Waraana Tigiraay: Finciltoonni TPLF naannoo Amaaraatti yakka gudeeddii raawwachuu Amnastii Intarnaashinaal hime

Loltoota TPLF

Madda suuraa, Getty Images

Waggaa darbe ji'a Adoolessaa keessa humnoonni TPLF naannoo Amaaraa magaalaa Nifaas Maawucaa irratti yeroo haleellaa banan yakka dirqamaan gudeeduu, saamichaafi miidhaa qaamaa jiraattota irratti raawwachuu gabaasni Aminestii Internaashinaal agarsiise.

Mirga dhala namaaf kan falmu Aminestii Internaashinaal, jiraattota magaalichaa dubbise keessaa dubartoota 16 irratti humnoonni TPLF yakka gudeeddii raawwataniiru.

Dubartoonni kunneen akka jedhanitti, hidhattoonni TPLF meeshaa waraanaa isaanitti qabuun akka isaan gudeedan, saamichaa akka irratti raawwatanii fi miidhaa qaamaa irraan gahan himan.

Dubartoota Aminestiin dubise yakki gudeeddii irratti raawwate 16 keessaa 14 kan tahan irratti yakki gudeeddii gareedhaan irratti raawwate.

Akkasumas, finciltoonni TPLF dhaabbilee fayyaa magaalicha jiran saamuun isa, kaan ammoo mancaasuus ibseera.

Waraanni naannoo Tigiraayitti gaggeeffamaa ture gara naannolee ollaa akka Amaaraatti yeroo bababl'ataa dhufee ture hidhattoonni kunneen magaalaa Nifaas Mawucaa kan galan.

Naannoo Amaaraa Godina Kibba Gondaritti kan argamtu Nifaas Mawucaan humnoonni TPLF to'atanii kan turan Adoolessa 06 hanga 15/2013tti guyyoota kudhaniif ture.

Qondaalli naannichaa tokko Aminestii Internaashinaalitti akka himanitti hidhattoonni TPLF guyyoota magaala Nifaas Mawucaa turanitti dubartoota 70 ol irratti yakka gudeeddii raawwataniiru.

''Ragaaleen namoota gudeedaman irraa dhageenye gochaan TPLF kan nama qaanessu, yakka waraanaafi yakkoota namoomaa irratti raawwatan biroo waliin kan wal gitudha.

Gochaan isaanii safuu yookaan mirga namoomaa kan cabsedha,'' jechuun Aminestii Internaashinaalitti barreessaa ol aanaa kan tahan Agines Kaalaamaardi himan.

Dabalataan hidhattoota TPLF miidhaa saalaafi fedha fooniin alatti mirga namoomaafi seerota idil-adunyaa biroo dhiisuun yakka hojjetan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu gaafateera.

Hojjetuun wajjira dhimma dubartootaa, daa'immanii fi dargaggootaa Aminestiin dubbise yeroo jedhame keessatti dubartoota 71 tahan irratti yakki gudeeddii humnoota TPLF'n raawwatamuu himan.

Ministeerri Haqaa ammoo lakkoofsi dubartoota gudeedamanii 73 tahuu hime.

Dubartootni miidhaa kana irraa ooluun yaada isaanii dhaabbata mirga namoomaa kanatti himan gudeeddiin kan jalqabe akkuma hidhattootni TPLF magaalicha galuu jalqabanittidha.

Dubartootni gudeedaman yakka kana kan irratti raawwate humnoota TPLF tahuu kan baran loqoda dubbii isaanii fi arraba sabummaa irratti xiyyeeffate isaan dubbataa turanii fi ifatti humnoota TPLF tahuu isaanii himuu isaanii irraa tahuu himan.

Finciltoonni kunneen yakka gudeeddii dabalata sabummaa isaanii irratti xiyyeeffachuun arrabsoo kabaja namaa tuqani raawwachaa turan.

Inumaa bakka tokkotti ammoo yakka gudeeddii humnootni federaalaa dubartoota Tigiraay irratti raawwatan ijaa bahachuuf akka tahe dubbataa turan jedhan.

Aminestii Internaashinaaliifi dhaabbilee mirga namoomaa biroo humnoota waraanaa mootummaafi milishootaan naannoo Tigiraay keessatti yakki gudeeddii bal'aan raawwatamaa akka ture kan agarsiisu gabaasa tokko baasuun isaanii ni yaadatama.

Humnoonni TPLF magaalaa Nifaas mawucaatti yakka gudeedii, dubbii arrabsoo nama salphisaniifi miidhaa qaamaan dabalata saamichafi qabeenya isaaniis mancaasuu gabaasni Aminestii kun ni eera.

Dubartoonni yakki gudeeddii irratti raawwate akkasumas humnoota TPLF'n qabeenyi isaanii akka jalaa fudhatame dhaabbata kanatti himaniiru. Nyaata, faaya adda addaa, maallaqaa fi moobaayila harkaa akka jalaa fudhatan himaniiru.

Dubartoota 16 yakki gudeeddii irratti raawwatame sababa yakka irratti raawwatameen miidhaan qaamaa fi xiinsammuu akka irra gahes himaniiru.

Buufataaleen fayyaa naannicha jiranis saamamuu fi manca'uu isaanii irraa kan ka'e dubartootni kunneen yaala argachuun akka isaan rakkise Aminestiin himeera.