Naannoo Oromiyaatti labsiin yeroo sochii daangessu kaa'amee ture kaafame

Danaa Magaalaa Adaamaa

Madda suuraa, Adama City BDK

Mootummaan Naannoo Oromiyaa haala nageenyaa amma jiruun walqabatee 'humna miidhaa geessisu to'achuuf' jecha labsii yeroo sochii daangessu labsee ture kaase.

Dubbii Himaan Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa Obbo Gizaachoo Gabbisaa gaafa Kamisaa BBC'n dubbise labsii sochii bahe keessaa ''sochii konkolaataafi sochii namaa sa'aatiin daangessutu ka'e,'' jedhan.

Kunis, dhiibbaa diinagdee inni fidu bu'uura keessa galchuuni jechuun BBC'tti dubbatan. Ta'us, eegumsiifi sakattaan garuu itti fufa jedhaniiru.

Labsiin ALI Sadaasa 3, 2014 irraa qabee halkan keessaa sa'atii sadii hanga barii sa'aatii 11:30tti namoonniifi konkolaataawwan akka hin sochooneef daangaan kaa'amee akka ture ni yaadatama.

Sochii haga ammaa tureen bu'aa gaariin galmaa'usaa Haati Alangee naannichaa Aadde Addunyee Ahimad miidiyaa biyya keessaa FBC'f himaniiru.

Gara fuula duraatti haalawwan jiran ilaaluudhaan labsichi naannoo guutuu ykn akkuma haala bakkeewwanii jiraniitti ilaalamu akka danda'u dubbataniiru.

Wayita labsiin baheetti maaltu jedhamee ture?

Mootummaan Naannoo Oromiyaa haala nageenyaa amma jiruun walqabatee 'humna miidhaa geessisu to'achuuf' labsii yeroo sochii daangessu labsuu isaa beeksise.

Dhimma kana BBC'n Hoogganaa Itti Aanaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa duraaniifi Dubbii Himaan Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa ammaa Obbo Gizaachoo Gabbisaa gaafatee ture.

Qondaalli kuni BBC'f akka ibsanitti, labsii kanaan Naannoo Oromiyaa guutuutti galgala sa'aa lamaa hanga halkan sa'aa 11:30 sochiin kamuu akka daangeffame himanii turan.

Sochiin namaa barii sa'aa 11:30 hanga galgala sa'aatii sadiitti, kan konkolaataa ammoo hanga galgala sa'aa lamaatti qofa kan hayyamame ta'uus dubbatan.

''Sa'aatii kaahame kana keessatti sakattaan daandiirratti ni jiraata. Iddoon sochiin sakatta'amu ni jiraata. Iddoon dhaabbiin sakatta'amus ni jiraata.''

Sakattaan kun irra guddeessa halkan keessa kan godhamuufi itti fufiinsa qabaachuu dhiisuu akka danda'us obbo Gizaachoon himaniiru.

Sakatta'insi godhamu dhaabbilee mootummaafi hawaasarrattis akka ta'e himaniiru.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti erga dhalatee waggaan tokko darbe naannolee Amaaraafi Affaar keessattis babal'achuu fi gara gidduugala biyyattis siiqaa jiraachuun walqabatee, mootummaan federaalaa labsii yeroo muddamaa ji'oota jahaaf turu labsuun isaa ni yaadatama.