Waraana Tigraay: Ittigaafatamaan bulchiinsa yeroo Tigraay duraanii waa'ee naannichaa yeroo sanaa maal jedhu?

Waraanni naannoo Tigraayitti Sadaasa 4, 2020 mootummaa federaalaafi hidhattoota Tigraay jidduutti eegalamuu hordofee, erga mootummaan naannoo Tigraay aangoorraa kaafameen booda, naannichi bulchiinsa yerootiin akka bulfamu taasifamuun ni yaadatama.
Haata'u malee mootummaan federaalaa Waxabajjii keessa dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsuun Maqaleedhaa erga baheen booda, miseensoonni bulchiinsa yeroo Tigraayis gara Finfinnee imalan.
Itti gaafatamaa Waajjira Bulchiinsa Yeroo Tigraay kan turaniifi wayita ammaatti Itoophiyaan alatti kan argaman Obbo Gabramasqal Kaasaa BBC Tigrinyaa waliin, haala yeroo isaan aangoorra turaniifi kaan ilaalchisuun gaaffiifi deebii taasisan haala kanaan isinii dhiyeessina.

Obbo Gabramasqal Kaasaa wayita baatiiwwan sadeettiif Ittigaafatamaa waajjira bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay ta'uun naannicha keessa hojjataa turanitti ''taateewwan sarbama namoomaa hubataniifi mootummaa federaalaa ammoo kana dhaabsiisuuf fedhii akka hinqabne ergan hubadheen boodan kana mormuuf jechan biyyaa bahe,'' jechuun maaliif akka baqatan himu.
Haata'u malee duraan bulchiinsa yeroo mootummaa federaalaatiin hundeeffame waliin hojjataa turuun, amma komii akkasii kaasuun hangam fudhatamaadha? jedhamuun gaaffii dhiyaatef akkasiin deebisan.
''Duraan Paartii Badhaadhiinaa waliin ta'uun faayidaa ummata Tigraay nan kabachiisa jedhee yaadeen ture. Garuu ergan gara naannichaatti imaleen booda yakkoota hedduu ummaticharratti raawwataman ijaan argeera.
Yakkoonni kunneen akka dhaabbataniif yaalii garagaraa ergan taasiseen booda kana gochuuf fedhiin akka hinjirre waanan hubadheefan kana mormuun biyyaa baqadhe,'' jedhan.
Obbo Gabramasqal keessattuu yakkoonni qaamoolee biyya biraa kan jedhuun, loltoota Eertiraatiin ummata Tigraay irratti raawwatame cimaa ta'uu kaasu.
''Kana yoon jedhuus ummanni Eertiraa ummata obbolaa ta'anilleen, motummaan Eertiraafi waraanni isaa garuu yakka qindaa'aa ummata Tigraay irratti raawwataniiru. Waraanni Eertiraa kunis haala kamiinuu Tigraay akka seenuuf mootummaa Itoophiyaatiin hayyamamuu hin qabu ture,'' jedhan
Waraanni Tigraay erga eegaleen booda qondaaltoota motummaa naannicha dursa seenan keessaa tokko ta'uu kan himan Obbo Gabramasqal, hanga dhuma naannichaa itti bahaniittis yakkoonni hedduu raawwataman ijaan arguu fi himannaawwan kanneeniifis ragaa qabaachuu himu.

