Telekoomii: Gamtaan dhaabbilee Safaricom dursu Itoophiyaatti ji'ootaan booda tajaajila akka eegalu beeksise

Safaricom

Madda suuraa, Reuters

Dhiyeenya Itoophiyaatti heeyyama telekoomii kan mo'ate gamtaan kaampaaniiwwan ''Walta'insa Idil- addunyaa Itoophiyaaf'' jedhamu, ji'ootaan booda tajaajila akka eegalu beeksise.

Walta'insi dhaabbata Keeniyaa kan tahe Safaricom'n durfamu kun, ibsa Wiixata baaseen, tajaajilli telekoomii Itoophiyaatti kennuu eegalu bara dhufu ji'a Amajjiirra jalqaba jedheera.

Gamtaan ''Walta'insa Idil - addunyaa Itoophiyaaf'' jedhamu kun kaampaaniiwwan idil-addunyaa maqaa gurguddaa qaban kanneen akka 'Vodafone, Vodacom, Safaricom, Sumitomo Corporation fi CDC Group' jedhaman kan hammatudha.

Itoophiyaan ganna lamaan dura damee telekoomii invastaroota biyya alaatiif banaa akka gootu erga beeksiftee booda, heeyyama lama damee kanaaf caalbaasiin kennuuf dhiyeessitee turte.

Kanumaanis gamtaa kaampaaniiwwanii kan tahe waltahinsi kun, gatii olaanaa doolaara miiliyoona 850 dhiyeessuun caalbaasicha oggaa mo'atu, heeyyamni lammeessoo hin kennamne.

Gamtaan kun biyyattiitti jijjiirama diinagdeefi hawaasummaa fiduuf akka hundaa'e eera ibsichi.

Kanaanis gamtaan kun tajaajila mobaayilaafi intarneetaa gatii madaalawaan dhiyeessuun, lammiilee biyyattii miiliyoonotaan lakkaawaman tajaajila telekoomii qulqullina qaburraa fayyadamtoota tahu jedheera.

Waltahinsichi cehumsa dijitaalaa Itoophiyaaf deeggarsa akka godhuufi jireenya lammilees haala gaariin akka geeddaru abdachuus ibsichi ni hima.

Dhaabbilee misoomaa mootummaa keessaa tokko kan tahe ItiyooTelekom, dhaabbilee bu'aa buusan keessaa tokko tahus, kaampaaniiwwan naannicha jiran wajjin wayita dorgomu gadaanaa akka tahe xiinxaltoonni ni himu.

Itoophiyaan Itiyoo Telekom dabalatee dhaabbilee misoomaa mootummaa gariin kan gurguruuf murteessite, gara caalu liqaa guddaa irra jiru baasuuf akka tahe ni himama.

Kana malees, dhiyeessii telekoomii dabaluufi tajaajila si'eessuunis akka sababa biraatti ka'a.

Heeyyamoota lama kaampaaniiwwan biyyoota alaatiin qabamaniin alatti, Itiyoo Telekomis balbalasaa invastarootaaf banaa godha jedhameera.

Kanaanis, dhaabbanni guutummaatti mootummaa jala ture kun dhiyeenyatti %40 abbootii qabeenyaa biyya alaaf, %5 lammilee biyyattiif, akkasumas %55 ammoo kan mootummaa tahee akka itti fufu eegama.

Biyyoota addunyaarra jiran keessaa damee kana banaa taasisuun biyyoota dhumarra jiran jedhaman keessaa tokko akka taate kan eeru ibsi kun, biyyattiin dhaabbilee maallaqaa idil- addunyaan gargaaramuun, ganna sadan dabraniif heeyyama kana kennuuf adeemsarra turte jedha.

Rifoormiiwwan diinagdee biyya keessatti eegalaman kunniin carraa hojii dabaluuf, hiyyummaa hiri'isuufi diinagdee biyyaa haala hunda hammateefi waaraa taheen guddisuuf faayidaa qabu jedha.

Namoonni hedduun fayyadamtoota telekoomii tahan jechuun diinagdeen saffisaan ni guddata kan jedhe ibsi kun, carraan hojii miiliyoonaan lakka'amus uumamuu danda'a jedheera.

Itoophiyiaa keessatti tajaajila teleekoomii laachuuf dhaabni biyya alaa hayyama jalqabaa argate, biyyattiifi ummataaf faayidaa hedduu argamsiisa jedhamee eegama.

