Ergamtoonni Gamtaa Afriikaafi UN gara Maqalee imaluun himame

Oluseengoo Obaasaanjoo fi Maartiin Giriifitis

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Oluseengoo Obaasaanjoo fi Maartiin Giriifitis

Ergamaan Addaa Gamtaa Afriikaafi Mootummoota Gamtoomanii (UN)tti itti-gaafatamaan deeggarsa namoomaa (OCHA) Dilbata kaleessaa gara Maqaleetti imaluunsaanii himame.

Dilbata Sadaasa 07, 2021 gara Maqalee imaluun kan himamee ergamaan addaa Gamtaa Afriikaafi pirezidaantii duraanii Naayijeeriyaa kan ta'an Oluseeguun Obaasaanjoofi Itti-gaafatamaa waajjira qindeessaa dhimmoota deeggarsa namoomaa Mootummoota Gamtoomanii (OCHA) Maartiin Giriifiitis turan.

Bakka buutonni dhaabbilee ardittiifi idil-addunyaa lamaan kunneen gara Maqaleetti imaluusaanii ilaalchisuun Rooyitarsi maddeen dhimmichatti dhiheenya qaban eeruun gabaasulleen dhaabbilee kanneen irraa kallattiin deebii akka hin argannee himeera.

Dubbii himaan TPLF Obbo Getaachoo Raddaa, ''qondaaltoonni lamaan as magaalaa Maqalee ta'usaaniifi marii taasisaa jiraachuu mirkanneessuu ni dandeenya,'' jechuun Rooyitarsiitti kan hime yoo ta'u, kaleessa galgalas dureewwan lameen Dr Dabratsiyoon waliin marii taasisuu isaanii beeksiiseera.

"Marii bu'a qabeessa"

Obbo Geetaachoo Raddaa karaa toora tiwitara isaanitiin akka himaniitti, Obaasaanjoofi Maartiin Giriifiitis Dr Dabratsiyon waliin marii taasisuu isaanii mirkanneessuun, ''mariichi bu'a qabeessa ture'' jedheera.

Obbo Geetaachoon waraana gaggeeffamaa jiru irratti Dr Dabratsiyon ejjannoo Tigraay aanga'oota lamaaniif ibsaniiru jechuun alattis, ergamtoonni kunneen Dr Dabratsiyon waliin dhimma maaliirratti akka mari'atan bal'ina isaarratti odeeffannoo hin kennine.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Akkasumas, TV Tigraay kaleessa galgala Oloseenguun Obaasaanjoofi Maartiin Giriifitis Dr Dabratsiyon waliin wal arguun ''haala rakkina siyaasaa Itoophiyaa keessa jiruufi deeggarsa namoommaa, akkasumas dhimmoota Qaxanaa'' irratti marii taasisaniiru jechuun gabaaseera.

Itti dabaluunis Obaasaanjoofi Giriifitas turtiisaanii Maqalee guyyaadhuma tokkootti xumuuruun Dilbata galgala gara Finfinneetti deebi'unsaanii ibseera.

line

Waraanni kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru itti cimuusaa hordofuun Gamtaan Afriikaa baatiiwwan muraasaan dura pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa Oluseenguun Obaasaanjoo walitti bu'insichaaf furmaata nagaa akka barbaadaniif ergamaa addaa gochuun muuduun ni yaadatama.

Imalli ammaa kunis itti-gaafatamummaadhuma kana waliin kan walqabate ta'uu akka danda'u eegama.

Baatiiwwan muraasaan dura ittigaafatamummaa Waajjira Qindeessaa Dhimmoota Deeggarsa Namoommaa Motummota Gamtoomanii kan fudhatan Maartiin Giriiftas, dhimma dhiyyeessitii deeggarsa namoommaa Tigraay ilaalchisee gara naannichaatti yoo imalan kun kan yeroo lammataatti.

Aangawaan kunis dhuma baatii Adooleessaattis Itoophiyaatti daawwannaa taasisuun isaanii ni yaadatama.

Aanga'oonni kunneen marii Dilbata kaleessaa Maqaleetti taasifamerratti dhimmoota kaafamanis ta'e bu'aalee argaman ilaalchisuun dhunfaanis ta'e karaa dhaabbata isaanitiin wanti ifatti ibsan hin jiru.

Waraanni naannoo Tigraayiitti eegalamuun amma naannoolee ollaa Affaariifi Amaaraatti babalate amma waggaa tokko lakkoofsiseera.

Waraanichi dhaabbatee furmaanni mariin akka barbaadamuuf biyyoonni adda addaa, dhaabbilee ardii fi idil-addunyaa irra dedeebbiin waamicha taasisan illeen hanga ammaatti bu'aa qabatamaan osoo hinmul'atiin waraanichi akkuma itti fufeetti jira.

Lakkoofni namoota waraana kanaan lubbusaanii dhaban sirriin beekamu baatulleen kanneen kumaatamaan lakkaa'aman du'uu akka hinoollee dhaabbilee idil-addunyaa adda addaa ni tilmaamu.

Dhaabbanni Motummoota Gamtoomanii akka jedhuutti, sababii waraana kanaatiin naannoo Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessatti nammoonni miiliyoona torbaa ol ta'an deeggarsa namoomaa atattamaa kan barbaachisu yoo ta'u, kanneen wallakkaa miiliyoonaa ta'an ammoo qarqara beela cimaatti argamu.