Waraana Tigraay: Waa'ee haleellaa qilleensaafi lola naannawa Kamiseetti ta'ee maal beekna?

Torbee darbe Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) fi humnoonni Tigraay waliin ta'uun, naannoo Amaaraatti magaalaa gudditti Godina Addaa Saba Oromoo Kamisee to'achuu erga himaniin duuba, haleellaa qilleensarraa Kamisee fi naannawaa isheetti raawwatameen namootni nagaa hedduun ajjeefamuu jiraattonni BBC'n dubbise himan.
Haa ta'u malee, bulchaan godinichaa Obbo Ahimad Hasan haleellaan xiyyaaraa lammiilee nagaa hin tuqne jechuun deebisan.
"Bakkee lolli hin jirre, bakkee nagahaa, akkasumas ummatni nagahaa, ummatni lola keessa hin jirre, ummatni hin lolle, ummatni badiidhaaf hin deemne hanga ammaatti dirooniidhaan hin dhahamne," jedhan.
Ta'us, saamichi, gudeeddiin raawwateera jechuun turtii BBC waliin taasisaniin himan.
Maaltu ta'e?
Humnootiin Tigraay torbee tokko dura Sadaasa 1, 2021 magaalota godinichaa akka Baatee, Burqaa fi Harbuu to'annoo isaanii jala oolchuu himan.
Isa durammoo Sadaasa 3, 2021 WBO waliin ta'uun magaala guddittii godinichaa kan taate Kamisee to'achuu isaanii himanii turan.
WBO'n osoo humnoonni Tigraay hin ibsiin guyyoota sadii dursee Kamisee to'achuu ibsee ture.
Ergasii lola naannicha keessatti humnoota mootummaa waliin godhamaa jiruun, haleellaa qilleensaa mootummaan raawwateen namootni nagaa ajjeefamaniiru jedhu jiraattonni BBC'n dubbise.
Haleellaan qilleensaa Sanbata Sadaasa 6, 2021 irraa eegalee Caffaa Roobiit, Battee fi baadiyyaa Axaayyee dabalatee bakka gara garaatti raawwatameen walumaagalatti yoo xiqqaate namootni ajjeefaman 33 ganda gandarraa maqaan adda baafamaniiru jedha jiraataan tokko.
Bakka Caffaa Roobiit jedhamutti haleellaa qilleensarraatiin namootni hedduun ajjeefamuu fi manneen hedduun gubachuu ijaan arguu kan himu jiraataan maqaan isaa akka hin himamne gaafate kun, ganda baadiyyaa Battee jedhamutti, maatii tokko keessaa namootni sadii ajjeefamuu hima.
Naannawa san keessatti ammallee lolli adeemaa jiraachuu fi sababa kanaatiin namoonni hedduun qe'eerraa buqqa'uu fi deeggarsa malee bakka gara garaa qubatanii akka jiranis hima.
Caasaan mootummaa guutummaatti akka hin jirreefi godinichi harka qeerroo fi hidhattoota Oromoo harka jiraachuu hima jiraataan kun.

Odeessaalee biroo dubbisuu maltan:

Jiraataan biraa godina addaa Saba Oromoo Aanaa Jiillee Dhummuugaa magaalaa Sanbatee irraa dubbisne akka jedhutti, lolli isaan bira gahuu baatus, guyyoota muraasa darban naannoo magaalaa Axaayyeetti lolli adeemaa jiraachuu fi dhukaasni meeshaa waraanaa gurguddaa akka dhagaa'amu hima.
Haleellaa qilleensarraa guyyoota muraasa dura Aanaa Arxummaa Fursii magaalaa Caffaa Roobiit keessatti raawwateen daa'immanii fi dubartoota dabalatee namootni nagaa hedduun ajjeefamu akka quba qabus hima jiraataan kun.
'Ummanni nagaa hin dhahamne'
Jiraattonni BBC'n dubbise kana haa jedhan malee bulchaan Godina Addaa Saba Oromoo Obbo Ahimad Hasan, lola adeemaa jiruun hanga ammaatti ummanni nagaa xiyyaaraa/dirooniin hin dhahamne jedhan.
Lolli adeemsifamaa kan jiru qaama 'naannoosaa gadhiisee weerara adeemsisaa jiru' waliin ta'uu kan himan Obbo Ahmad, "lammiileen nagaa haleellaa xiyyaara waraanaa fi dirooniin ajjeefamaa jiru" kan jedhu olola Itoophiyaa diiguuf adeemsifamaa jiru ta'uu dubbatan.
Dabalataan, humnoonni Tigraay dhimma haleellaa xiyyaaraa waan dubbatan hin qabani.
Mootummaan Federaalaa guyyoota darban haleellaa qilleensaatiin buufataalee leenjii fi loojistikii hidhattootaa haleeluu beeksisaa ture. Ta'us, kan haleellaa naannawa Kamisee waan dubbate hin qabu.
Lola godinicha keessatti adeemaa jiruun "namoonni du'aniiru, saamichi garagaraa akkasumas dirqamaan gudeeduun raawwatameera" jedhan Obbo Ahimad Hasan.
"Weerarri Kaaba Walloo fi Kibba Walloorratti raawwatame nurrattis raawwatamaa jira" kan jedhan Obbo Ahmad, weerarri kun humnootii TPLF fi Waraana Bilisummaa Oromoo /WBO/ kan isaan "juuntaa fi baandaa shanee" jedhaniin raawwatamaa jiraachuu BBCtti himaniiru.
"Lolli ifa bahe aanaa Arxummaa Fursii irratti adeemsifamaa jira. Bakka hundatti garuu qote-bulaan lola adeemsisaa jira. Afuris shanis ta'ee lolaa jira," jedhan.
Hidhattoonni Tigraay magaaloota godinichaa gara garaa seenuu kan himan aanga'aan kun "bifa tasgabbaa'een to'annaa jala oolchuu osoo hin taanee, dhukaasa garagaraatu adeemsifamaa jira," jedhan.
Itti dabaluunis "Shanee liigii Wayyaaneetu walitti qabamee maqaa Oromootiin isaan walin lolaa jira" jedhan.

