Waraana Tigraay: Dhalattoonni Tigraay magaalaa Finfinnee 'dararaaf saaxilamaa jiraachuu' himatu

Madda suuraa, Getty Images
Dhalattoonni Tigraay magaalaa Finfinnee jiraatan sababii eenyummaa keenyaan hidhamaa jirra yoo jedhan poolisiin immoo kanneen ergama TPLF raawwatan qabuu koo ittan fufa jedhe.
Dhalattoonni Tigraay BBC’n dubbise namoonni waraana adeemaa jiru waliin ‘’hariiroo hin qabne dhalattoota Tigraay tahuu isaaniin qofa manni isaanii poolisiin akka sakatta’amu, sardamnii fi hidhaanillee akka irra gahaa jiru,’’ dubbataniiru.
Poolisiin Finfinnee garuu tarkaanfiin fudhatamaa jiru odeeffannoo irratti kan hundaa’ee fi eenyuniyyuu sabaan adda kan qoode mitii jedhe.
Jiraataan magaalattii maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan,’’kana duras haalli wal-fakkaataa ture. Keessumaa naannoo 22 jedhamutti namoota guuraa turanii,’’ jedhan.
Naannoo Sammiitiifi Bulbulaatti manaa manatti akka sakatta’an nan beeka. Haalli kuni yeroo murtaa’eef tasgabbaa’ee turus gaafa Dilbataa garuu akka haaraatti itti fufeera,’’ jedhan.
Jiraataan kuni mannisaaniifi kan firootasaanii naannoo Bulbulaa jiraatanii akkasuma poolisiin sakatta’amuu dubbatu.
‘’Bilisummaa hin qabnu. Akkanatti jumlaadhaan guuramuun, keessumaa dargaggoonni yaaddoon akka jiraatan godheera,’’ jechuun BBCtti himaniiru.
Kaan immoo iddoo garagaraatti waraqaa eenyummaa gaafatamanii raafamaafi hidhaan irra gahaa waan jiraniif manaa akka hin baane himan.
Poolisiin sakatta’a Finfinneetti guyyoota darbaniif taasiseen meeshaalee waraanaa garagaraa to’annoo jala oolchuu himeera.
Torban darbe magaalonni akka Deessee fi Kombolchaa finciltootaan to'atamuu hordofee, mootummaan labsii yeroo muddamaa labseera.
Jiraattonni magaalaa Finfinnees meeshaa waraanaa qaban akka galmeessisanii fi gurmaa'uun naannoo isaanii akka tiksan waamichi dhiyaateera.
‘Tarkaanfii fudhachuun jabaatee itti fufa’
Daariktarrii sab-quunnamitii poolisii Finfinnee Komaandar Faasikaaw Fantaa gama isaaniin, ’’magaalattii keessa namoonni ergama TPLF raawwachiisan jiru, kanneen ragaan gahaa irratti argamu qabachaa jirra, sichis haala jabaataa taheen to’annoo jala isaan oolchina,’’jedhaniiru.
‘’Kanneen ergama TPLF raawwataniifi raawwachiisan ragaan gahaa irratti argame qabachaa jirra, kana boodas ni qabanna. Dhalattoota Tigraay qofa tahuu baatanillee, dhalattoota kan tahan garuu gochaa kanarratti kan hirmaatan namoonni baayyeen jiru,’’ jedhaniiru.
Akka itti gaafatamaan kuni jedhanitti poolisiin tarkaanfii kana kan fudhataa jiru eeyummaa bu’uura godhachuun otoo hin taane, saba biraa tahanii gochaa kanarratti yoo hirmaataniifi ragaan irratti yoo argames tarkaanfiin ni fudhatama.
‘’Wayyaaneen Dasee to’ate yeroo jedhame kanneen sirbaa turan, fuulduratti kan dubbachaa turanis jiru,’’ kan jedhan Koomaandar Faasikaaw, poolisiin namoota to’annoo jala kan oolchaa jiru saba isaanii bu’uura godhachuu akka hin taanes dabaluun ibsaniiru.
Labsiin yeroo muddamaa kaleessa mana maree ministirootaan bahe gochaa dhorku keessaa tokko, ’’kaayyoo garee shororkeessaa milkeessuuf kan qooda fudhatu, gareelee shororkaa kan jajjabeessu, haasaa namoota nagaa goolu karaa kamiinuu kan taasisu ykn tamsaasu,’’ kan jedhu keessa jira.
Gama biraan nagaafi tasgabbii Finfinnee eegsisuudhaaf humni nageenyaa dhaabbatte, ‘’deeggartoota TPLF fi deebi’uusaa kanneen hawwan irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamaa jiru,’’ jabaatee akka itti fufu himeera.
Humni nageenyaa kuni deeggartoonnifi deebi’uu TPLF kanneen hawwan mana kiraa fudhatanii gareen kan socho’an yoo tahu, lafa dhokataa filachuun hariiroo kan uumanis waan jiraniif hawaasni mana, mana daldalaa, man-kuusaafi konkolaataa eenyuuf akka kireesse qulqulleessuun odeeffannoo atattamaan poolisiif akka kennu yaadachiiseera.














