Waraana Tigraay: Itoophiyaan oolmaa dirree waraanaa miidiyaatti himuu fi gabaasuu dhorkite

Alaabaa Itoophiyaa

Madda suuraa, AFP

Qajeelchi /Izziin/ labsii yeroo muddamaa sochiileen loltummaa, olmaan dirree waraanaa fi bu'aaleen waraanaa kamuu miidiyaan akka hin gabaafamne dhorke.

Qaama labsii yeroo muddamaatiin aangoon kennameefiin alatti hoggantoonni waraanaa fi siiviilii dirree waraanaa jiranis odeeffannoo miidiyaaf kennuu dhorkamaniiru.

Qajeelchi labsii yeroo muddamaa ibsa Kamisa Sadaasa 25, 2021 galgala baaseen, hojiiwwan labsii yeroo muddamaatiin eegalaman cimsuufi dhimmoota gufuu ta'an furuuf jecha ajajawwan afur dabarsuu hime.

Murteen kun kan barbaachiseef duula jiraachuufi jiraachuu dhabuu amma gaggeeffamaa jiruu naamusaa fi of eeggannoo olaanaan qabuun xumuruuf jecha ta'uus ibseera.

Akka ibsa kanaatti, qaamaa aangoo kennameefiin alatti sochii loltummaa fi olmaa dirree waraanaa akkasumas bu'aalee waraanaa miidiyaa kamiinuu tamsaasuun dhorkaaadha.

Odeessaalee kaan:

Dabalataan kallattiifi ergama aanga'oota waraanaa fi siiviilii adda waaraanaatti argamaniif kennameen alatti, olmaa dirree waraanaa, sochiilee loltummaa fi bu'aalee argaman ilaalchisuun ibsa kennuun dhorkaadha jedheera.

''Humnooti nageenyaas qaama ajaja kana cabsee argameerratti tarkaanfii barbaachisaa akka fudhataniif ajajamaniiru,'' jedheera ibsi kun.

Seeraan ala uffata dambii loltootaa akkasumas kan poolisii fi milishaa kamuu uffachuun dhorkaa ta'uus beeksiseera.

"Namni miseensa qaama nageenyaa hin taaneen haalaa, iddoo fi yeroo kamittuu uffata dambii raayyaa ittisaa, poolisii federaalaa, humnoota addaa naannoofi poolisii idilee uffachuun gonkumaa dhorkaadha,'' jedheera.

Nama miseensa dhaabbilee kanneenii hin taanee ykn ammoo waraqaa eenyummaa haaromfamee osoo hin qabatiin uffatee argame kamuurratti qaamoleen nageenyaa tarkaanfii akka fudhatan ajajeera.

Kana malees ''wayita mootummaa fi ummanni balaa jiraachuufi jiraachu dhabuu biyyaarratti aggaamamee qolachuuf qindoomiinaan tarkaanfii seeraa fudhataa jiran kanatti, qaamoolee haala sirni heera motummaa hayyamuun alaatti mootummaa cee'umsaa ykn mootummaa bifa seeraan alaa ta'e ni huundeessina jechuu socha'an irratti qaamooleen nageenyaa tarkaanfii akka fudhataniif'' ajajeera.

Itoophiyaan waraanni babal'achaa dhufuu hordofee labsiin yeroo mudammaa Sadaasa 2, 2021 irra kaasuun baatiiwwan jahan dhufaniif kan hojiirra oolfamu labsuunshee ni yaadatama.

Waraanni kaaba biyyattii waggaa tokko lakkoofsise erga yeroo dhiyoo as hammaatee jira. MM Abiy Ahimad torbee darbe qaamaan gara adda waraanaa duuluu himan.

Finciltoonni magaalaa Finfinneetti imalaa jiraachuu yoo himan, biyyoonni lixaa hedduun lammilee isaanii Itoophiyaa keessaa baasuu itti fufanii jiru.

Waraana kanaan namootni kumaatamaan lakkaa'aman yoo ajjeefaman, miliyoonaan kan lakkaa'aman ammoo qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.