'Qaamoleen gochaa safuu kana dalagan hatattamaan seeratti haa dhiyaatan'-Majiliisa

Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa lola naannoo Tigraayitti gaggeefameen walqabatee haleellaa Masjiida Al Najaashii magaala Wuqurootti argamurra gahe balaaleffate.
Manni Marichaa kanneen haleellicha raawwatan mana murtiitti akka dhiyaatan gaafateera.
Manni maree kun haleellaa masjiida Najaashii irratti raawwatame ilaalchisee har'a miidiyaalef Ibsa kenneen ''haleellaa meeshaa waraanaa guddaan masjiida seena qabeessa Najaashii fi iddoo awwaalchaa irratti raawwatameen masjiidicha irratti miidhaan qaqqabera'' jedhe.
''Dhaabbileen kennaa tajaajilaafi meeshaaleen tajaajilaa saamichaaf saaxilamuu isaanii hubanneerra" jedheera.
Masjiidni Najaashii hambaa lammiilee Itoophiyaa qofa osoo hintaanee hambaa idil addunyaa ta'uu kan hime Manni marichaa haleellaan masjiidicha irratti raawwatame akka isa gaddisiise himeera.
"Miidhaa hambaa seena qabeessaafi masjiida irratti qaqqabeen onneen muslimoota Itoophiyaa qofa osoo hin taanee onneen muslimoota addunyaa miidhameera" jedhe manni marechaa ibsa isaa keessatti.
Yakka "suukaneessaa fi qaanessaa" masjiidicha irratti raawwatame kan balaaleffate manni marichaa "mootummaafi uummatni waliin qindaa'uun qaamoleen gochaa safuu kana dalagan hatattamaan seeratti akka dhiyaatan akka taasisu gaafanna" jedheera.
Kana malees Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa qaamoleen mootummaa dhimmichi ilaallatu miidhaa qaqqabe ilaalchisee ragaa fi ibsa akka laatuuf gaafateera.
Ragaa fi ibsa qaamolee mootummaa irraa argatu uummata akka beeksisus manni marichaa himeera.
Kana malees Abbaa Taayitaa Eegumsa Hambaalee waliin ta'uun gareen miidhaa masjiida Najaashii irratti qaqqabe qoratu gara iddichaa deemuun yeroo gabaabaatti gabaasa akka dhiyeessu hojjetamaa akka jirus ibsa manni marichaa miidiyaalef kenne irratti himameera.
Manni Marichaa "qaamolee dhimmichi ilaallatu qindeessuun Masjiida fi hambaa miidhaan irratti qaqqabe yeroo gabaabaa keessatti suuphamee tajaajila akka kennu ni taasifna. Kanaafis qophii taasisaa jirra" jedheera.
Dhumarrattis mootummaan hawaasa waliin qindaa'uun hambaaleefi iddoowwan seena qabeessaaf xiyyeeffannoo akka kennu akkasumas kunuunsaa fi eegumsa addaa akka taasisu Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa gaafateera.
Lola mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduutti taasifameen ta'uu malee ammatti haleellaa qaama kamiin hambaan kun akka miidhame ifatti ragaan agarsiisu hin jiru.

















