Tele-koomii: 'Hanga namoota miliyoona 1.5 tahaniif carraa hojii uumna' - Hoji-gaggeessaa Safaricom

Madda suuraa, PPm office
Itoophiyaan damee telekoomiirratti akka hirmaataniif gurmuu kubbaaniyoota telekomii addunyaaf eeyyama kennuushee dhiyeenya beeksisuu hordofee, waliigalteen guyyaa Kibxataa mallattaa'eera.
Sirni waliigaltee heeyyama telekoomii mallatteessuu kun Finfinneetti Pireezidantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa fi Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad akkasumas bakka buutoonni waltahinsichaa bakka argamanitti gaggeeffameera.
'Global Partnership for Ethiopia' kan jedhamuufi gurmuu kampaanota jahaa kan tahe waltahinsi kun eeyyama telekoomii injifachuun hojii eegaluuf jedha.
Gamtaa kana kan dursu kampaanii biyya Keeniyaa Safaricom yoo tahu, kan biyya UK Voodaafoon, CDC Giruup, kan Afrikaa Kibbaa Voodaakoom, kan Jaappaan Sumitoomoo fi DAFS gurmuudhaan eeyyamicha argataniiru.
Hojii gaggeessaa olaanaan Safaricom Aabba Piitar Ndegiwaa turtii addatti BBC wajjin taasisaniin, kaampaaniin isaanii Safaarikoom, ''Keeniyaatti baay'ee milkaa'aa'' tahuu himuun, gara gabaa Itoophiyaatti galuuf fedhiin jiru kan ture tahuu ibsan.
Kana milkeessuufis eeyyama argachuun keenya baay'ee gammachiisaadha jedhan. Piiter gurmuun kaampaanota addunyaa waliin eeyyama argate hojii tajaajila telekoomii isaa walakkaa bara 2022tti akka jalqabu himan.
''Bara 2022tti Itoophiyaatti sochii daldalaa ni jalqabna'' jedhan. Hojii gaggeessaa ol aanaan kun gurmuun kaampanotaa eeyyamicha fudhate tajaajila bilbilaa fi interneetii qulqullina qabu dhiyeessuun, Itoophiyaa gara tajaajila dijitaalaatti jijjiiruun jireenya namootaa fooyyessuuf fedhii qabnu dhugoomsina jedhan.

Madda suuraa, PM office
''Itoophiyaan uummata miliyoona 112 qabdi. Baay'inni uummata ishee dabalaa jira. Dhaabbata tajaajila telekoomii dhiyeessu tokko qofatu jira.
Waan bal'aa dubbachuu hin barbaadu. Haatahu, malee uummata bal'aa bira gahuuf yaadna. Waggoota jalqabaa shananitti uummata bal'aa bira geenya jedheen yaada,'' jedhan.
Carraa hojii uumuu
Itoophiyaan damee telekoomii banaa gochuu isheen sharafni alaa guddaan gara biyyattiitti akka galu gochuu qofa osoo hin taane, namoota baay'eef carraan hojii akka banamus himameera.
Piiter Ndegiwaa gurmuun kaampanota kanaa gara Itoophiyaa yeroo galu carraa hojii namoota baay'eef uuma jedhan.
''Kallattiinis tahe al-kallattiin namoota miliyoona tokkoo hanga miliyoona 1.5 tahaniif carraa hojii uuma. Oomishaafi tajaajila kan raabsan dhiyeessitoota biyya keessatti ni qabaanna. Cancala daldalaa sana keessatti namootni baay'een ni hirmaatu,'' jedhan.
Hojii gaggeessichi mootummaa waliin tahuun dhaabbileen fayyaafi barnootaa tajaajila interneetii akka argatan gochuun gara dijitaalaatti akka jijjiraman gochuuf hojjenna jedhan.

Madda suuraa, Reuters
Sodaa Itoophiyaatti investimentii gaggeessuu
Itoophiyaatti rakkoo nageenyaa irraa kan ka'e irra deddeebiin tajaajilli interneetii adda ciccitaa ture.
Kaaba biyyattiitti waraanni adeemaa jira. Kutaa biyyattii garaagaraa keessattis akkasuma walitti bu'insi ni uumama.
Siyaasni biyyattii tasgabbaa'uu dhabuufi sodaa nageenyaa biyyattiitti investi gochuu irratti sodaa uumu hin qabuu? jedhanii kan gaafataman Aabba Piiter: ''Abbaan Taayitaa Komunikeeshinii Itoophiyaa imaammatni hojii irra oolu akka jiru nuu mirkaneessaniiru.
Imaammatni kun akkuma biyyoota biroo keessatti karaa nagaa qabuun hojjetu akka nu hojjechiisu nuuf mirkaneessaniiru,'' jedhan.
Adda ciccituun intarneetii yaaddoo akka isaaniitti hin taanes Piitar Ndegiwaa BBCtti himaniiru.
''Rakkoon nageenyaa Tigraayiifi kutaa biyyattii gara biroo keessa jiru hojii daldalaa irratti dhiibbaa inni qabu irratti ammoo, Investimentiin Itoophiyaatti taasifnu karoora yeroo dheeraati,'' jedhan.
''Akkuma carraa bal'aan jiru, kanaan wal qabatee balaa dhufu malus yaaduun barbaachisaadha.
Yeroo hundayyuu gara biyya haaraa tokkotti yeroo galamu rakkoon tasgabbii dhabuu siyaasaa fi rakkoon maayikiroo ikoonomii mudachuu danda'u. Rakkoon maallaqa ittiin daldalanii jiraachuu danda'a. Rakkoo kanneen hundaa tilmaama keessa galchineerra,'' jedhan.
Kaampaanii rakkoolee oppireeshinii keenya irratti nu mudatan adda baasee nu beeksisu qabnas jedhan hoji-gaggeessaan kun.














