Abbaa Jifaar haga Abbaa Bulguu: Maqaan kabajaa Jimmaa akkamiin moggaafama?

Bunaa fi maqaalee kabajaa Jimmaa

Madda suuraa, Getty Images

    • Barreessaa, Eliyaas Hordofaa
    • Gahee, BBC Afaan Oromoo

Abbaa Gumbul, Abbaa Foggii, Abbaa Dikoo, Abbaa Jifaar, Abbaa Waarrii, Abbaa Tamaam, Abbaa Billoo, Abbaa Cabsaa, Abbaa Bulguu,….

Kunniin maqaawwan kabajaa aadaa Oromoo - keessattuu naannawa Jimmaatti beekaman keessaa isaan muraasadha.

Godinaalee Oromiyaa garagaraatti maqaalee kabajaa moggaasuun kanuma jiru tahus, Jimmatti hedduminaan ni mul'ata.

Maqaa kabajaa eenyutu moggaasa? Maaliif moggaasu? Amma ni jira moo hafeera?

Maanguuddoo Jimmaa fi ogeessa aadaa Godina Jimmaa dubbisnee waa qixeessineera - Dhiyaadhaa.

'Warra obboleessaatu moggaasa'

Akkaataan maqaan kabajaa Jimmatti moggaafamu sababoota gurguddoo lamaaf tahus, harka caalu garuu warra obboleesaatu moggaasa jedhu maanguddoon Jimmaa Abbaa Tamaam - Abbaa Dikoo - Abbaa Waarrii - Abbaa Billoo - Saqqaa - Bulbul….

Abbaa Tamaam kana fakkeenyaan wayita ibsanitti ''Obboleessi koo maqaansaa Abbaa Nagaa Abbaa Dikoo jedhame, warrisaa [keessattuu haadha warraa] Abbaa Tamaam Abbaa Dikoo naan jechuu qabdi,'' jedhu.

''Yoo tasa abbaan manaa sun yoo irraa boqote, namichuma kanatu abbaa manaa taha gatii taheef, safuudhaaf jecha [kabaja] jalqabdi.

Amma namni kun bultii ofii ijaarratutti namni kaan maquma dhalootaatiin yaamuu kan danda'u yogguu tahu, maatiin obboleessaa garuu maqaa kabajaa saniin yaamu.

Yoom moggaasan?

Abbaa Tamaam maqaan dhalootaa isaanii Jamaal Abbaa Dikoodha. Haadha warraa obboleessa isaanii yookaan waarsaatu Abbaa Tamaam moggaasiseef.

Kanas wayita ibsan ''Obboleessa abbaa manaatiin maqaa dhalootaan yaamuun safuu qaba. Kanaafis Abbaa Tamaam jettee na moggaafte.

Gaafa obboleessi koo angafti fuudhuyyi, ganama misirroodhaaf maqaan kennama. Erga maqaan kabajaa isheef kennamee booda haadhaafi abbaakoo teessiftee 'maqaa kabajaa isaaniin waamu naa moggaasaa' jetti. Haala kanaan Abbaa Tamaam naa moggaasan,'' jedhu.

Sagantaan maqaa moggaasuu kun yeroo baayyee bunni danfee, maatiifi firri walitti qabamee gaggeefama.

Kunis kan tahe dargaggummaa isaanii keessa akka tahe ka dubbatan Abbaa Tamaam, ''Gaafasii qabee maqaa kana fudheen taahe,'' jedhu.

''Guyyaa gaafa gaa'illi koo ga'u ammoo, haati manaa koo akkasiin na waamuu jalqabde,'' jechuun adeemsa maqaa kabajaa moggaasuu ibsu.

Maqaa kabajaa argatan kanaanis, hanga fuudhanitti waarsaa qofatu isaaniin yaama. Namni kaan garuu maquma dhalootaatin yaama jedhu Abbaa Tamaam.

'Haati warraas maqaa kabajaa qabdi'

Jimmatti maqaan kabajaa kan kennamu warra dhiiraaf qofa osoo hin taane dubartootaafillee ni moggaafama. ''Amma hafaa dufeera,'' jedhu Abbaa Tamaam.

Irra caalaa kan haadha warraa maqaa gosaatiin mogga'a ka jedhan Abbaa Tamaam, ''Sanyiin ishee Jaarsoo taanaan, Jaarsittii jedhamti. Yoo Karrayyuu taate, Harsittii; yoo Gaaroo taate, Amaartittii; Bosaa yoo taate, Bosittii; Busaasee -Busaaseettii…''

Aadaan kun amma ni jiraa?

Firii bunaa harkatti nam baatee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ogeessa aadaa Waajjira Aadaa fi Turizimii kan tahan Obboo Zayinuu Ahimad, ''Hafeera jechuunis rakkisaadha. Akka duriitiin itti fufaa hinjiru.

Keessattuu naannoo magaalaatti hafeera jechuun ni danda'ama. Baadiyyaa keessattis haphachaa dhufeera,'' jedhu.

Abbaa Tamaamis aadaan maqaa kabajaa moggaasuu kun haalaan hir'achaa dhufeera jedhu.

Fakkeenyaafis wayita kaasan ijoollee dhiiraa qaban shan keessaa kan maqaan kabajaa moggaafameef hinjiru.

''Maqaan kabajaa kan mogga'eef hinjiru. Sheeka, sheekumaadhaan waamamu malee, Abbaa abalu kan jedhamu hin qabanu.

Obboo Zaynus maqaan kabajaasaanii moggaafameef Abbaa Maccaa tahus, isaan hin waamaman. Maatiin obboleessa isaanii garuu ammallee Abbaa Maccaatti waamu.

Maqaa kamtu galmee gubbaarra taaha?

Maqaa dhalootaa yookaan maqaa kabajaa keessaa kamtu seeraan beekama?

Obboo Zayinuun akka jedhanitti, ''Maqaan dhalootarratti moggaafameef guutummaan guutuutti hin hafu,'' jedhu.

''Namni umuriin nama sanaa ol tahe maquma dhalootaan yaama. Namni umuriin isaa gadi jirummoo maqaa kabajaan waamuu danda'a.

Kan daangeeffamu garuu warra obboleessaatiini. Waarsaan maqaa kabajaan alatti hin waamtu,'' jedhu.

Mana barnootaattis irra caalaan maqaan dhalotaa akka hojiirra oolu Aabba Zayinuun ni dubbatu.

Ijoolleen Abbaa Tamaamis maqaa abbaasaanii Jamaalitti akka himataniifi galmeessisan nutti himaniiru.

Sababoota maqaan kun itti mogga'an, fakkeenya waliin

Abba Billoo - faaya durii warqeerraa hojjetamu 'Billoorii' jedhamutu. Abbaan waan mararfatuuf 'Billookoo' jedha.

Abbaa Waarrii fi Abbaa Garoo - kabajama angafumaaf kennama

Abbaa Goojjaam - burcuqqoo bulbula damma itti dhuganu, kan morma dheerattu

Abbaa Cabsaa - maqaan dhalootaa Aliyyii taanaan Abbaa Cabsaatti moggaafama

Abbaa Simal - maqaan dhalootaa Muusaa taanaan

Abbaa Bulguu - maqaan dhalootaa Abduu taanaan

Abbaa Garoo - maqaan dhalootaa Maammoo taanaan

Abbaa Diimaa fi Abbaa Gurraachaa - isaan kun bifarraayyi kan moggaafaman jedhu Abbaa Tamaam

Abbaa Gunjuu - bifa fardaan kan waamamu

Abbaa Lungoo - nama dheeraa taheef