Keessattuu hoji-dhabdummaa yeroo yeroon guddachaa dhufeef, dargaggootaaf carraa hojii bal'aa uuma jedhamee eegama.

Mobaayila

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, 'Jireenya lammilee Itoophiyaarra jijjiirama hiikaa qabu fiduu barbaadna,'' jedhan Hoji-gaggeessaan Vodacom Group

'Teknooloojii ceessisa...'

Ministeera Maallaqaa Itoophiyaatti gorsaa kan tahan Dr Biruuk Taayyee AFPtti akka himanitti, kaampaanichi waggoota kudhan dhufanitti carraa hojii haaraa miiliyoona 1.5 gahu uuma.

Maallaqa doolaara biiliyoona 8.5 gahus gara biyyaatti galcha jedhan.

''Networkii telekoomii diriirsuun haala jireenyaa dijitaalaan deeggarame uumuuf, lammiilee Itoophiyaa wajjin hojjechuuf carraa argachuu keenyaatti gammachuu qabna,'' jedhan Hoji-gaggeessaan Safaricom Pitar Ndeegwaa.

''Baroota dabran keessa humna ceehumsa dijitaalaafi jijjiirama maamiltoota keenyarratti fide argineerra. Qaamolee Itoophiyaa keessa jiran wajjin hojjechuun ceehumsa walfakkaataa fiduu akka dandeenyu amanna.''

Waggoota 120'f biyyattiin kophummaan kan qabatamee ture dameen telekoomii, hayyama kennuu hordofee MM Abiy Ahimad ''murtoo seena-qabeessa'' ittin jedhaniiru.

MM Abiy qaamni filatame kaffaltii hayyamaa isa olaanaafi karoora invastimantii amansiisaa dhiyeesse jedhan.

Kunis ''invastimantiiwwan alaa kallattiidhaan hamma har'aatti Itoophiyaatti taasifaman keessaa guddicha isa taasisa,'' jechuun fuula miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaa maxxansan.

Hoji-gaggeessaan Vodacom Group Shaamil Josub gamasaaniin: ''waltahinsi kun tajaajila tekinoolojii ceesisaadha jedhamu dhiyeessuun muuxannoo gaarii qaba.

''Keessattuu gama fayyaa, barnootaafi qonnaan, netiwoorkii qulqullina qabu ijaaruun maqaa gaarii qaba,'' jedhan.

''Jireenya lammilee Itoophiyaa keessa sirna dijitaalaa hunda hammate beeksisuun, jijjiirama hiika qabu fiduu barbaadna.

''Hunda hammachuun kun Vodaakom 2025tti Afrikaanonni miiliyoona 100 qunnamtii dijitaalaa akka qabaatan waadaa galedha.''

Waltahinsa keessaa tokko kan tahe Itti gaafatamaan CDC Africa Obboo Tinbita Ermiyaas gamasaaniin ''Diinagdeen ammayyaa, tasgabbaa'eefi saffisaan guddatu kan ijaaramu, bu'uuraalee misoomaa dijitaalaa amansiisaafi gatii madaalawaa qabuuni,'' jedhaniiru.

''Daldala addunyaa keessatti dhiyeessiin murteessaadha. Yeroo ammaatti biyyattii keessa carraawwan diinagdee bu'uuraati jedhaman lammiilee Itoophiyaa miiliyoona 10 ta'aniif dhiyeessuuf, networkii mijataa diriirsuuf qophiidha.

''Kunis kan magaalaa jiraatuuf, qonnaan bultootaaf, dhaabbilee daldala xiqqaa hanga guddaatti kan carraa uumuudha. Guutuu biyyaafis oduu dansaati,'' jedhan.

Ibsa bahe kanarratti Hoji-gaggeessaan Vodafone Group Niik Riid, misooma diinagdee biyyattiirratti gama bu'aa buusuun hirmaachuu akka barbaadan himaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Pireezidantii Ittaanaan Sumitomo Corporation Toshikaazuu Naambii, kaampaaniin isaanii dameewwan daldalaa garagaraarratti hirmaatus, miidiyaafi damee dijitaalaaf xiyyeeffannoo guddaa akka kennan eeran.

Dabalataan, muuxannoo Jaappaaniifi biyoota Eshiyaatti gabbisan, akkasumas ceehumsa dijitaalaa amayyaawaa gara Itoophiyaa fiduu akka barbaadanis himaniiru.