Ogeessi suphaa Hambaa dhabamuun haaromsa hambaalee Oromiyaatti yaaddoo uume

Haaromsa Masaraa Abbaa Jifaar

Magaala Jimmaatti kan argamu masaraan mootii Abbaa Jifaar deeggarsa Imbaasii Ameerikaatiin suphaan isaa wagga tokkoo fi ji'a afuriin dura eegalamee ture.

Hambaa seenaa kana Ogeessi suphus karaa Imbaasichaa biyya alaatii kan dhufe yoo ta'u waggaa tokkoo fi ji'a jaha keessatti xumurama jedhamuunis kan karoorfame.

Yeroon itti xumurama jedhame kuni dhumuuf baatiin lama qofti hafus haaromsi hambichaa garuu walakkaarra jira.

Hogganaan Biiroo Aaadaa fi Turizimii Oromiyaa Obbo Kabbadaa Deessisaa BBC'tti akka himanitti haaromsi masaraa Mootii Abbaa jifaar sababoota ijoo lamaaf jecha suphaan isaa gara dhaabbachuutti dhihaateera jedhan.

"Ogeessi Haaromsa Hambaa hojii kana jalqabee ture biyya alaatiyi kan dhufe. Yeroo inni jiru suphaan isaa haala gaariin deemaa ture. koronaavaayirasiin dhufnaan ogeessi kuni gara biyya isaatti deebi'e. Amma achas deebi'ee hojicha xumuruuf fedhii hin qabu" jedhan.

Ogeessi kuni yeroo hojiirra turetti dargaggoota suphaa kanarratti leenjisaa kan ture ta'us ogummaan isaanii garuu sadarkaa haaromsicha qofaa itti fufsiisan irra waan hin geenyeef suphaan masaraa kanaa harkifachuu himan.

Ogeessi suphaa Hambaa biyya keessaa salphaatti kan hin argamne ta'uun ammoo hojii Haaromsa hambaalee irratti yaadoo uumeera.

Saanqaan haaromsa masaraa Abbaa Jifaarif barbaachisus hamma jalqabarratti yaadameen olitti waan ta'eef gosa mukkeenii ijaarsa kanaaf barbaachisan salphaatti argachuu dhabuunis rakkoo kan biraati.

Ambaasaaddarri US Finfinnee jiranii Maayik Reeynar waggaa lama dura yeroo pirojektiin masaraa Abbaa Jifaar haaromsuuf waggaa lama dura eegalame argamanii turan

Madda suuraa, US Embassy Addis Ababa

Ibsa waa'ee suuraa, Ambaasaaddarri US Finfinnee jiranii Maayik Reeynar waggaa lama dura yeroo pirojektiin masaraa Abbaa Jifaar haaromsuuf waggaa lama dura eegalame argamanii turan

Hojiin Haaromsa masaraa kanaa hamma ogeessi argamutti itti fufsiisuun rakkisaa waan ta'eefis haaromsisaa yoom akka xumuramu tilmaamuun rakkisaa akka ta'es eeran Obbo Kabbadaan.

Dargaggoonni haaromsa hambaalee irratti leenji'an kan haaromsa masaraa Abbaa Jifaar irratti hirmaatan kunneen muuxannoo argataniin masaraa Kumsaa Morodaa ni haaromsu jedhamee abdatamees ture.

Ta'us Ogeessi Biyya alaatii dhufe suni erga deemee dargaggoonni kunneen dhuunfaa isaaniitiin hojii kana raawwachuu waan hin dandeenyeef abdiin ture abdii qofa ta'eera.

Oromiyaa keessatti Masaraa Mootii Abbaa Jifariin alatti masaraan Kumsaa Morodaa fi Qonsilaan Ingiliz Magaala Goree jirus haaromsa kan barbaadan ta'us ogeessi suphaa hambaa dhabamuun haaromsa hambaalee kunneenii gaaffii keessa galchee jira.