Waraana Itoophiyaa: Waraana Itoophiyaatti deemaa jiru dhaabuuf yeroon jiru xiqqaadha jedhan AU fi US

Madda suuraa, Rooyitarsi
Gamtaan Afrikaa (AU) fi US waraana Itoohiyaatti deemaa jirutti xumura gochuuf carraan jiru xiqqaadha jedhan. UN ammoo balaa Itoophiyaan gara waraana walii waliitti galuuf jettu ''dhugaa tahuuf'' jechuun akeekkachiise.
Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa Gamtaa Afrikaa Oliseegun Obaasaanjoofi UNtti hoggantuun dhimma siyaasaa Roozimerii Dikaarloo waraana Itoophiyaatti gaggeefamaa jiru dhaabsisuu kan jedhu irratti Mana Maree Nageenyaa UN'f ibsa kennaniiru.
Itoophiyaa irraa ibsa kan kennan Obaasaanjoon, xumura torban kanaatti akkamiin deeggarsa namoomaa argatu kan jedhuufi qaama hundaa kan gammachiisu loltoota isaanii bakka jiranii baasuu irratti "sagantaa agarsiisu wayii harkaa ni qabaanna jennee abdanna," jedhan.
UN naannoo Tigiraay keessa namootni 400,000tti tilmaamaman sababa waraanaan sadarkaa beelaan miidhamuu irratti argamu jedha.
Qaamolee wal waraanan gidduutti mariin akka jalqabuufi muddama jiru xiqqeesuuf Sadaasa 4, 2021 MM Abiy Ahimed waliin marii gaggeessaniiru. Ergasii gara Maqalee deemuun gaggeesitoota TPLF argachuun waliin mari'achuu himan.
"Gaggeesitootni hundi as Finfinnee jiran fi kaaba jiran dhunfaadhaan garaagarummaan gidduu isaanii jiru siyaasa waan taheef furmaata siyaasaa karaa mariin dhufu akka barbaachisu irratti waliigalaniiru,'' jechuun Obaasaanjoon Mana Maree UN miseensota 15 qabutti himan.
Ministeerri Haajaa Alaa Ameerikaas ibsa Sadaasa 8,2021 baaseen waraanichatti xumura gochuuf Gamtaa Afrikaa waliin hojjechuuf carraa xiqqootu jira jedheera. Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa US, Jeefrii Feeltimaan gara magaalaa Finfinneetti deebi'uu isaanis ibseera.
Gamtaan Afrikaa Wiixata kaleessaa Sadaasa 8,2021 rakkoo nageenyaa Itoophiyaa irratti cufaatti marii gaggeessera.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Ambaasadara Itoophiyaa kan tahan Taayyee Atsqe Sillaasee Amdee Mana Maree nageenyaa UNtti ''daandiin gara mariifi furmaata siyaasaatti nu geessu kallattumaan yookaan salphaatti waan tahu miti,'' jedhan.
''Ammaaf xiyyeefannoon keenya TPLF dhaabsisuun uummata keenya akka malee miidhame oolchuufi dhaqqabuudha."
Dabalataan Ambaasadar Taayyeen biyyoota Lixaafi miidiyaalee biyyoota Lixaa TPLF jajjabeessan jechuun balaaleffataniiru.
Hamma sadarkaa mootummaa federaalaa uummataan filatame aangoo irraa kaasuuf sodaachisuufi biyya uummata miliyoona 112 qabdu jeequutti gaheera,'' jedhan Ambaasadar Taayyeen waa'ee finciltootaas yoo ibsan.
"Ammas garee kanaaf qaamolee deeggarsa meeshaalee qunnamtii, odeeffannoo satalaayitii, meeshaa waraanaafi inumaayyuu loltoota kan erganiif akka gocha kanarraa of qusattan cimsinee himna,'' jedhan.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa Sadaasa 2020 yeroo humnootni TPLF'f amanamoo tahan buufata waraanaa raayyaa ittisa biyyaa haleelan eegale.
MM Abiy Ahimed kana hordofee loltoota hedduu gara naannichaatti erguun waraanni itti fufe. Kumaatamni lubbuu dhabuun namootni miliyoona lamaa ol tahan ammoo qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.
'Yeroo meeshaa waraanaa itti lafa kaa'an'
Dhiyeenya waraannichi naannoo Amaaraatti cimee itti fufeera. TPLF fi humnootni waliin tokkummaa uummatan akka Warana Bilisummaa oromoo (WBO) gara Finfinneetti qajeeluu yoo ibsan, mootummaan ammoo labsii yeroo muddamaa ji'a jahaaf turu labseera.
''Amma yerootti meeshaa waraanaa keessan lafa keessanidha,'' jette, UNtti Ambaasadara Ameerikaa kan taate Liindaa Toomaas Giriinfiild, kora Mana Maree Nageenyaa UN dhimma Itoophiyaarratti taa'ame kanarratti.