Jiraataan magaalaa Sanbatee irraa dubbisne lolli isaan bira akka hin geenye himuun Kaaba magaalaa Sanbatee kan jirtu Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Efiraataa fi Gidim magaalaa Axaayyee irraa sagalee dhukaasaa gurguddaatu dhagaa'ama jedhu.
Raayyaan Ittisa biyyaa magaalaa Sanbatee qaxxaamuree garas yoo darbus ni agarra jedha jiraataan kun.
Kallattii Kibbaatiin magaalaa Shawaa Roobiititu nu daangessa kan jedhu jiraataan magaalaa Sanbatee kun, humna waraanaa hedduuti keessatti bu'e, meeshaa waraanaa gurguddaa keessatti buusaniiru jedha. Kanaafis yaaddoo fi sodaa keessa jirra jedha.
Aanaalee Godina Addaa Saba Oromoo biroo keessa bilbilli fi intarneetiin adda citee waan jiruuf haala jiru qabatamaatti hubachuu hin dandeenye jedha jiraataan kun.
"Ummatni buqqa'e hin jiru…"
Lola Godina Addaa Saba Oromootti adeemsifamaa jiruun ummanni qe'ee isaatii buqqa'e akka hin jirres bulchaan godinichaa kun himaniiru.
"Ummanni keenya hin buqqa'u. Balagaaraa itti dhufe lafasaarra ta'ee lafasaarraa qolata malee ummata lafasaa gadhiisee bahu hin qabnu," jedhan.
"Ummanni keenya lafumasaarra ta'ee warra isa diiguu, saamuu fi gudeeduuf dhufu, warra Oromoo cabsuuf dhufu, warra Itoophiyaa diiguuf dhufu lafumasaarra ta'ee falmataa jira," jedhan.
Haata'u malee "namoonni du'aniiru, saamichi garagaraa adeemsifameera, akkasumas dirqamaan gudeeduun raawwatameera," jedhan.
Gochaaleen kunneenis namoota nagaa, akkasumas kan lola keessa jiran irratti raawwatamuu dubbataniiru.
Gargaarsa namoomaa lammiileef taasifamu ilaalchisees ammatti wanti ummataaf taasifamaa jiru akka hin jirre dubbataniiru.
Waraanni naannoo Tigraayiitti eegalamuun boodarra naannoolee ollaa Affaariifi Amaaraatti babal'ate amma waggaa tokko lakkoofsiseera.
Waraanichi dhaabbatee furmaanni mariin akka barbaadamuuf biyyoonni adda addaa, dhaabbilee ardii fi idil-addunyaa irra dedeebbiin waamicha taasisan illeen hanga ammaatti bu'aa qabatamaan osoo hin mul'atiin waraanichi akkuma itti fufeetti jira.
Lakkoofni namoota waraana kanaan lubbusaanii dhabanii sirriin beekamu baatulleen kanneen kumaatamaan lakkaa'aman du'uu akka hin oollee dhaabbilee idil-addunyaa adda addaa ni tilmaamu.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka jedhuutti, sababii waraana kanaatiin naannoo Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessatti nammoonni miiliyoona torbaa ol ta'an deeggarsa namoomaa hatattamaa kan barbaachisu yoo ta'u, kanneen walakkaa miiliyoonaa ta'an ammoo qarqara beela cimaatti argamu.
















