UN hojjeettoonni kiyya 16 Itoophiyaatti hidhaman jechuun hime

Alaabaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii

Madda suuraa, EPA

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii hojjettoonni kiyya kudha jahaafi maatiin isaanii Finfinneetti hidhaman jechuun gaafa Kibxataa dubbatuun isaa gabaafame.

Qondaaltonni nageenyaa UN kanneen hidhaman mana hidhaa dhaqanii dubbisuufi akka hiikaman Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa gaafatuu Rooyitars gabaaseera.

''Akka saffisaan hiikamaniif mootummaa Itoophiyaa waliin hojjetaa jirra,'' jechuun Dubbii Himaan UN Siteefan Dujaarik dubbatuu Rooyitars himeera.

Dubbii Himaa Poolisii Magaalaa Finfinnee Komaandar Faasikaa Fantaa kan gaafate Rooyitars dhimma namoota hidhamanii akka odeeffannoo hin qabne dubbatuu gabaase.

AFP'n akka maddeen deeggarsa namoomaa eeruun gabaasetti kunneen lammiilee Itoophiyaa dhaabbatichaaf hojjetaa jiranidha. Lakkoofsi isaaniis 12 ol jedhe.

Dabalataan kanneen hidhaman kunneen lammiilee Itoophiyaa dhalattoota Tigraay ta'anidha jechuun ibse. ''Muraasni isaanii mana isaaniitii fuudhamani,'' jedheera gabaasni AFP.

Rooyitars kan Dubbii Himaa UN eerun gabaase immoo kanneen hidhaman 16 ta'u ibse. Eenyummaa isaanii garuu waan hime hin qabu.

Dhimmi hidhaa hojjettootaa kuni yeroo UN fi AU akkasumas dhaabileen kaan waraana Itoophiyaa keessaa mariin furuuf sochii taasisaa jiranitti dhagahame.

Itoophiyaan lola Kaaba Itoophiyaatti hammaachaa dhufe hordofee labsii yeroo muddamaa baatilee jahaaf turu torban darbe labsiteetti.

Eegasii dhalattoonni Tigraay kan magaalaa Finfinnee keessa argaman akka hidhaaf saaxilaman himachaa turan.

Dhimma kana BBC'n kan gaafatame poolisiin Finfinnee namoota to'annoo jala oolan keessaa garri caalu dhalattoota Tigraay ta'u mirkanesseera.

Ta'us, dhalootaan osoo hin taane shakkiin to'atamuu ibse.

Baatii muraasa dura Itoophiyaan qondaaltota olaanoo UN torba ''gochaawwan walabummaa biyyaa cabsaniifi yaaddoo nageenya biyyaalessaa ta'an'' raawwataniiru jechuun himatte ariteetti.

Murtee Itoophiyaa kana UN fi biyyoonni Lixaa cimsanii balaaleeffatanii turan. Ta'us, Itoophiyaan murtii ofiin akka itti fuftu ibsite.