Gumii Dhimmoota Islaamummaa: ''Deebii quubsaa hin argannu taanaan filannoo biraatti deemna''

Madda suuraa, Getty Images
Gumiin Dhimmoota Islaamummaa xalayaa Mootummaa Naannoo Amaaraaf barreesse keessatti dhimma haleelamuu masjiidota Moxaa irratti waan pirezidaantiin naannichaa dubbatan komate.
Hoogganaan Boordii Gumii Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Obbo Kamaal Haarun, mootummaan ibsa kennuun kan irra ture wayita balaan sun raawwate ta'uu gaaffii keenya ture jedhan.
''Ibsi pirezidaantichi kennan ofirraa baasa. Dhimma ayyaanaaf dhufanii waa'ee masjiida Moxaa keessa buusan. Isumayyuu ibsa hawaasa Muslimaa gidduutti qoqqoodiinsa uumuuf affeeru kennan. Kanarraa komii guddaa qabna.'' jechuun BBCtti dubbatan.
Akka Kamaal Haarun jedhanitti Gumichi dhimmoota shan irratti ibsa bal'aan akka kennamu Pirezidaantii Naannoo Amaaraa Obbo Tamasgeen Xuruunah xalayaadhaan gaafate.
''Jalqabumarratti komiin hawaasa Muslimaa kabajamee dhaggeeffatamuu qaba.
Lamaffaarratti kan gaafatame masjiidonni barbadaa'an ijaaramanii bakka buufamuu qabu.
Kan biraan ammoo hawaasa muslimaa naannoo Amaaraa keessa jiru irraa dararaa fi doorsisi dhaabbachuu qaba.
Gaffiin kan biraan ammoo namoota miidhamaniif beenyaan kaffalamuu qabaadha.
Dhumarratti hawaasni Muslimaa wabii nageenyaa qabaachuu akka qabuudha kan gaafatame,'' jedhan.
Erga masjiidonni Moxaa gubachuun qabeenyi hawaasa Muslimaa naannawa sanaas miidhamee as mootummaa fi miidiyaan naannochaa rakkochaaf iddoo kennee furmaatasaaf hin hojjenne jechuun komatu qondaalli amantii kun.
''Namni mataa biyyaa ta'ee fi aangoo olaanaa biyya keessatti qabu kun haala kanaan dubbii mataa dabsee ibsa kennuun waan qaanessaadha.
Itti gaafatmummaa jalaa qulqullaa'uuf jecha qaama biraatti quba qabuun waan irraa hin eegamneedhas,'' jechuun komii Pirezidaantii Naannoo Amaaraa Obbo Tamasgeen irraa qaban ibsan.
Keessattuu yaada pirezidaantichi majilisa irratti kennaniin Gumiin Dhimmoota Islaamummaa daranuu akka mufate kan dubbatan Kamaal Haarun, yeroo ammaa rakkoon majilisas ta'ee hawaasa muslimaa gidduu kan balaa haganaa qaqqabsiisuu danda'u akka hin jirre dubbatan.
Naannoo Amaaraa keessatti rakkoon hawaasa Muslimaa irra ga'aa jiru kan Moxaatti raawwatame qofa miti kan jedhan Kamaal Haarun, ''yeroo dhiyoo as masjiidonni 27 caalan gubataniiru, garuu mootummaan naannochaa tarkaanfii quubsaa fi madaalawaa fudhatee hin beeku,'' jedhan.
Mootummaan naannoo Amaaraa qondaaltota nageenyaa afur dabalatee namoota yakka masjiidota Moxaa gubuu keessatti hirmaataniiru jedhee shakke to'annaa seeraa jala oolchuusaa ibsee ture.
Kanarrattis wayita yaada kennan Kamaal Haarun, ''badiin raawwatee fi tarkaanfiin fudhatame wal hin gitu, mootummaanis kanuma jedhee callise malee tarkaanfii guutuu hin fudhanne,'' jedhan.
Tarkaanfiin Majilisaa itti aanu maali?

Madda suuraa, Feesbuukii Gumii Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa
Akka hoogganaan Boordii Gumii Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Kamaal Haarun jedhanitti, haleellaa masjiidota Moxaa irratti raawwateen booda magaalota naannoo Amaaraa garaagaraa keessatti hawaasi muslimaa hiriira ba'uun gaaffii qabu dhiyeessaa turullee namni dhaggeeffate hin turre.
''Hiriirri gaggeeffamaa ture beekamtii gumii qabaachuu baatus garuu dhaggeeffatamuu qaba ture.
Mootummaan naannochaa gaaffii gaafatame tuffatee bira darbe. Nuti garuu hojii tasgabbeessuu hojjechaa turre,'' kan jedhan Kamaal Haarun, ''Yoo mootummaan tarkaanfii sirreeffamaa hin fudhatu ta'e filannoo biraatti deemna,'' jedhan.
Hawaasni muslimaa biyyattii keessa jiru hiriira mormii akka guutuu biyyatti ba'uun sagaleesaa dhageessifachuu kan barbaadu ta'ullee, nuti garuu balaa mudachuu malu hambisuuf jecha hawaasa tasgabbeessaa turre.
Gaaffiin keenya nuuf hin deebi'u taanaan garuu to'annoo keenyaan ala ta'uu mala,'' jedhan.
''Pirezidaantiin naannoo Amaaraa Obbo Tamasgeen Xuruunah guyyaa jala bultii ayyaanaa ergaa dabarsan keessatti, waa'ee gubachuu masjiidota Moxaa wayita dubbatan hawaasa muslimaatiin raawwatame jechuunsaaniii rakkoo biraa kan kakaasuudha.
Wayita haleellaan sun raawwate namoonni sirbaan dhaadataa turan ni beekamu. Kanaafuu ibsa isaanii sanallee ni balaaleffanna,'' jedhan.
Yeroo ammaa kanatti kan yeroo kamuu caalaa majilisa gidduutti tokkummaan uumamee jira kan jedhan Kamaal Haarun, majilisa gidduu qoodinsatu jira jedhanii qondaalli mootummaa dubbachuun baay'ee nu yaachisa jedhan.
Gaaffileen gaafataman hundinuu hanga deebii argatanitti filannoo qabnu hunda fayyadamnee ni qabsoofnas jedhaniiru.
















