Jabutiin gocha biyyoota ollaa gidduu seenuuf isheetti dhimma bahan akka hin taanee ibsite

Madda suuraa, Mahmoud Ali Youssouf/FB
Jabutiin daangaan bulchiinsa ishee gocha biyyoota ollaa keessa seenuuf taasifamuuf kan dhimma itti bahan akka hin taanee Ministirri Dhimma Alaa biyyattii ibsan.
Ministirri Dhimma Alaa Jabutii Maahimmud Alii Yusuuf akka jedhaniitti, biyyisaanii Jabutiin ''gocha waraanaa biyyoota ollaa gidduu seenuuf raawwatamuuf kan itti dhimma bahan taatee akka hin tajaajille," ibsaniiru.
Ministirichi kana kan jedhan, Janaraalli waraanaa Olaanaa Ameerikaa Jabutiitti argamuu Wiiliiyaam Zaanaa, Itoophiyaa keessatti hokkarrii kan ka'u yoo ta'e loltoonni Ameerikaa ''kanaaf deebii ni kennu'' jechuun BBCtti himusaanii hordofeeti.
''Namoonni tokko tokko bulchiinsi Jabutii gocha waraanaa biyyoota ollaa gidduu seenuuf taasifamuuf dhimma itti bahamuun ni danda'ama jechuu yaaddoosaanii ibsaniiru,'' jechuun dubbi janaraalichaa hodrofee miira uumamee kan eeran Ministirichi, kun garuu akka hin taane ibsaniiru.
''Olloota isaa waliin hidhata gaarii kan qabu mootummaan Jabutii, kun akka ta'uuf hin hayyamu,'' jechuun ture Ministiirri Dhimmaa Alaa biyyattii Maahimuud Alii Yusuuf kan toora tiwitara isaanii irratti ibsan.
Galaana Diimaatiif Karra kan taatee Jabutii keessatti biyyoota buufata waraanaafi loltoota qaban keessaa tokko kan taate Ameerikaan, Itoophiyaa keessatti hokkarri kan uumamuu yoo ta'e loltoonni ishee deebii akka kennan Janaraalichi ibsanii ture.
Wayita ammaa waraanni itti cimee jiru kanatti, Finfinneen har'a finciltootaatti kan galtu yoo ta'e, lammiilee ishee baafachuuf loltoonni ishee qophii ta'usaanii janaraalichi dubbatanii ture.
Jabutiitti ajajaan waraana Ameerikaa Meejar Janaraal Wiiliiyaam Zaanaa torban darbe turtii BBC waliin taasiisaniin, tasgabbii dhabiinsi Itoophiyaa qaxanichaaf yaaddoo ta'uus himanii ture.
Afriikaatti waraana Ameeriikaa isa guddaa kan hogganan Jeenaraal Wiiliiyaam, waraanni Itoophiyaa waggaa tokko lakkoofsiise qaxanicha irratti dhibbaa cimaa ni qabaata jedhan.
Janaraalichi itti dabaluunis, ''Finfinneen yoo harka finciltootaa jala galte rakkoo namoomaa olaanaatu uumama,'' jechuun akeekkachisaniiru.
Akkasumas, kaayyoon waraana Ameerikaa Jabutiitti buufatee jiru inni ijoon Afriikaatti keessattuu Afriikaa Bahaatti yeroo rakkinaatti deebii kennuu ta'uu kaasuun, barbaachisaa ta'ee yoo argame, hojjattoota imbaasii Itoophiyaatti argamuufi lammiilee Ameerikaa Itoophiyaadhaa baasuuf karoora baafachuufi qophii taasisuu isaaniillee BBCtti himanii ture.
Ulaa galaanaa kan hin qabne Itoophiyaan omishaaleen gara biyyaa galaniifi gara biyya alaatti karaa galaanaatiin ergaman irra caalaan kan geeffaman buufta Jabutiin yoo ta'u, biyyoota lamaan jidduus walitti dhufeenya cimaatu jira.
Odeessaalee biraa dubbiifachuuf:
- Jabuutiin walitti bu'insa saboota Somaaleefi Affaar biyyattii keessatti mudate balaaleeffatte
- Facebook Itoophiyaa keessa walitti bu’iinsa hammeessuun itti gaafatamaa?
- Qondaalli olaanaa Bulchiinsa Yeroo Tigraay duraanii haala naannichatti yeroo sana ture maal himu?
- Daawwannaa Uhuruu, imala Bilinkan fi carraaqqii araraa Obasaanjoo













