Waraana Tigiraay: Konkolaataawwan deeggarsa namoommaa fe'an 79 Maqalee galan -WFP

Mi'a konkolaataarraa buufamaa jiru

Madda suuraa, WFP

Dhaabbanni Nyaata Addunyaa (WFP) konkolaataawwan deeggarsa namoomaa fe'an 79 torban kana keessaa Maqalee galan jedhe.

Dhabbanni Nyaata Addunyaa (WFP) dameen Itoophiyaa konkolaataawwan deeggarsa namoomaa adda addaa fe'an torban kana magaalaa Maqalee galuu kaleessa Sadaasa 27, 2021 ture kan beeksiise.

Konkolaataawwan deeggarsa namoommaa fe'an kan biraas daandiirra jiraachuu ibsi WFP kun dabaluun himeera.

Dhaabbatichi ibsa karaa toora tiwiitara isaatiin beeksiise keessatti, konkolaatawwan kunneenis deegarsa nyaataafi meeshaalee lubbuu baraaruuf oolan kan fe'aniidha.

Konkolaataa WFP

Madda suuraa, WFP

Sababii waraanaa Kaaba biyyattiitti gaggeeffamaa jiruun wal qabatee torbanoota dhiyootiin asitti deeggarsi namoomaa Tigraay seenaa waan hinjirreef jiraattoonni naannichaa miliyoonotaan lakkaa'aman hanqina nyaataaf saaxilamaa jiraachuun himamaa ture.

Haata'u malee, dhaabbatichi ibsa isaa kanaan, namoota naannicha keessatti deegarsi nyaataa barbaachisu harkaan gahuuf boqannaa malee akka hojjatan himeera.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Kana malees, konkolaatawwan deeggarsa namoomaa fe'an guyyaa guyyaan seenuun fedhii gargaarsaa namoota miiliyoona 5.2 naannicha keessatti argamu guutuuf akka hojjatan himeera.

Haaluma walfakkaatuunis ibsa guyyaa Jimaataa baaseen, sababii waraanaa Kaaba Itoophiyaattigaggeeffamuun wal qabatee walumaa galatti namoonni miiliyoona sagal ta'an deeggarsi nyaataa kan barbaachisu ta'uu himeera.

Dhaabbatichi yaalii deeggarsa lubbuu baraaruu kana cimsuuf hojjachaa jiraachuu kaasuun, haata'u malee deeggarsi maallaqaa dabalataa kan isa barbaachisu akka ta'es kaaseera.

Sababii waraana waggaa tokkoon dura Tigraay keessatti eegalameen namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman bakka jireenyaa isaaniirraa buqqaafamniiru.

Kana malees, nannichatti namoonni gara miiliyoona 5.2 ta'an deeggarsa nyaataa irratti hirkattootta ta'an keessaa, kanneen kuma 400 ta'an haala beela hamaa jedhamu keessatti akka argaman dhaabbileen gargaarsa namoomaa himanii ture.

Namoonni kunneen balaa cimaaf akka hinsaaxilamne gochuuf ammoo guyyaa guyyaan konkoolaataan deeggarsa namoommaa 100 gara naanncihaatti ergamu akka qabullee himamee ture.

Haata'u malee sababii waraannii naannicha keessa ture gara naannoolee ollaan Amaaraafi Affaar keessatti babal'ateefu konkolaataawwan deeggarsa fe'an haala barbaadamuun gara naannichaa galaa akka hinture dubbatama.