Waraana Tigiraay: Ijaarsi Faannoo hidhatee jiru kamuu caasaa mootummaa jala akka galu gaafatame

Magaala Baahirdaar

Madda suuraa, Bahirdar City Communications

Ijaarsa Faannoon kan leenji'an, gara adda waraanaatti duuluuf fedha kan qabaniifi hidhatanii kan jiran kamuu caasaa mootummaa jala akak galu gaafatame.

Koomaand postiin Mana Maree Nageenyaa bulchiinsa magaala Baahir Daar Wiixata kaleessaa Sadaasa 8,2021 ibsa baaseen ijaarsicha jalatti warra leenji'eefi duuluuf loojistikiin barbaachisu akka dhiyeessuuf himeera.

Ibsichi mana maree nageenyaan Biiroo Nageenyaafi Tasgabbii irraa ajaja osoo hin fudhatiin meeshaa waraanaa hidhatee magaalicha keessa bakka adda addaatti kan argame akka itti gaafatamus ibseera.

Koomaand postichi itti dabaluun, meeshaan waraanaa magaalicha keessa jiru hin galmoofne kamuu namni of harkaa qabu gara buufata milishaa dhiyoo jiruu deemuun galmeesisu akka qabu himeera.

Manni maree nageenyaa magaalichaa A L Itti Onkoloolessa 29 hanga Sadaasa 5/2014tti galmaa'ee xumuramuu qaba jedhe.

Ibsa qabxiilee afur qabu kanaan duula adda waraanaa irra turaniin meeshaa hidhatanii gara magaalaa Baahir Daaritti kanneen deebi'aniifi gara adda waraanaa deemuuf fedhii qaban caasaa mootummaan diriirse keessatti hammatamuun gara adda waraanaa akka deeman hubachiisera.

Haatahu malee, humna nageenyaa mootummaatiin ala maagalicha keessaa bakka adda addaatti namni argame qaama nageenyaan itti gaafatamas jedheera.

Namootni naannoo waraanni jiru irraa buqqa'uun gara magaalichaatti dhufan dahoo qophaa'e keessa buufachuun akka achi turanis ibse.

Kunis kan taheef, ''maqaa buqqatotaan lohanii kanneen galan waan jiraaniif nageenya magaalittiif eeggannoo gochuuf akka tahe'' koomaand postichi himeera.

Itoophiyaan labsii yeroo muddamaa ji'oota jahaaf turu sababa waraana naannoo Tigiraayitti jalqabe kanaan labsiteetti.

Waraanni naannoo Tigraayiitti eegalamuun amma naannoolee ollaa Affaariifi Amaaraatti babalate amma waggaa tokko lakkoofsiseera.

Waraanichi dhaabbatee furmaanni mariin akka barbaadamuuf biyyoonni adda addaa, dhaabbilee ardii fi idil-addunyaa irra dedeebbiin waamicha taasisan illeen hanga ammaatti bu'aa qabatamaan osoo hinmul'atiin waraanichi akkuma itti fufeetti jira.

Lakkoofni namoota waraana kanaan lubbusaanii dhaban sirriin beekamu baatulleen kanneen kumaatamaan lakkaa'aman du'uu akka hinoollee dhaabbilee idil-addunyaa adda addaa ni tilmaamu.

Dhaabbanni Motummoota Gamtoomanii akka jedhuutti, sababii waraana kanaatiin naannoo Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessatti nammoonni miiliyoona torbaa ol ta'an deeggarsa namoomaa atattamaa kan barbaachisu yoo ta'u, kanneen wallakkaa miiliyoonaa ta'an ammoo qarqara beela cimaatti argamu.