyaaleen US gabaasaniiru.
Ministirri Muummee Abiy Roobii waggaa tokkoffaa Iziin Kaabaa Raayyaa Ittisa Biyyaa humnoota TPLF'n haleelame yeroo yaadatan "Itoophiyaan aarsaa keenyaan kan itti fuftu ta'uushee guyyaa itti mirkaneessinudha,'' jedhan.
''Diina kana dhiiga keenya, lafee keenyaan awwaallee Itoophiyaa boquu ol qabachiifna'' kan jedhan MM Abiy, Lammiileen Itoophiyaa fedha isaaniin raayyaa ittisa biyyaatti akka makamaniifi kaanis meeshaa waraanaafi rasaasa qabanillee osoo hin hafiin akka gumaachan gaafataniiru.
Gama kaaniin humnootni TPLF fi WBO waliin ta'uun magaalota haaraa to'achaa gara Finfinneetti duulaa akka jiran himu.
Manni Marii Federeeshinii Mootummaa Itoophiyaas balaa walitti bu'insaafi muddama siyaasaa biyyattii keessatti mul'ateen walqabatee labsii yeroo muddamaa A L I Onkololeessa 23, bara 2014 irraa eegaluun guutuu biyyaatti hojiirra oolu labseera.














