Mootummaan Naannoo Oromiyaa 'humna miidhaa geessisu to'achuuf' labsii yeroo sochii daangessu labse

Danaa Magaalaa Adaamaa

Madda suuraa, Adama City BDK

Mootummaan Naannoo Oromiyaa haala nageenyaa amma jiruun walqabatee 'humna miidhaa geessisu to'achuuf' labsii yeroo sochii daangessu labsuu isaa beeksise.

Hoogganaa Itti Aanaan Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Gizaachoo Gabbisaa BBC'f akka ibsanitti, labsii kanaan Naannoo Oromiyaa guutuutti galgala sa'aa lamaa hanga halkan sa'aa 11:30 sochiin kamuu akka daangeffame himan.

Sochiin namaa barii sa'aa 11:30 hanga galgala sa'aatii sadiitti, kan konkolaataa ammoo hanga galgala sa'aa lamaatti qofa kan hayyamame ta'uus dubbataniiru.

''Sa'aatii kaahame kana keessatti sakattaan daandiirratti ni jiraata. Iddoon sochiin sakatta'amu ni jiraata. Iddoon dhaabbiin sakatta'amus ni jiraata.''

Sakattaan kun irra guddeessa halkan keessa kan godhamuufi itti fufiinsa qabaachuu dhiisuu akka danda'us obbo Gizaachoon himaniiru.

Sakatta'insi godhamu dhaabbilee mootummaafi hawaasarrattis akka ta'e himaniiru.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti erga dhalatee waggaan tokko darbe naannolee Amaaraafi Affaar keessattis babal'achuu fi gara gidduugala biyyattis siiqaa jiraachuun walqabatee, mootummaan federaalaa labsii yeroo muddamaa ji'oota jahaaf turu labsuun isaa ni yaadatama.

Labsii akka biyyaatti labsame kana naannoleen haala qabatamaa isaaniin walsimsiisanii labsiiwwan adda addaa to'annoo nageenyaaf gargaaran labsaa jiru.

Izziin hojiirra olmaa labsii yeroo muddamaa, galmee meeshaalee waraanaan dabalataan guyyoota dura namootni mana kireessan eenyummaa kireeffattoota isaanii akka galmeessisan qajeelfamni kan bahe yeroo ta'u, Mootummaan Naannoo Oromiyaas labsii yeroo sochii dorkuun dabalataan kireessitootni kireeffattoota isaanii akka galmeessisan gaafateera.

''Dirqamni lammiilee mana kireessanirra kaahame jira. Eenyummaan namaa akka beekamuuf kan mana kireessu, nama gara manasaatti dhufu dirqama beeksisuu qaba. Inni kireeffachuu dhaqus waan eenyummaasaa ibsu qabaachuu qaba,'' jedhan obbo Gizaachoon.

Galmeen kun gandootaafi qajeelcha poolisiitti akka raawwatamanis himaniiru.

Qajeelfamni kun akka bahu sababa kan ta'e maali?

Obbo Gizaachoon Mootummaan Naannoo Oromiyaa labsii kan akka baasu sababa kan ta'e nageenyi naannichaa waaraa akka ta'uf fedhii jiru ta'uu himaniiru.

Qaamoleen nageenya booressan loo'anii galuun qabeenya uummataafi mootummaarra miidhaan akka hin geenye ofeeggannoo gochuuf akka ta'es ibsaniiru.

''Yaaddoon addaa akka biyyaatti jiru beekamaadha, naannoo Oromiyaas ni dabalata. Haala qabatamaa naannoo keenyaatiinis sochiin meeshaalee, daldalli seeraan alaa jireenya lammiileerra miidhaa geessisuu danda'u xiyyeeffannaa addaatiin dhimma ilaalamedha,'' jedhan.

Anga'aan kun dabaluun, haala amma jiruun magaalota Oromiyaa keessatti qaamni maqaan adda hin baasne garuu ''miidhaa geessisu'' ittiin jedhan jiraachuu himaniiru.

Tibba kana dubbii Kaaba biyyattii irraa namootni hedduun gara magaalaa Finfinneetti osoo imalaa jiranii ittifamaniiru jedhu ilaalchisee kan gaafataman obbo Gizaachoon, kaayyoon imala kanaafi eenyummaan imaltootaa qoratamaa akka jiru himaniiru.

Hidhattootni WBO magaalota dhiyeenya Finfinneetti argaman akka Laga Xaafoo keessa jiru jedhamu ilaalchisee yoo dubbatan: ''lootee galtootni ni jiru, Raayyaan Ittisa Biyyaa tarkaanfii barbaachisu fudhachaa kanneen qabaman miidiyaattis dhiyeessaa jira,'' jedhaniiru.

Labsii mootummaan labse kana hordofee qaamoleen nageenyaa mirga namoota nagaa akka hin sarbine eeggannoon akka godhamuufi kanaafis qajeelfamni qaamolee nageenya eegsisaniif dabarfamee akka jiru himaniiru.

''Qaamni kamuu sababa gahaa hin taaneen, karaa seera-qabeessa hin taaneen, maqaa labsii kanaan miidhaa geessisu qaama seeraas yoo ta'e; seera duratti itti gaafatama kan hordofsiisu ta'uun labsii kana keessatti barreeffameera.''

Caasaalee sadarkaan jiran hundarraa yaada uummataa akka guuraniifi deeggarsis akka gaafatamu obbo Gizaachoon himaniiru.