Aadaa Oromoo Salaalee: Wadaajii - dhungoo, karameellaa, shaashiii...

Wadaajiin Qaammee keessa wayita abaaboon daraarte jalqabama. Dargaggoofi shamarreen akeekkataniidhuma wadaajiidhaaf ashuffeetti ba'u.
Jala bultii Fulbaana tokkoo shamarran Qunni buqqifatu. Guyyaan kun Buqqisaa jedhamee waamama.
Wayita shamarran Qunni buqqifatan dargaggeessi ammoo shimala isaa qabatee shamarree ilaallata ykn haala mijeeffata.
Bariitu isaa ''qunnii baatanii mana maatii irra deemanii erga sirbanii, eebbifataniin booda warri shamarranii wadaaja isaaniif karameellaa geessuuf'' nuun jedhan Godina Shawaa Kaabaatti jiraattuu ganda Bosoqqee Jaatee kan ta'an Aadde Gannat Lammaa.
Godina Shawaa Kaabaa ykn Salaaletti kan beekamu aadaan Wadaajii kun aadaa jaalala ittiin agarsiifataniifi fuudhaafi heerumaafillee ittiin wal-kaadhimmatanidha jedhu jiraataa magaalaa Gabra Gurraachaa kan tahan Obbo Hamdee Abarraa.
''Qaammee irratti karameellaa siif binna jennee qaxaroo qabnaaf, gaafas egaa ijoollee hurraa (xixiqqoo) karameellaa baachiifne deemnee, mucichii yoo na bira gahe kiisii isaa keessa nan naqaafi inni immoo shaashii naa hidha'' jedhu Aadde Gannat.
Ashuffeedhumatti (dirree marga dhedheeraa qabu) naxalaa walitti uffisnee wal dhungannee gargar gallaa jechuun kokkolfaa yaadannoo isaanii durii nutti himan.

''Karameellaa karameellaa
Gabaa naggaadee Jarii
Koottu karaa mana keenyaa
Karaa wallaale jedhiii''

''Aduu Inquxaaxashiif shamarreen kafana haaraa, shaashii haaraa ni bitattii, nuti warri dhiiraas kafana haaraa, caammaa haaraa ni bitannaa, gaafas 'foollee' jechaa shamarree waliin yaana'' jedhu jiraataa ganda Bosoqqee Jaatee kan tahan Obbo Tasfaayee Asaffaa.
Shaashii jaalallee isaaniif bitan kiisii keessa keewwatanii ''gandaa gandatti sirbaa gaafa yaatu itti girriifnee ishee qabnaa, isheen karameellaa uka keessa gudunfattee dhufte nuu kennitii nuti immoo shaashii itti hiina" jedhu.
Sana booda, ''dargaggeessi wayyaa itti uwwisee hidhii keessa dhungataa isheenis hin dhungattii'' akkasitti addaan deemu'' jedhan Obbo Tasfaayeen.
"Shamarree tokko qe'ee tokkoo qe'ee biraa gaafa deemtu qabna malee qe'ee isheetti hin qabnu qaanii guddaa dha warris nu loluu," jedhu.
Shamarreen tokko nama wadaajii ishee turetti heerumuu dhiisuu ni dandeessii, inumaayyuu dhorkaadha jedhan Obbo Tasfaayeen.
"Egaa gaafa isheen heerumtu dargaggeessi wadaajii ishii ture shurraabii ni bitaaf, saamunaa ni bitaaf, karameellaas guduunfateeti dhaqaafi," jedhu.

''Silaa shaashiin siif bitaa
Maalan shaashii siif bitaa
Maal atoo hin shurrubannee
Silaa gudiin sitti himaa
Maalan raajii sitti himaa
Maal atoo na hin dhungannee''

''Yeroon mana warra koo ture hiriyoota koo waliin qamisiifi shaashii gosa tokko bitanna, kalameellaas haadha keenya kadhannee bitanna,'' jedhu Aadde Gannat.
Dargaggeessa ganda biraa keessa jiru argachuu deemna isaan immoo ari'anii nu qabu, ergasii ''isan barbaaden dhungadha, isa hin barbaanne immoo hiriyoonni koo narraa dhorku'' jedhu.
Yeroos sana, ''hiriyaa koo tokko na biraa butanii deeman, otoodhuma ani bo'uu, ergasii ani barumsa kootti xiqqoo itti fufee isheen heerumtee haftee'' jedhu.
Karaa biraa immoo, nama wadaajaa keenya ture ''hanga har'aattii wadaajii keenya jennee waliin guddanne akka firaatti wal ilaalla'' jedhu.
Obbo Hamdeen immo miidhaginnillee Qaammee kana jalqabaa, ''shurrubbaa dhahachuun , dargaggeessi goofaree filachuun, shimala ofii walawaluun yerootti sirbaafillee qophaa'ani dha'' jedhu.

''Abbaa Fiixumaa ya roorroo
Dhiqatee hin nyaatu jaldeessi
Shaggee shurrubbaa jorooroo
Ijakee hin baatu dabeessi''

Kana malees Obbo Tasfaayeen aadaan dhungoo kuni yeroo dubartoonni migira buqqisuu deeman, yeroo Ximqataafaallee (ayyaana cuuphaa) ni adeemsifma jedhan.
Bara baraan Qaammeen yoo dhufu ''shamarree ishee bara darbees nan dhungadhaa dhoksadhaan immoo hanga lamaa sadiittuu nan dhungadha'' jedhu Obbo Tasfaayeen.
Nama wadaajii koo yeroo sana narratti dhungate immoo ''uleedhaan hin maaru nan rukutaa, nan madeessas'' jedhan.
Amma nama yeroos rukutan waliin ''namana ayii wanta hin taane irratti wallolle jennet wal-mararra'' nuun jedhan.
Wayita amma bultii ijaarratanii kan jiran Obbo Tasfaayeen shamarree dhungatan keessaa akka hin fuune nutti himan, ''nama biraan fuudhe warra jaalalleewwan koo keessa hin fuune'' jedhan.
Waa'ee wadaajii abbootii irraan dhagahe kan jedhu dargaggoon dubbifne tokko aadaan Wadaajii amma akka hin jirreefi ''otoo jiraatee anaafiyyuu shaggaa ture'' jedhe.
Obbo Tasfaayeenis ''amma gizee kana keessa dhibeen adda addaa waan dhufeef mootummaanis dhowweera'' wal sodaachuunis waan jiruuf amma dhorkaa tahee jira jedhan.

''Tokkottuu na dhungadhuu
Lammata na xuuxxadhu
Biyyi kun teessoo beeka
Jamaan kun nu goomata
Ka'i yaa duusaraa
Qalbiikootu na jarjaraa''
Horaa Bulaa!















