Waraana Tigraay: Gareewwan finciltootaa sagal 'bulchiinsa MM Abiy kuffisuuf' qindoomina uuman

ABUT/TPLF fi WBO dabalatee gareewwan finciltootaa sagal mootummaa Itoophiyaa kuffisuun, mootummaa ce'umsaa ijaaruuf qindoomina waliin uumuu beeksisan.
Qindoominni humnoonni siyaasaa sagal ijaaran kunis ''galmi isaa hatattamaa mootummaa abbaa irree Abiy aangoorraa buusuun mootummaa ce'umsaa ijaaruudha'' jechuun dubbi himaan WBO Aab Odaa Tarbii BBC'tti himaniiru.
San booda ''qooda fudhattoota hunda waliin ta'uun hegeree hundaan fudhatama qabu lafa kaahuuf mariin ni godhama'' jedhan.
Qindoominni humnoota siyaasaa kun ''Adda Tokkummaa humnoota Federaalistii fi Konfederaalistii Itoophiyaa'' akka jedhamu Rooyitars gabaaseera.
Waraanni waggaa tokko dura humnoota mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti eegalee, ji'oota dura naannolee Affaarii fi Amaaraatti babal'ate dhaabsisuuf hawaasni idila addunyaa yaalii ijibbaataarra jiru.
Qophiin hundeeffama qindoomina humnoota siyaasaa kun kan dhagaahame ergamaan addaa US kan Gaanfa Afrikaa Jeefrii Feeltimaan waraanni hammaachaa dhufe waliigaltee dhukaasaa dhaabuun akka xumuramu yaalii amma dura eegalan itti fufsiisuuf Finfinnee yeroo jiranittidha.
Gamtaan Afrikaa fi biyyootni ollaa Itoophiyaa kaanis waraana kumoota kurna hedduu akka galaafate amanamuu fi miiliyoonota qe'eerraa buqqiseef fala gochuuf tattaafachaa jiru.
Qindoomina humnoota siyaasaa Ameerikaa magaalaa Waashingitan DC keessatti taasifame kana keessa kan jiran: ABUT/TPLF, WBO, Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Sidaamaa, 'Somali State Resistance', Adda Tokkummaa Warraaqsa Dimookraatawaa Affaar, Sosochii Dimookiraatawaa Agawuu, Sosochii Bilisummaa Uummata Beenishaangul, `Waraana Bilisummaa Uummata Gaambellaafi Paartii Dimookraatawaa Qimaanti ta'utuu himame.
Biluumberg bakka bu'aa tokkummaa haaraa hundaa'u kanaa kan ta'an Obbo Yohaannis Abarraa dubbisuun, kaayyoon qindoomina kanaa ''mootummaa haaraa aangoo fi mirga naannolee hundaa kabaju ijaaruu'' akka ta'e hubachuu gabaaseera.
Tajaajilli Komunikeshinii Mootummaa Itoophiyaa ibsa Jimaata galgala baaseen, ''Motummaan Itoophiyaa kan karaa filannoo bilisaafi walabaatiin filatameedha. Kanaafu motummaa karaa dimokraatawa ta'een filatameefi gareewwan shororkeessitootaa guutuu biyyaatti badiinsa qaqabsiisan haalli itti wal madaalan hinjiru,'' jedheera.
Ibsichi dabaluunis, nageenya ummatasaafi Itoophiyaa eegsiisuun ittigaafatamummaa motummaa waan ta'eefu ''nutis kana gochuuf duubatti hindeebiinu'' jedheera.
Mootummaan Itoophiyaas waraana gara naannoolee ollaatti babal'ataa jiru kana dhaabsisuuf dargaggoonni waraanatti akka makamniif waamicha godhu itti fufeera.
Humnoota shororkeessitoota ittiin jedhu TPLF fi ABO Shanee akka mo'atus ibsaa jira.













