Safaricom hojjeettoota isaa, Zaambiyaan lammiilee ishee Itoophiyaa keessaa baasan

Safaricom Bahaafi Giddugala Afrikaatti dhaabbata guddicha tajaajila telekomii kennuufi bu'aa guddaa buufatudha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Safaricom Bahaafi Giddugala Afrikaatti dhaabbata guddicha tajaajila telekomii kennuufi bu'aa guddaa buufatudha

Dhaabbati telekomii guddichi Keeniyaa Safaricom haalli nageenyaa fi siyaasaa Itoophiyaa invastimantii biyyattii keessaa qabuurratti yaaddoo uumuu hime.

Itoophiyaa keessa baatii muraasa booda tajaajila telekomii eegaluuf yaada kan qabu dhaabbatichi hojjettootaa fi kontiraaktaroota isaa Itoophiyaa keessaa baasuu himeera.

Haata'u malee Hojii gaggeessaan Olaanaa dhaabbtichaa Piitar Nidigiwaa gidduu bara 2022 keessa Safaricom tajaajila telekomii Itophiyaa keessa akka eegalu abdii qabu.

Lolli Kaaba Itoophiyaatti hammaatee fi Labsii Yeroo Muddamaa torban darbe labsame hordofee dhaabbileefi biyyoonni hojjettootaafi lammiilee isaanii baasaa jiru.

Guyyaa kaleessaa biyyi Afrikaa Zaambiyaan lammiilee ishee Itoophiyaa keessaa baasuu ishee Pirezidantiin biyyattii Hakayindee Hichileemaa himaniiru.

Dhaabbati Bahaafi Giddugala Afrikaatti guddichaafi bu'aa guddaa buufatu kuni haalli Itoophiyaa keessaa egeree murtii bizinasii isaarratti dhiibbaa akka qabu ibseera.

Gaazexeessaan BBC gaafa Roobii ganama waajjira isaanii Finfinnee jiru dhaqee hubate haala mirkana hin taane keessa akka jiran akeeka.

Gurmuun 'Global Partnership for Ethiopia' jedhamuufi kampaanota ja'a of keessaa qabu kampaanii biyya Keeniyaa Safaricomiin durfamaa ture dolaara biiliyoona 2 Itoophiyaa keessa invastii gochuuf yaada qaba.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Dabalataan, waggoota shanan jalqabaatti namoota 1,000 qacaruuf yaada qaba.

Dhaabbatichi invastimantii isaa Itoophiyaa keessa akka babal'ifatu liqaa dolaara miiliyoona 500 Ameerikaarra fudhatuuf ture. Ta'us, haala liqaan suni itti jiru ifatti dubbatuu hin feene.

Ta'us, US kana dura deeggarsa diinagdeefi nageenyaa Itoophiyaaf kennitu haquun alatti carraa daldalaa qaraxa malee - AGOA - dhorkuuf akka hedduu beeksisteetti.

Sababiin eertees sarbama mirga namoomaa Itoophiyaa keessa raawwatedha. Dhimma kanaan qondaaltonni Itoophiyaa wal hin galani.

Waraanni naannoo Tigraayiitti eegalamuun boodarra naannoolee ollaa Affaariifi Amaaraatti babal'ate amma waggaa tokko lakkoofsiseera.

Waraanichi dhaabbatee furmaanni mariin akka barbaadamuuf biyyoonni adda addaa, dhaabbilee ardii fi idil-addunyaa irra dedeebbiin waamicha taasisan illeen hanga ammaatti bu'aa qabatamaan osoo hin mul'atiin waraanichi akkuma itti fufeetti jira.