''Waraannni namoota aariifi gara jabinaan guutaman gidduutti gaggeeffamu ijoolleefi haadholii miidhaa jiru, dhaabbachuu qaba,'' jette.
Obaasanjoon mana marichaatti yoo dubbatan MM Abiy, pirezidaantii naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaafi Maqaleettis imaluun hoggantoota TPLF waliin wal arganii mari'ataniiru.
Har'a ammoo bakka waraanni kun itti babal'ate gara naannolee Amaaraafi Affaaritti imaluuf karoorsaniiru.
Hoggantuun dhimma siyaasaa UN, Dikaarloon waraanichi ''haala sodaachisaa irra gaheera. Haasaan jibbinsaafi saba tokko adda qoodanii irratti xiyyeeffachuun akka malee dabaleera,'' jette.
Roozimeerii Dikaarloo itti dabaluun, biyya uummata miliyoona 110 ol qabdu, sabaafi sablammii 90 ol keessa jiruufi afaanotni 80 ol keessatti dubbatamu keessatti waraanni itti fufee gaggeeffamuufi nageenyi dhibuun miidhaa akkamii fiduu danda'a kan jedhu namuu tilmaamuu hin danda'u jette.
Waan hin oolu jedhamee nama sodaachisu Itoophiyaan gara waraana walii waliiniitti ni galti isa jedhudha jette.
Miseensotni Mana Maree nageenyaa UN kaan maal jedhan?
Miseensotni mana marichaa ifaajee araara buusuuf Gamtaan Afrikaa gochaa jiru akka deeggaran himanii, TPLF humnoota isaa dhaabuun bakka waraana duraan turanitti deebisuu qaba jedhan.
Bakka buutuun Noorwey humnootni TPLF fi WBO magaalaa Finfinnee haleelanii qabachuu akka hin qabne himte. Akkasumas, mootummaan saba tokko adda qoodee dhorkaa adda addaa yookaan qoqqobbii irra kaa'uurraa akka of qusatu gaafatte.
Bakka buutuun Ayerlaandi ammoo ''yeroo dheeraaf callifne,'' manni marichaa aangoo jijjirama tokko fiduu qaba ture jette. Garuu waraannichi bara darbe yeroo hammaataa dhuferraa eegalee akkasumaan ture jette.
UKn ammoo labsiin yeroo muddamaa mootummaan dabarse mirga namoomaa cinatti dhiisuun seerota mirga namoomaa idil-adunyaa cabsuu hin qabu jechuun akeekkachiifte.
Bakka bu'aan Itoophiyaa ''marii siyaasaa akka gaggeeffamu waamicha tahe hundaa ni kabajna. Garuu garaagarummaan siyaasaa guddaan kamiyyuu Itoophiyaa keessa jiraatu gareen siyaasaa meeshaa waraanaa kaase hin jiru. Sabaafi sablammii heedduu tahuun Itoophiyaaf rakkoo miti. Rakkoon garee yakkamtootaa wal qixxummaa didee ol aantummaafi kabaja karaa malee argame barbaadudha,'' jedhan.
UN dabalatee biyyootni gurguuddoo adunyaa waraanni dhaabbachuun karaa mariin akka xumuramu gaafataa jiru.
TPLF, WBO fi humnootni biroo waliigalan sagal tahan ammoo mootummaa MM Abiy Ahimed kaasuun mootummaa ce'umsaa hundeesina jechuun Waashingitanitti waliigaltee walii mallatteessaniiru.
Waraanni naannoo Tigraayiitti eegalamuun amma naannoolee ollaa Affaariifi Amaaraatti babalate amma waggaa tokko lakkoofsiseera.
Waraanichi dhaabbatee furmaanni mariin akka barbaadamuuf biyyoonni adda addaa, dhaabbilee ardii fi idil-addunyaa irra dedeebbiin waamicha taasisan illeen hanga ammaatti bu'aa qabatamaan osoo hinmul'atiin waraanichi akkuma itti fufeetti jira.
Lakkoofni namoota waraana kanaan lubbusaanii dhaban sirriin beekamu baatulleen kanneen kumaatamaan lakkaa'aman du'uu akka hinoollee dhaabbilee idil-addunyaa adda addaa ni tilmaamu.
Dhaabbanni Motummoota Gamtoomanii akka jedhuutti, sababii waraana kanaatiin naannoo Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessatti nammoonni miiliyoona torbaa ol ta'an deeggarsa namoomaa atattamaa kan barbaachisu yoo ta'u, kanneen wallakkaa miiliyoonaa ta'an ammoo qarqara beela cimaatti argamu.









