Waraana Itoophiyaa: 'Jaarroleen dhagaafi marga qabadhaa araaraaf deemaa' - Artist Taarikuu Gaangisii
![Weellisaa Taarikuu Gaangisii [Diishtaa Giinaa], hiriira deeggarsa mootummaa fi balaaleffanna TPLF Finfinnetti bahame irratti waraanni hin barbachisu jedhe](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/640/cpsprodpb/141DB/production/_121459328_diishtaagiinaa.jpg.webp)
Madda suuraa, Toonaataan TR
Artistiin dhiyeenya beekamtii guddaa horate Taarikuu Gaangisii Dilbata kaleessaa hiriira guddaa deeggarsa mootummaaf magaalaa Finfinneetti waamame irratti dubbii ''araara wayya'' jedhee dubbachuun dubbii ijoo taheera.
Kana dura miseensa raayyaa ittisa biyyaa akka ture kan himamu Taarikuun, waltajjii balaaleffannaa TPLF fi WBO irratti gaggeefamuuf bahame irratti, ''dargaggoonni gara waraanaatti hin deemiinaa, jaarroleen dhagaa baadhaatii, marga qabadhaa dhaqaa, araara wayya,'' jedhee dubbachuun dubbii ijoo miidiyaa hawwaasaa ture.
Ofii dhaamsi Taarkuun waltajicha irratti dubbate maal ture?
Taarikuun waltajjiitti yeroo bahu nagaa gaafachuun jalqabe.
"Ani hin sirbu. Sirbuuf hin dhufne. Guyyaa hundumaa sirbamaa? Guyyaa gaddaafi gammachuu sirbuu qofadhaa? Guyyaa sirbamuuf hin sirbamne anumtuu adda baaseen beeka.
Eessa dhaabadhee sirbu? Eessa dhaabadhee faarfadhu? naannoon isaa dhiphateera. Ani waan sirbus, dubbadhus hin qabu,'' jedhe.
Taarikuu Gaangisii sirba isaa 'Diishtaa Giinaa' jedhu keessatti dhalli namaa hunduu walqixa tahuufi uumaa tokko irraa dhufuu hima.
Dhalli namaa Addaamiifi Hewwan irraa akka dhufan, uumaa Waaqaa akka tahaniifi tokko isa kaan irra akka hin caalle ibsa sirbi isaa. Kaleessa yeroo waltajjiitti bahus akkas jechuun waan amantaa irraa barachuu hin dandeenye jedhe.
''Isa abbootiin amantaa nu barsisanin irraa hin baranne. Sheekotni kan nu barsisan irraa hin baranne. Isa lubootni, paasterootni nu barsisan irraas hin baranne. Faarfannaa irraa kan hin baranne sirbaanis hin barannu.
Uffata gurraacha uffachuun nurraa hin bareedu. Uffata gurraacha uffachuun nu gaha. Gurri keenya nu dhiigeera. Maaliif dargaggootni du'uuf gara fuulduraatti deemu? Dargaggoonni akka hin deemne.
Jaarroleen haa deeman. Dhagaa mataa isaaniirra isaaniirra godhanii, marga qabatanii haa deeman. Jaarsummaatiin wayya. Qawween ni gaha. Furmaata hin qabu.''
Anis deeme waraaneera. Obboleessakee waliinidha jedhamnaan dhiiseen deebi'e jechuun haala waraana mootummaa giddugaleessaafi humnoota TPLF gidduutti gaggeeffamu ibse.
''Humnis nu hin barsiifne. Dhiigni nu hin barsiifne,'' jechuun ergaa isaa goolabuun gara sirbaatti deebi'uun ''jalalli dhibe, nagaan dhibee'' jechuun weellise.
Taarikuun sirba isaa Diishtaa Giinaa jedhamu kan aadaa saba Arrii agarsiisuun beekamtii guddaa argateera.
Kana malees, dhiyeenya weellisaa beekamaan lammii Senegaal Akon sirba Taarikuu 'Diishaa Giinaa' jedhe irra deebiin bareechee [Remix] godhee sirbeera.
Dhaabbileeniifi biyyoonni idil-addunyaa yeroo garaa garaatti waraanni kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamu mariidhaan furmaata akka argatuuf yeroo garaa garaatti waamicha akka dhiyeessan dhagahama.
Haata'u malee Taarkuun namoota beekamoo lammiilee Itoophiyaa waraanichi kara araaraatiin akka furamuuf ifatti dubbatan muraasa keessaa tokko ta'utu himama.
Namootni maal jedhan?
Hayyuun seeraafi xiinxalaan siyaasaa beekamaan Awwal Aloo, ''weellisaa Taarikuu Gaankisiif kabajaa guddaa, hojii isaa guddaa kana dura hin baramne kanaaf,'' jedhe.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1
Hundeesituun Addis Standard Tsedaalee Lammaa fuula Tiwiiterii ishee irratt, "ji'ootaaf mootummaan Itoophiyaafi hundeen sabboonummaa isaa sirba Diishtaa Giinaa fayyadamuun buufata waraanatti dadammaqsuuf itti fayyadamaa ture.