Madda suuraa, Getty Images
Dhukaasa dhaabuu gamtokkee mootummaa federaalaa
ALI Waxabajjii 21, 2013tti wayita motummaan federaalaa dhukkaasa dhaabuu gam-tokkee labsuun Maqaleedhaa bahuu labseetti, bulchiinsi yeroo naannichaa duraan dursee odeeffannoo omaa akka hinqabne kaasu.
Guyyaadhuma dhukaasa dhaabuun gam-tokkoo mootummaa federaalaatiin itti labfame sana gara sa'aatii 10 irratti eegdoota dhuunfaasaanii fi poolisii federaalaa fi riippablikaan gaardii waliin Maqalee akka bahan yaadatu.
Obbo Gabramasqal kana haa jedhan malee guyyaa dhukaasni dhaabuun gam-tokkoo itti labsame sana dursaan gaaffii dhukkaasa dhaabuu kan gaafatee ture waajjirasaanii ta'uu baafamee ture.
Obbo Gabramasqal mootummaan federaalaa tarii qaamoolee naannicha keessatti ummata Tigraay irratti miidhaa raawwataa jiran ittigaafatamoo akka taasisu gaafachuufi waanuma ta'us hubachuuf akkasumas eegdoonni isaanii bahaa waan jedhaniif guyyaa sana gara Finfinneetti imaluu dubbatu.
Yeroo sanattis miseensoonni kaabinee fi ooggansa olaanaa naannichaa sagal dabalatee aanga'oonni aanaaleefi godinaalee gara 300 ta'anis baqachuun gara Finfinnee galuu himu.
''Booda garuu walgahiiwwan cufaa gaggeeffamaniin motummaan federaalaa kan mo'atame sababii bulchiinsa yeroo naannichaatiin jedhamuun waliigalame. Nuti ammoo lakkii nuti waa'ee bulchiinsa siivilii malee, mo'atamuu motummaatiif kan itti gaafatamu qabu ittigaafatamtoota raayyaa ittisaatii jennee mormine.
''Achumaanis kanneen bulchiinsa yeroo naannichaa turaniif mindaa baatii jahaa kennuun, bittinaa'aa isin hinbarbaadnu jedhan. Miseensoota paartii Badhaadhinaa amanamoodha jedhaman 16 qofas hoteela keessa teessisuun hanga ammaatti mindaan kanfalamaafii jira,'' jedhan.
Yaada Obbo Gabramasqal kaasan kana BBCn addatti qaama walaba ta'e irraa hinmirkanneeffanne.
Gama motummaa federaalaatiin 'miseensoonni bulchiinsa yeroo TPLF'f basaasaa ture', gama TPLFn ammoo 'ergamtoota motummaa federaalaa' turan jechuu komii irratti ka'uu ilaalchisuun BBC'n gaaffiin dhiyaateefii ture.
Obbo Gabramasqal ammoo miseensoota bulchiinsa yeroo Tigraay muraasaan alatti irra caalli isaanii komii gama lamaaniitiinu irratti dhiyaatuu akka hin turre waakkatu.
''Nuti xiyyeeffannaan hojii keenyaa ummata Tigraay baraaruu ture. Dhugaadha jidduu keenya kanneen mootummaa federaalaatiif ergaman muraasni turan. Garaagarummaan nuufi motummaa federaalaa jidduu tures ifaadha,'' jechun himannaa irratti ka'u waakkattan.
Haata'u malee Obbo Gabramasqal bulchiinsi yeroo Tigraay ummata Tigraayiin fudhatama omaatu akka hin arganne hidhoksine.
''Nutis ummanni nu hin simanne jechuun Mana Maree Federeeshiniitti beeksiifnee turre. Kanaafuu mee carraan ummatichaaf haa kennamu. Mariin nagaa haa gaggeeffamu jechuun irra deddeebiin ministira mummee osoo hin hanfe gaaffannee turre,'' jedhan.
Malaammaltummaafi hanna midhaan gargaarsaa
Obbo Gabramasqal akka jedhanitti, miseensoota bulchinsa yeroo naannichaa osoo ummanni beelaaf saaxilamaa jiru midhaan gargaarsaaa gurguraa turan ittigaafatamummaa irraa kaasuun akka to'ataman taasifaman jiraachuu himu.
Haata'u malee ''jarreen kunneen guyyaa walakkaa keessatti akka hiikaman taasifaman. Siriiyyuu hojiin biraa kennamuufiin gara Maqaleetti deebifaman,'' jedhan.
Tibba sanatti qaamooleen midhaan gargaarsaa gurguran, kanneen eeruu kennuun namoota nagaa ajjeesisan, akkasumas kanneen qabeenyaa ummataa saamaniifi gurguran jiraachuu dubbatu Obbo Gabramasqal.
Fakkeenyaafis, wayita ittigaafatamaa Waajjira bulchiinsa yeroo naannichaa turaniitti, ''miseensi bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay keessaa tokko Godina Baha Tigraay irraa kallattiidhaan birrii miiiyoona jaha akkaawuntii isaatti galii taasisuu isaatti to'annoo jala akka oolu taasifnee turre. Hanga Waxabajjii 21 Maqaleedhaa itti baaneettis to'annoo jala ture,'' jechuun kaasu Obbo Gabramasqal.
Namoonni wayita bulchiinsicha keessatti mudaman birrii 50-100 qofaa akkaawuntiisaanii irraa qaban, baatii muraasaan booda miiliyoonni 6 -7 akkaawuntii isaaniirratti argamu Baankii Daldalaa Itoophiyaa irraa mirkanneeffachuu akka ragaatti kaasu.

Madda suuraa, Getty Images
Ajjeechaa Aksuum
Kana malees ajjeechaa jumlaa dargaggoota irratti Muddee 19 Aksuumitti raawwatame jedhameen reeffa dargaggootaa ijaan arguufi dhimmicharrattis jaarsooliifi ittiigaafatamtoota waraana Eertiraa waliin marii gaggeessuu himu Obbo Gabramasqal.
''Reeffa dhibbaan lakkaa'amu osoo hin awwaalamiin argeera. Haata'u malee warraanni Eertiraa 'ofiin wal ajjeessan malee nuti hin ajjeefne' nuun jechuun haalan. Ummatarraa garuu mirkanneeffanne.
Booda Muddee 21 fi 22 raayyaa Itoophiyaafi poolisii federaalaa waliin ta'uun reeffa kaasuun akka awwaalaman taasifneerra,'' jedhu Obbo Gabramasqal Kaasaa.
Aksuumitti namoonni nagaa hedduun loltoota Eertiraatiin ajjeeffamu himu. Haata'u malee Mootummaan Eertiraa himannaa ajjeechaa kana irra deddebiin ni waakkata.
Ajjeechaan Aksuum kunis Komishinii mirga namoommaa Itoophiyaa dabalatee dhaabbileen mirga namoomaaf falman kan idil-addunyaatiin himamuunsaa ni yadatama.
Kana malees miseensoonni bulchiinsa yeroo naannichaa gara 50 ta'an yeroo garaa garaatti ajjeeffamuu kaasuun, ''jarreen kunneenis maalii fi eenyuun akka ajjeeffaman ni beekna turre. Kunis waan qoratamuu qabudha,'' jedhu Obbo Gabramasqal.
''Ibsi ajjeechaa miseensoota bulchiinsa yeroo ilaalchisuun maqaa bulchiinsa yeroo naannichaatiin Finfinnee irraa kennamaa ture malee nuti guutummaan irratti waliin hingalle ture,'' jedhu.

