Waraana Itoophiyaa: UN Kaaba Itoophiyaatti lakkoofsi namoota deeggarsa barbaadanii mil. 9.4 gahuu hime

Tigiraayitti waraana tureen uummatni miliyoonaantilmaamamu qe'ee isaa irraa buqqa'eera

Madda suuraa, WFP/Leni Kinzli

Ibsa waa'ee suuraa, Tigiraayitti waraana tureen uummatni miliyoonaantilmaamamu qe'ee isaa irraa buqqa'eera

Kaaba Itoophiyaatti waraana gaggeeffamaa jiru hordofee lakkoofsi namoota deeggarsa ariifachiisaa barbaadanii miliyoona 9.4 gahuu Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii hime.

Dubbii himaan Sagantaa Nyaata Adunyaa Toomaas Feerii, namootni miliyoona 9.4 tahan naannoo Tigiraay, Amaaraa fi Affaar keessaa jireenya hammaataa keessa jiru jedhan.

Isaan kanneen keessaa %80 jechuun miliyoona 7.8 kan tahan bakkeewwan sababa waraanaan deeggarsi gahuu hin dandeenye keessatti akka argaman himan.

Lakkoofsi namoota deeggarsa namoomaa barbaadanii yeroo gabaabaa keessatti kan dabale naannoo Amaaraa keessatti tahuu kan himan dubbii himaan kun, naannichatti amma namootni miliyoona 3.7 tahan deeggarsa barbaadu jedhe.

Ragaaleen naannoolee sadeen keessaa funaaname akka agarsiisutti ijoolleen %16 hanga %18 tahan hanqina nyaata madaalamaaf saaxilamnairu.

Dabalataan haadholiin harma hoosisanii fi ulfa tahan %50 tahan hanqina nyaata madaalamaaf saaxilamuu himuun kunis akka isa yaaddesse Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii kun himeera.

Rakkoo namoomaa

Konkolaatotni Nyaata Dhaabbanni Moottummoota Gamtoomanii dhiyeessu fe'an Kombolchaa irraa gara Kibba Tigiraayitti galaa jiraachuu himuun , isa itti aanutti nyaata meetirik toonii lubbuu oolcu 2200 tahu Maqalee akka gahu himeera.

Sagantaan Nyaata Adunyaa naannoo Tigiraayitti namoota miliyoona 2.5 qaqabuu qabu keessaa hanga ammaatti kan dhiyeessuuf danda'e namoota kuma 180'f qofa akka tahe himeera.

''Beelli Itoophiyaatti hin labsamne garuu... garuu jecha haala suukaneessa jiru ibsu hin qabu,'' kan jedhan dubbii himichi rakkoon deeggarsa namoomaa Itoophiyaa yaaddessaa tahuu dubabtan.

Jalqaba torban kanaatti namoota 10,000 tahaniif magaalaa dassee fi Kombolchaatti nyaata dhiyeessuus himeera dhaabbanni kun.

Dubbii himaan Sagantaa Nyaata Adunyaa erga Dassee fi Kombolchaan humnoota TPLF'n to'atamanii yeroo jalqabaaf deeggarsa dhiyeesuu akka danda'e himan.

Akkasumas man-kuusaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Kombolchaa keessatti argamu humnoota TPLF'n saamamuu guyyoota afur dura beeksiseera.

Toomaas Ferii, Sagantaan Nyaata Adunyaa naannoo Amaaraatti deeggarsi akka dhiyaatu eeyyama erga argateen booda, dhaabbatichi qorannoo duraa gaggeesseen qabeenyi guddaan manca'uun man-kuusaan isaa keessa midhaan jirus saamamuu himeera.

Toomaas hanga ammaatti Kaaba Itoophiyaatti dhaabbanni isaanii namoota miliyoona 3.2 tahaniif deeggarsa nyaataa dhiyeessuu himaniiru.

Isaan kanneen keessaa kuma 220 kan tahan naannoo Amaaraa akkasumas kuma 124 kan tahan Affaar keessatti kan argamanif tahuu ibseera.

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti waggaa tokko dura jalqabe gara naannolee ollaa Amaaraa fi Affaaritti babbal'ateera.

MM Abiy Ahimed gara adda waraanaatti imaluun humna waraanaa hogganuun olochiisaa jiraachuu himaniiru. Kaleessa ibsa kennaniinis 'milkaa'aa' akka jiran himan.