Waraana Tigraay: Manni Maree Nageenyaa UN dhimma Itoophiyaa irratti akka walgahu gaafatame

Mana Maree Nageenyaa UN

Madda suuraa, @irishmissionun

Manni Maree Nageenyaa UN dhimma waraana Kaaba Itoophiyaa irratti walgahee akka mari'atu biyyoonni miseensa mana marichaa gaafatan.

Aayarlaandi, Keeniyaa, Niijer, Tuniiziyaa, Seent Viinsant fi Za Giriinaadiins biyyoota manni marichaa walgahee dhimma waraana Itoophiyaa irratti akka mari'atu gaafatan ta'u UN'tti ergamni Aayarlaandi himeera.

Walgahichi yoomitti akka waamame ifatti ibsamuu baatus, manni marichaa Jimaata [har'a] akka walgahuu malu gabaasaaleen ni himu.

Walgahichi kan waamame tibba waraanni Kaaba Itoophiyaa waggaa tokko guute hammaatee mootummaan federaalaa labsii yeroo muddamaa labsee fi lammileen humnaafi meeshaa qabaniin gara adda waraanaa akka duulan kakaasaa jirutti.

Dippilomaatonni fi hogganoonni biyyootaa waraanichi akka dhaabbatu dhiibbaa gochaa kan jiran yoo ta'u, kanumaafis jecha ergamaan addaa US kan Gaanfa Afrikaa Jeefrii Feeltimaan Finfinnee jiru.

Manni marichaa walgahii amma waamame kana kan taa'u yoo ta'e dhimma waraana Kaaba Itoophiyaa irratti yeroo 11ffaaf mari'achuuf deema.

Walgahiiwwan amma duraa irratti waraanichi karaa nagaa furmaata argatu irra deddeebiin waamichi dhiyaachaa turus, manni marichaa waliigalee tarkaanfii fudhachuu hin dandeenye.

Biyyoonni akka Raashiyaa, Indiyaa fi Chaayina waraanichi dhimma keessoo Itoophiyaati jechuun mormaa turan.

Miseensa yeroo mana marichaa kan taate Aayarlaandi, "guyyoota darban hammaachaa kan jiru waraanni Itoophiyaa daran yaaddessaa" jettee, dhukaasni dhaabbatee waraanichi mariin akka xumuramu gaafatte.

Pireezidantiin Yugaandaa Yuweerii Museeveniinis walitti bu'insa mootummaa giddu-galeessaa fi finciltoota TPLF fi deeggartoota isaa gidduutti deemaa jiru irratti mariyachuudhaaf gaggeessitoota biyyoota Afrikaa Bahaaf Sadaasa 16 irratti waamicha taasisuu Rooyitars gabaaseera.

Oduu walfakkaatuun, Pireezidantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa waraana Itoophiyaa ilaalchisuun ibsa Roobii baasaniin,"Lolli kun dhaabbachuu qaba!" jedhan.

Akka Roohitarsi gabaasetti, waliin dubbatanii karaa nageenyi waaraa iittiin argamu barbaaduudhaaf meeshaa isaanii lafa kaa'anii lola akka dhaabaniif qaamolee wal waraanaa jiraniif waamicha taasisaniiru Pirezidanti Uhuruun.

Mootummoonni dhimma misoomaarratti gamtooman Intergovernmental Authority on Development (IGAD) jedhamus waraanni atattamaan akka dhaabbatuuf ibsa Kamisa baaseen gaafateera.