Barbadiinsa hambaalee
Hambaalee seenaa naannichaa badiinsi irra qaqqabe keessaa muuziiyeemiin mootii Atsee Yohaanniisiifi Siidaan Wareegamtoota Tigraay akka argaman himu Obbo Gabramasqal.
Akka seera idil-addunyaa loltoonni hambaalee seenaa keessa buufachuun waan hin hayyamamneef jecha looltoonni Itoophiyaa bakkeewwan sanii gadhiisuun akka bahaniif gaafatanillee gaaffiin isaanii fudhatama dhabuu dubbatu.
''Bakkeewwan kanneen lafa tarsimoowaa waan ta'aniif yoo achii gadhiifamee bahame, humnootiin TPLF salphaatti deebi'anii Maqalee to'achuu danda'u jechuun koomaandoowwan gara 700-800 ta'an keessa turan.
Kaanis kompitaroota gara 100 ta'an dabalatee eddoowwan lamaan kanaa hambaalee seenaa ture barbadaa'eera. Kanas ija keenyaan agarreerra,'' jedhan.
Furmaata waraana amma gara naannoolee ollaatti babal'atee
Waraannii Sadaasa 4, 2020 eegale yeroo ammaa gara naannoolee ollaa Amaaraafi Affaariitti babal'ateera.
Kun attamiin furamuu mala jedhanii akka yaadan kan gaafataman Obbo Gabramasqal, ''Tigraay jalatti kan bulan aanaalee 75tu ture. Bulchiinsi yeroo ammoo aanaa tokko keessattillee fudhatama hin arganne ture.
Siriiyyuu ummanni baay'inaan lolatti makamuuf gara gammoojjii bu'a ture. Kun ammoo haalicha nagaan furuu irratti balaa qabaata,'' jedhu.
Kana malees badiinsi qabeenyaa naannichaa kan akka warshaa huccuu Almadaa, Warshaan Albudaa Saabaa, Warshaan Qoricha Addigiraat fi kkf bakka waraanni hinjirreetti barbadaa'uu fi saamamuu isaanii dhimma biraa ummata naannichaa aarse akka ta'e dubbatu Obbo Gabramasqal.
''Saamichiifi badiinsi dhaabbilee kanneen irratti kan raawwatame erga TPLF guutummaan barbadaa'eera, kan nu dhaabu hinjiru jechuun yaadanii booda bakka lolli hin jirretti.
Mana manarra deemuun ajjeechaan kan raawwatames bakka lolli hin turretti. Kanaaf mufaatii ummataa kana tasgabbeessuuf jecha lakkii mariin haa gaggeeffamu jennee gaaffannee turre. Garuu fudhatama hin arganne,'' jedhu.
Ta'us ammalleen ''hin galgaloofne'' kan jedhan Obbo Gabramasqal, dhaabbileen idil-addunyaa fi lammiileen Itoophiyaa dhimmisaa isaan ilaallatu akkasumas humnootiin biyyattii keessatti argaman hundi gara mariitti deebi'uun furmaata akka barbaadaniif waamicha taasisaniiru Obbo Gabramasqal.
Waamicha nagaa...
Waraanni waggaa tokkoon dura naannoo Tigraayitti eegalame amma naannoolee ollaa Amaaraafi Affaar keessatti babal'achuun, namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman bakka jireenya isaanii akka buqqa'aniifi kanneen kumaatamaan lakkaa'aman ammoo lubbuusaanii ittiin dhabaniiru.
Kana malees lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman Tigraay, Amaaraafi Affaar keessatti eeggattoota deeggarsa namoomaa akka ta'aniif saaxileera.
Waraanni kun dhaabbachuun karaa mariitiin akka furamuuf biyyoonniifi dhaabbileen idil-addunyaa irra deddeebiin waamicha taasisaa turan.
Dhiheenya kanas ergamaan Addaa Gamtaa Afriikaa fi pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa Oluseeguun Obaasaanjoo waldhabdee kana jaarsuummaan furuuf haaluma ergama gamtichaan itti kennameetiin, MM Itoophiyaa Abiy Ahimad dabalatee aanga'oota naannoolee akkasumas hogganaa TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el (Dr) waliin marii taasisuun isaanii ni yaadatama.


















