Waraana Tigraay: 'Qaamoleen hunduu waraana akka dhaaban mariisisuuf' Feeltimaan Itoophiyaatti imalu

Dubbii himaa Waajira Haajaa Alaa Need Piraayis

Madda suuraa, Waajira Haajaa Alaa US

Ibsa waa'ee suuraa, Dubbii himaan Waajira Haajaa Alaa Need Piraayis ''Waraanni kun dheerachuun gaaga'ama namoomaa ittuu hammeessuu malee bu'aa hin qabu,'' jedhan

Yunaayitiid Isteets ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa Jeefrii Feeltimaan 'marii waraana dhaabuuf' Finfinneetti ergite.

Waajirri Haajaa Alaa Ameerikaa ibsa Roobii baaseen ergamaan addaa US kan Gaanfa Afrikaa Jeefrii Feeltimaan Kamisaafi Jimaata gara Finfinneetti imaluun ''qaamoleen hunduu oppireeshinii waraanaa isaanii dhaabanii mariitti akka deebi'an'' yaalii akka godhan beeksiseera.

Dubbii himaan Waajira Haajaa Alaa Ameerikaa Need Piraayis ibsa kennan keessatti ''waraanni Kaaba Itoophiyaa hammaachaa deemuun, dhiibbaa inni tokkummaa biyyattiirratti qabu, nageenya lammiileefi hojjettoota mootummaa US achi jiranii kan xiyyeeffannoo keenya olaanaa ta'aniifi labsii yeroo muddamaa manni maree ministeerotaa raggaaseen yaaddofneerra,'' jedhan.

Need Piraayis yaada mootummaan isaanii amma duras irra deddeebiin kaasaa ture kan ''qaamoleen hunduu dhukaasa dhaabanii, mirgoota lammiilee nagaa akka kabajan'' jedhu ammas gaafataniiru.

Waraanni kun dheerachuun gaaga'ama namoomaa ittuu hammeessuu malee bu'aa hin qabuu jedhanii, ''Qaamoleen hunduu, oppireeshinii waraanaa dhaabanii haalduree malee mariin dhukaasa dhaabuu eegaluu qabu,'' jedhan.

Bulchiinsi Joo Baayidan erga waraanni Kaaba Itoophiyaa eegalee ergamaan addaa Gaanfa Afrikaatti muudan Jeefrii Feeltimaan mariin dhukaasa dhaabuu kun akka eegalamu haala mijeessuuf Kamisa har'aa Finfinnee galu.

US ofiin qofa karaa dippiloomasii rakkoo kana furuuf yaalaa hin jirtu, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Gamtaa Afrikaafi qaamolee murteessoo biroo waliin hojjechaa jirras jedhan dubbii himaan Waajira Haajaa Alaa US.

''Eeyyen ambaasaaddar Feeltimaan Sadaasa 4 fi 5 gara Itoophiyaa ni imalu. Amma imalaa kan jiruuf sochiin waraanaa fi walitti bu'iinsi babl'achuun akkaan waan nu yaachiseefi.''

Jeefirii Feeltman

Madda suuraa, AFP/Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ergamaa addaa US kan Gaanfa Afrikaa Jeefrii Feeltimaan

''Uummatni Itoophiyaa marti nagaaf of kennanii rakkoolee jiran mariin akka furan waamicha goonas'' jedhaniiru.

Feeltiman ''waraanni mariin akka dhaabatu'' marii amma dura mootummaa Itoophiyaa dabalatee qaamolee kaan waliinis eegalan itti fufuuf akka deemanis himaniiru.

Ergamaan addaa US Feeltimaan gara Itoophiyaa kan imalaa jiran US fi biyyootni alaa hedduun lammiileen isaanii gara Itoophiyaa imaluurraa akka of qusatan, kanneen achi jiranis achii bahuu akka sammuutti qabatan wayita dhaamanittidha.

Mootummaan US akeekkachiisa kana baasuu hordofee hojjettootni mootummaa US kan hojii ariifachiisaarra hin jirre fedhaan Itoophiyaa gadhiisanii akka bahan hayyamni kennamuu miidiyaaleen US gabaasaniiru.

Ministirri Muummee Abiy waggaa tokkoffaa Iziin Kaabaa raayyaa ittisa biyyaa humnoota TPLF'n haleelame yeroo yaadatan "Itoophiyaan aarsaa keenyaan kan itti fuftu ta'uushee guyyaa itti mirkaneessinudha,'' jedhan.

''Diina kana dhiiga keenya, lafee keenyaan awwaallee Itoophiyaa boquu ol qabachiifna'' kan jedhan MM Abiy, Lammiileen Itoophiyaa fedha isaaniin raayyaa ittisa biyyaatti akka makamaniifi kaanis meeshaa waraanaafi rasaasa qabanillee osoo hin hafiin akka gumaachan gaafataniiru.

Gama kaaniin humnootni TPLF fi WBO waliin ta'uun magaalota haaraa to'achaa gara Finfinneetti duulaa akka jiran himu.

Feeltiman himannaa aanga'oota mootummaa Itoopiyaarraa US waraana kana keessatti TPLF'f loogdi, bulchiinsa Abiy kuffisuuf fedha qabdi jedhuun ''gonkumaa dhugaa miti'' jedhaniiru.

''Ifan isinitti hima: Adeemsa TPLF gara Finfinneetti yookaan yaalii TPLF humnaan Finfinnee qabachuuf yaaluu ni balaaleffanna. Ergaa kana haasaa TPLF waliin goonu keessattis jala sararreerra,'' jedhu.