Waraana Itoophiyaa: MM Abiy Ahimad 'milkaa'aa' akka jiran adda waraanaa irraa himan

Madda suuraa, fbc
Humni waraanaa Itoophiyaa Affaar keessaa Cifraa deebisee to'achuun gara Baatii fi Kombolchaatti qajeeluu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.
Humni waraanaa Itoophiyaa bakka Burqaa jedhamtu kan humna TPLF'n qabamee ture bilisa baasuun gara Kombolchaatti qajeeluu gabaafame.
Tajaajilla Komunikeeshinii motummaa wabeeffachuun miidiyaan akka gabaasaniitti MM Abiy humna waraanaa hundumaa hogganuun injifannoon jedhame galmaa'u himan.
Haata'u malee eeddoowwan kanaan dura to'annoo humnootii TPLF jala turaniif amma humna waraana Itoophiyaatiin qabamu himamee kanneen ilaalchise TPLF irraa kan jedhame hinjiru.
Kana malees sababii malliwwan quunnamtii naannicha hinjirreeffuu BBCn madda walabaa irraa mirkanneeffachuun hindanda'amne.
MM Abiy Jimaata har'aa wayita erga adda waraanaa akka deeman ibsaniin booda yeroo jalqabaatiif miidiyaa irratti mulataniitti adda waraanaatti 'milkaa'aa' akka jiran himanii ture.
MM Abiy maal jedhan?
MM Abiy Ahimed Kibxata darbe gara adda waraanaatti imaluun qaamaan waraanaa akka hoogganan erga ibsanii booda, har'a yeroo jalqabaatiif miidiyaatti mul'achuun adda waraanaatti 'milkaa'aa' akka jiran himaniiru.
Uffata dambii raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa uffachuun naannawa gammoojjii baayidaa fakkaatu keessatti miidiyaa biyya keessatti wayita dubbatan kan mul'atan MM Abiy, bakka Kaasaagitaa jedhamu to'annoo TPLF jalaa bilisa baasuufi har'a ammoo Cifraa fi Burqaa qabachuuf lolaa akka jiran dubbatan.
MM Abiy amma adda waraanaa kam irra akka jiran adda baasanii himuu baatansi ibsa miidiyaalee motummaatiif kennan irraa bakkee isaan caqasan naannoo Affaar keessa ta'uun ni hubatama.
Qaama motummaan aangoon keennamiifiin alatti oolmaa dirree waraaniifi injifannoo akkasumas sochii adda waaraanaa ilaalchisee qaamni kamuu miidiyaaleetti himuus ta'e tamsaasuu akka hindandeenye dhorkamunsaa ni yaadatama.
Miira bakka isaan jiranis ''hamiileen waraana keenyaa baay'ee guddaadha. Diinni hamma keenya waan hin hubanneef salphaatti nu ilaale,'' jechun himan.
Kana malees, ''Finfinnee teenyee isa hogganaa turre haala jijjiiruu waan barbaanneef gara adda waraanaatti bobbaaneerra. Anis dahoo galeen hojjechaa jira,'' jechuun sababii duulaniif himan.
Haala irratti argamanis, bakka Kaasaagiitaan jedhamu to'annoo himnootii TPLF jalaa bilisa baasuu ibsuun, 'har'as Cifraa fi Burqa ni qabanna' jedhan.
''Ijoolleen keenya biyya isaanii keessa sodaa fi qaanii malee jiraachuu waan qabaniif biyya bilisa taate isaaniif dabarsuuf humna waraanaa waliin hojjechaa jirra,'' jedhan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
MM Abiy uummanni nu gargaaraa jira. Nuyis bilisummaa fi fedha biyya kanaa eeguudhaan yaada diinaa cabsuuf hojjataa jirra jedhan.
''Abbootiin keenya dahoo galanii, du'anii biyya kana tursiisaniiru. Nuyis dahoo keessa ciisnee waan kaffalamuu qabu kaffallee biyya kana dhalootaaf ni dabarsina. Ijoolleen keenya kana irraas muuxannoo ni argatu. An barumsa caalaa iyyuu ijoollee keenyaaf biyya bilisa taate dabarsuudha jedheen amana,'' jedhan.
''Nuyi duunee Itoophiyaa itti fufsiisuudha. Bilisummaan Itoophiyaa hanga mirkanaa'u gara duubaatti deebuun hin jiru,'' jedhan MM Abiy Ahimed.
MM Abiy Ahimed gara adda waraanaatti imaluu isaanii hordofee itti aanaan MM fi Ministirri Dhimma Alaa Dammaqaa Mokonnin hojii idilee mootummaa bakka isaanii bu'uun akka hojjetan himameera.
Gamtaa Afrikaa fi UN waraanni dhaabbaachuun gareen lamaanuu mariitti waldhabee isaanii akka furaniif wayita hojjetaa jiranitti ture MM Abiy ofiin adda waraanaatti bobba'uuf qophaa'oo ta'u ibsuun kaanis isaan akka hordofaniif waamicha kan taasisan.
Murteen MM Abiy kuniifi haalli waanaa itti fufees yaaliin waldhabdicha karaa nagaatiin furuuf taasifamaa turetti danqaa akka ta'uu malu kanneen araaraaf hojjataa turan yaaddoosaanii ibsan.
Ergamaan Addaa US Gaanfa Afriikaa Jeefrii Feeltimaan daawwannaa torbaniin dura Itoophiyaatti taasiisaniin booda ibsa kennaniin haalli waraanaa itti fufee jiru yaalii dhimmicha karaa araaraatiin fufuuf taasifamuutti gufuu akka hintaane yaaddoo qabaachu kaasani ture.














