Masaraa Abbaa Jifaar waggaa 140 booda haaromfamaa jiru suuraan

Haaromsa Masaraa Abbaa Jifaar

Masaraan mootii Abbaa Jifaar waggoota 140 ol lakkoofsise kutaaleensaa heddu miidhamanii sodaan jiguu itti aggaamamee uummata biraayis komii guddaa kaasaa ture.

Hojiin haaromsa masarichaa al shan eegalamee addaan citee ture. Hir'ina suuphaa irraa kan ka'e utubaaleen mukaa manichaa tortoran daawwattoota irratti balaa akka hin qaqqabsiisnef sodaatamaa ture.

Yeroo ammaa masaraan kun daawwatootaaf cufaa ta'ee haaromsamaa jira.

Haaromsi masaraa mootii Abbaa Jifaar ji'oota jaha kan lakkoofsise yemmuu ta'u hojiin haaromsaa kun dhibbeentaa 30 irra gaheera.

To'attoota hojii haaromsaa masaraa mootii Abbaa Jifaar keessaa tokko kan ta'an Obbo Kibruu Tasfaayee sadarkaa haaromsi masarichaa irratti argamu nu daawwachiisaniiru.

Haaromsa Masaraa Abbaa Jifaar

Hojii haaromsa masaraa mootii Abbaa Jifaar irratti lammiileen biyyoota garaagaraa gama ijaarsaan akkasumas dhaabbileen barnootaa olaanoo kan akka Yunivarsiitii Jimmaa fi Finfinnee gama qorannoon qooda fudhataniiru.

Haaromsa Masaraa Abbaa Jifaar

Masaraan kun gosoota mukkeen akka omii, waddeessa, qararoo, birbirsa fi gaattiraa biyya keessaatin haala duraan turen haaromfamaa jira.

Haaromsa Masaraa Abbaa Jifaar

Kutaaleen masarichaa heddun miidhamanii kan turan yemmuu ta'u haaromsa taasifamaa jirun keenyaa dabalatee qaamoleen masarichaa baay'een akka haaraatti ijaarramaa jiru.

Haaromsa Masaraa Abbaa Jifaar

Masaraan mootii Abbaa Jifaar iddoowwan ijoo shanitti kan qoodamu yemmuu ta'u isaanis mana jireenyaa akaakayyuu isaanii (Sulxaan Abbaa Joobir), kutaa jireenyaa ijoollee mootichaa, kutaa bulmaata mootii Abbaa Jifaar, kutaa masaraa guddicha fi masjiida maatii jedhamuun beekkamu.

Haaromsa Masaraa Abbaa Jifaar

Yeroo ammaattis hojiin haaromsa kutaa ijoollee mootii Abbaa Jifaar (kutaalee 14) hojiin isaanii dhibbeentaa 85 ta'u xummurameera.

Haaromsa Masaraa Abbaa Jifaar

Haaromsi masaraa mootii Abbaa Jifaar bara 1985 qorannoo osoo hin bu'ureeffatin muka baargamoon ijaarrame hojii haaromsaa amma hojjetamaa jiru duubatti harkisuunsaa himama.

Haaromsa Masaraa Abbaa Jifaar

Ji'oota lama booda uummatni sadarkaa fi haala hojii haaromsa masarichaa akka ilaaluuf daawwannaaf banaa ni taasifama jedhameera.

Haaromsa Masaraa Abbaa Jifaar

Iddoon Masaraa mootii Abbaa Jifaar ilbiisootni akka rirmaa fi boombii kan jiran ta'uu isaatin ilbiisootni kun mukkeen masarichaa nyaachun akka hin miinef gamanumaa irratti xiyyeeffatamuu akka qabu Obbo Kibruun dhaamaniiru.

Haaromsa Masaraa Abbaa Jifaar
Haaromsa Masaraa Abbaa Jifaar