Miidhaa masjiida Al-Najaashiirra gahe qorachuuf koreen ijaarame

Madda suuraa, Ahmedin Jebel/Facebook
Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti kan argamu Masjiidi Al-Najaashii lola naannicha keessa tureen haleelamee miidhaan irra gahuu Abbaan Taayitaa Eegumsa Hambaalee Itoophiyaa hime.
Afriikaa keessatti masjiida umrii dheeraa qabu kan ta'e masjiidi kun waggaa lama dura bara 2018 deggersa mootummaa Tarkiitiin haaromfamee ture.
Akka maddi oduu biyya Tarkii Anaadooluu Eejansii gabaasetti masjiidni kun bakka mootichi Ahimad Nejaashi jedhamu itti awwaalame yoo ta'u, awwaalchi isaa fi kan waahillan nabiyyuu Muhaammad 15 ta'aniis achi jira.
Masjiidi kun waggoota dheeraa dura kan hundaa'e yoo ta'u Itoophiyaan biyyoota jalqaba amantii Islaamaa fudhatan keessa jiraachuuf fakkeenyadha jedhama.
Masjiida kanarra miidhaan akka gahe quba qabaachuu BBC'tti kan himan Direektarri Itti Aanaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Hambaalee Itoophiyaa Obbo Ababaawu Ayyaaleewu, gareen miidhaan gahe hagam akka ta'e qoratu lama garas erguuf akka jiran himan.
Masjiida Al-Najaashiitti dabalataan manni amantaa Orotodoksii Amaanu'eel Minguwaa jedhamu kan akka hambaatti ilaalamullee miidhaan irra gahuu dubbatu.
Gareeleen lamaan Biiroo Aadaa fi Turiizimii Tigraay fi mootummaa federaalaan kan hundaa'u yoo ta'u miidhaa gahee fi akkamiin bakkatti deebisuun danda'amu qoratu jedhan.
Gareen jalqabaa Amajjii torbee jalqabaa garas akka imalu himanii, gareen kun dabalataan hambaalee socho'an biroo naannicha keessa jiran miidhaa irra gahee fi bakka jiraachuu isaanii ni mirkaneessa jedhu.
Majiliisi Itoophiyaa maal jedhe?
Masjiidi Finfinneerra kiiloomeetira 790 fagaate magaalaa Wuquroo jedhamtu keessatti argamu kun lola Tigraay keessa tureen haleelamee, keenyan isaa gariin jigee mul'ata.
Akkamiin akka haleelamee fi eenyuun akka haleelame akkasumas miidhaan hagam akka irra gahe wanti beekamu hin jiru.
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook
Dhimma haleelamuu masjiida Najaashii irratti kan gaafanne, pireezidantii itti aanaan Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Dr Jeylaan Kadir, dhimmicha dhagahanis garuu bal'inasaa adda baafachuuf hojjechaa jiraachuu himan.
"Haga ammaatti odeeffannoon qulqulleeffanne hin jiru. Waan miidiyaarraa dhageenyuun addatti odeeffannoo biraa hin qabnu," jedhu Dr Jeylaan.
"Koree garas imalee qorannaa gaggeessu qindeessaa jirra. Haga koreen kun achi deemee odeeffannoo guutuu nuun ga'utti kana jennee dubbachuu hin dandeenyu" jedhan.
Mana Maree dhimmoota Islamummaa naannoo Tigraay irraa odeeffannoon argatan akka hin jirres himan.
''Qoratamee hatattamaan ibsamuu qaba''- Ibsa Paartii EZEMA
Paartiin 'EZEMA' haleellaa masjiida Najaashii irratti raawwatame balaaleffachuun ibsa baaseera, masjiida kana bakkasaa duraatti deebisuuf hunduu akka tumsuu qabus dhaameera.
Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraayitti duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeeffamaa ture wayita xumuramaa deemutti suuta suuta maloonni quunnamtii kanaan dura adda citanii turan waan deebi'aa jiraniif odeeffannoowwan haaraan dhagahamaa jiru jedha ibsichi.
Kanaan walqabatee balaan qaqqabe yerosiif bal'inaan ibsamuu baatus, masjiidi al-Najaashii haleelamuun amma dhagahameera jedhe.

Ibsi EZEMA masjiidi seena qabeessa ta'e kun faayidaan gama amantiitin qaburratti darbee hambaa Itoophiyaa ta'ee addunyaarratti beekama jedha.
Waliigalteen seera Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan bara 1954 ragga'e biyyoonni addunyaa tibba hookkaraa fi waraanaa hambaalee seenaa fi aadaaf eegumsa ga'aa gochuu akka qaban ajaja.
Waldaan Fannoo Diimaa murtee seeraa lakkoofsa 38ffaarratti akka ibsetti walitti bu'iinsa haala kam keessattuu biyyoonni hambaawwan akka kanaaf eegumsa gochuu akka qaban ajaja.
Seerota lameen kanneen itti amantee mallatteessitee kan jirtu Itoophiyaan, gochi faallaa seerota kanaa ta'e garuu masjiida kanarratti raawwatameera jedha ibsi kun.
Paartichi haleellaa masjiida kanarra ga'eef gaddi akka itti dhagahame horodoftoota amantichaa fi uummata Itoophiyaa maraaf ibseera.
Haleellaan masjiida Najaashii irra ga'e qaama walabaan akka qoratamuu fi danaasaa duraanii osoo gadi hin dhiisin bakkasaa duraatti akka deebi'u gaafateera.
Uummanni biyyichaa amantiin osoo wal hin qoodin waldeggaree masjiida kana suphee bakkasaa duraatti deebisuun dirqama lammummaa akka ba'us dhaameera.
Masjiidi kun lafa kaaree meetira 4000 irra kan qubate yoo ta'u iddoo sagadaa fi bakka awwaalchaa lama qaba.
Amantoonni hedduun kutaalee Itoophiyaa gara garaa fi biyyoota addunyaa kaan irraa ayyaanota akka Ramadaanaa fi Mawuliida kabajachuuf akkasumallee daawwachuuf garas imalu.















