Dhiyeessa meeshaa waraanaa Itoophiyaa keessa 'humnoonni biyyoota alaa gahee qabu' - Ambaasaaddar Tiboor Naagii

Loltoota meeshaa baatanii imalan

Madda suuraa, AFP

Itoophiyaatti ambaasaaddarri Ameerikaa duraanii, humnoonni idil-addunyaa gahee daldala meeshaalee waraanaa qabaniin, waraana Itoophiyaa keessa jiru dhaabsisuu danda'u jedhan.

Afrikaatti Ittaanaa Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa tahuun kan tajaajilaa turan Aabba Tibor Naagii, sagantaa BBC Newsday wajjin gaaffiifi deebii taasisaniin, biyyoonni dhiibbaa uuman kanneen akka Ameerikaa, EU, UK, Chaayinaa, Tarkii fi Biyyoonni Galoo Galaanaa dhimma kanarratti gahee olaanaa bahuu danda'u jedhan.

Biyyoonni kunniin ''waraana seenaa keessatti tarii kan hin barbaachisne jedhamuu malu kana dhaabaa,'' jechuu danda'u jedhan.

Dabaluunis: ''dhugaa haa dubbannu yoo jenne - qaamoleen [wal-waraanaa jiran] meeshaalee waraanaa isaanii kan argachaa jiran iddoo taherraati waan taheef, gurra itti kennuu danda'u,'' jedhan.

Dhimma marii qaamolee lamaanii ilaalchisuunis kan dubbatan ambaasaaddarri kun, gama lamaaniinii fedhiin dhugaa tahe hin jiru jedhan.

''Akka ilaalcha kootti mootummaan federaalaa finciltoota TPLF wajjin mari'achuu akka barbaadu waan amanuuf itti ulfaatu natti fakkaata.

Taabor Naagii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ministeera Haajaa Alaa US'tti barreessaa itti aanaa dhimmoota Afrikaa kan ta'an Tiboor Naazhi

Gama biraan ammoo dubbii Jeneraal Tsaadiqaan irraa akka hubannetti, isaanillee mootummaa wajjin mari'achuuf qophii akka hin taane hubachuu dandeenya - keessattuu mootummaa amma jiru wajjin.''

Dabaluunis: ''Akka ilaalcha kootti galmisaanii [kan TPLF], mootummaa Finfinnee jirurratti dhiibbaa uumuun, akka kufu barbaadu. Inni erga kufee boodas, mootummaa biraa kan isaaniif ilaalcha addaa qabu akka hundaa'u barbaadu,'' jedhan qondaalli gameessi kun.

Gama kaaniin Yunaayitiid Isteets ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa Jeefrii Feeltimaan 'marii waraana dhaabuuf' dhiyeenya kana Finfinneetti erguun ishee ni yaadatama.

Waajirri Haajaa Alaa Ameerikaa ibsa guyyaa Roobii baaseen ergamaan addaa US kan Gaanfa Afrikaa Jeefrii Feeltimaan Kamisaafi Jimaata gara Finfinneetti imaluun ''qaamoleen hunduu oppireeshinii waraanaa isaanii dhaabanii mariitti akka deebi'an'' yaalii akka godhan beeksisee ture.

Dhimma daawwannaa ergamaa addaa kanarratti kan gaafataman ambaasaaddar Tiboor, daawwanaan isaanii mallattoodhumaaf malee, waan bu'aa buusu natti hin fakkaatu jedhaniiru.

''Ergamaan addaa kun gara Itoophiyaa imaluun isaanii... garri caalu mallattoodhumaaf. Sababni isaas biyya keessaa [Ameerikaa] dhiibbaa hedduutu jira. Kongiresii irraa, lammiilee irraa, dhalattoota Itoophiyaarraa. Kanaaf ergamaa addaa erguun barbaachisaa tahe.

Jefrii Feltimaanif kabajaa guddaan qaba. Haa tahu malee yeroo ammaa kanatti, hanga qaamoleen lamaan mari'achuuf qophii tahanitti, [imalli isaanii] waan bu'aa qabatamaa fidu natti hin fakkaatu.''

line

Lolli kaaba Itoophiyaatti humnoota TPLF fi humnoota mootummaa gidduutti deemaa jiru erga eegalee waggaan tokko lakkaa'ameera.

Lolli kun yeroo jalqabamutti ji'oota muraasa keessatti akka goolabamu himamee turulleen, hanguma oolee bulu gara naannolee Amaaraafi Affaarittis babal'achuun guutuu biyyattiif yaaddoo ta'aa dhufeera.

Mootummaan Itoophiyaas kana hordofuun labsii yeroo muddamaa guutummaa biyyattiitti hojiirra oolu, ji'oota ja'aaf turu labseera.