Waraana Tigraay: Itoophiyaatti ajjeechaan caalaa osoo hin hammaatiin jaarmiyaaleen idil-addunyaa mariin olitti tarkaanfii fudhachuu qabu - HRW

Madda suuraa, Getty Images
Manni Maree Nageenyaa Gamtaa Afrikaafi Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii waraana Itoophiyaa keessatti deemaa jiru waliin walqabatee ajjeechaan kanarra caalaa osoo hin ammaatiin dhaabsisuudhaaf mariin olitti waan qabatamaaa ta'e gochuu qabu jedhe Huuman Raayitis Waach (HRW).
Ibsa Wixata baaseen labsiin yeroo muddamaa guutummaa biyyattii keessatti hojiirra oolu mootummaan Itoophiyaa labse gaaffii tokko malee humnatti akka dhimma bahu isa taasisuu mala jechuun sodaa qabus ibseera jaarmiyaan mirgoota namoomaaf falmu kun.
"Mootummaan Itoophiyaafi deeggartoonni isaa, akkasumas warri mormitootaa gochawwaniifi imaammatawwan dubbii hammeessan dhaabuun tarkaanfiiwwan atattamaa mirgoonni hawaasa maraa guutummaatti akka kabajamu taasisan fudhachuu qabu," jedhan daarektarri olaanaa HRW Keenet Rooz.
"Gaggeessitoonni Afrikaa, akkasumas miseensonni Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii ajjeechaan caalu akka itti hin fufneef waliin hojjechuun tarkaanfii atattamaa fudhachuun murteessaadha. Kun hin ta'iin hafnaan garuu ummata Itoophiyaaf hin qaqqabiin hafuu isaaniiti," jedhan daarektarri kun.
Itti dabaluun, qaamoleen wal waraanaa jiran lammilee nagaaf eegumsi taasifamaa jiraachuu mirkaneeffachuu qabu; akkasumas gargaarsi namoomaa barbaachisoo ta'ani haala qaqqabuu danda'urratti hojjechuu qabu jedheera HRW.
Dhiyeenya waraannichi naannoo Amaaraatti cimee itti fufuun TPLF fi humnootni waliin tokkummaa uummatan akka Warana Bilisummaa oromoo (WBO) gara Finfinneetti qajeeluu yoo ibsan, mootummaan ammoo labsii yeroo muddamaa ji'a jahaaf turu labseera.
Finciltootaaf deebii kennuuf jecha dubbiin aanga'oonni mootummaa federaalaafi naannolee, akkasumas namoonni bebbeekamoon ifatti dubbatan Tigirootaafi warra "deeggaroota weerartootaati" jedhaman irratti loogiifi miidhaan akka qaqqabu kakkaasuu danda'a jechuun eera HRW ibsa isaa Sadaasa 08, 2021 kanaan.
Facebook ibsa Ministirri Muummee Abiy Ahimad Onkoloolessa 31, 2021 Itoophiyaannonni hundumtuu "meeshaa qabadhaa ka'aa TPLFn awwaalaa" jechuun maxxansan akka haqes yaadachiiseera HRW.
Lammileen Itoophiyaa hundi dhimma idilee isaanii yeroof tursiisanii, humnaafi meeshaa qabaniin gara adda waraanaatti akka duulaniif ture MM Abiy Ahimad kan gaafatan.
Miidiyaa hawaasummaa irratti dabalatee aanga'oonni Itoophiyaa haasawaan dhiyeenya kana taasisaniin sabaan adda baasuun miidhaan akka qaqqabu gochuuf carraa banuu danda'a kan jedhe HRW, seerri addunyaa garuu akka isaan gocha akkasii kana dhaabsisan isaanirraa eega ture jedheera.
Akka ibsa HRW kanatti, gaazexeessitoonni biyya alaafi hojjetoonni gargaarsaas carraa balaaf saaxilamuu keessa jiru.
Maxxansa Sadaasa 4 baaseen Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa warra, "dubbii sobaa afarsuun diina waliin hojjetan" jechuun Roohitarsiin odeeffannoo hin taane tatamsaasa jechuun akeekkachiisee ture.
Manni Maree Nageenyaa Gamtaa Afrikaafi Manni Maree Mootummoota Gamtoomanii dhimma Itoophiyaarratti tibbana kora taa'anii kan turan yoo ta'u, haala ittiin waraanni Kaaba Itoophiyaa kun dhaabbatee rakkoon jiru mariin fala argaturratti ejjennoo walfakkaataa calaqqisiisaniiru.
Waraanni naannoo Tigraay waggaa har'aa Sadaasa 04, 2020 wayita MM Itoophiyaa Abiy Ahimad raayyaan ittisa biyyaa hmnootii naannoo Tigraay irratti tarkaanfii akka fudhatan ajajan kan eegale ture.
MM Abiy tarkaanfiin kunis deebii haleellaa humnootiin naannoo Tigraay, looltoota biyyaaleessaa kan kaaba biyyatiitti buufatanii ture irratti raawwatan ta'u himan.