Amma ammoo ifaafi sagalee ol-kaasuudhaan dhiiga dhangalaasuun haa haabbatu jedhe. Sagaleen duubaan dhaga'amu..?
Isaan inni kan hafeerameef waan isaan fedhan gochuun akka isaan gammachiisuuf ture; inni garuu ni dide,'' jechuun bareessite.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2
Ittanaan Abbaa Taayitaa Biroodkastii Itoophiyaa, Yoonaataan Tasfayee Raggaasaa ammoo, ''Obboleessi keenya Taarree, Dishtaa Giinaan afaan warra fakkeesitootaafi of tuultotaan leellifamuun xuraa'ummaa kan itti tahu sabboonaa ilma Itoophiyaati.
Waan fedhe jedheyyuu qajeelummaan dubbachuuf kan itti hin ulfaanne, nama gaariidha. Waa'ee nagaa labsuun isaas hammina hin qabu,'' jedhe.
''Seenaa waraana amma keessa jirru dagachuu irraa kan ka'e yookaan rakkinichi walxaxaafi amala of tuulummaa gareen shororkeesitootaa hubachuu dhabuu irraati.
Waa'ee lammiilee nagaa miidhamanii dhaguun namummaan itti dhagahamee yookaan ammoo qajeelummaan dubbachuu isaanii kabajaan fudhannee kan darbinu ta'a. Ajandaa nageenya lammiileetiin ala dhimma biraa hin qaban. Dishtaan Giinaanis [Taarikuu Gaankgisiinis] namoota qajeeloo akkasii kana keessaa tokkoda. Isaafis tahe warra isa fakkaatan birootiif jabaadhaa guyyaan kun ni darba jechuun barbaada," jedhe Obbo Yonaataan.
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook
Waraana Itoophiyaan dirqamtee itti seente, TPLF kan jaarsumm diduun daa'immaniifi jaarsolii ibiddatti ittiin naqaa jiruuf madda bu'uura rakkoo hundaa ta'e guutummaan guutuutti barbadeessuun nageenya waaraa ni mirkana'aa kan jedhe Obbo Yonaataan, "Sababiin waraanichaa yoo dhabamsiifame, nagaa isin amma hawwitan, kan nutis feenu, kan raayyaan ittisaa keenyaa haarsaa itti kaffalaa jiruus ni dhugoomaa jabaadhaa," jedhe.
Namootni tokko tokko ammoo waan abbootiin amantaa hanga ammaa hin hojjenne waltajjii guddaa kana irratti seenaa dalage jechuun miidiyaa hawwaasaa irratti barreessan
Gama biraan ammoo yeroo biyyi rakkoo keessa galtetti akkamiin dubbii akka kanaa wal tajjii irratti dubbachise jedhanii kan qeeqanis jiru. Kaan ammoo kana dura ''anis nan duula'' jechuun yeroo dubbate dhageenyerra, amma kana dubbachuun isaa waan dinqisisa miti jechuun kan qeeqan miidiyaa hawwaasa irratti maxxansaniiru.
Waraanni mootummaa giddugaleessaafi humnoota TPLF gidduutti gaggeeffamu karaa nagaan akka hiikamuuf Gaanfa Afrikaatti ergamaa Addaa Gamtaa Afrikaa kan tahan Olusegun Obaasaanjoo kaleessa gara Maqaleetti imaluun hogganaa TPLF Dr Dabretsiyoon G/Mikaa'el waliin mari'achuu gabaafameera.
Taariku Gaankiisii eenyu?
Taarikuun dhalatee kan guddatee Ganda Barqaa jedhamtu kan Godina Oomoo Kibbaa magaalaa Jinkaa irraa fageenya km 20 keessatti.
Saboota naannawa sana jiraatan keessaa sabni Arrii tokko. Taarikuun raayyaa ittisa biyyaatti makamuun lola Itiyoo-Ertiraa irratti hirmaachuu hima.
Kana malees, waggoota jahaaf magaalaa Finfinnee keessa jiraatee ture. Yeroo sanattis hojii humnaatii kaasee hanga jireenya dandiirraa keessa darbeera.
Taarikuunyeroo magaalaa Finfinneetti hojii humnaa hojjataa tureetti ''guyyaan qarshii torbatu naaf kanfalamaa ture'' jedhe kana dura gaaffiif deebii BBC waliin taasise irratti.
Jireenyaasaa mu'achuuf hojiin inni hin yaaliin akka hin jirre dubbata. Bishikiliitiifi joottaniis kireessuun hojjachuu yaaleera.
Booda garuu jireenyi magaalaa itti ulfaannaan deebi'ee gara Jiinkaatti qajeele. Achittis hojii qonnaa hojjachuu eegalu hima.
"Jireenyi bosonaa gaariidha. Bosonni sitti hin dubbatu. Si hin arrabsu, eessaa dhufte siin hin jedhu. Margisaa qoricha. Magaalaa garuu hammeenyatu baayyata,'' jedha jireenya bakka lamaanii wal bira qabuun.
Taarkuun amma abbaa warraafi abbaa ijoollee shaniiti.















