Yadni 'Piraamidoonni uumama hawaarra jiraataniin ijaarame' jedhu Masrii mufachiise

Madda suuraa, Getty Images
Dureessi beekamaafi abbaan qabeenyaa Ispees Eeksi "Piiraamidoota kan ijaare eeliyeenota" jechuun isaanii Masriin mifachiise.
Eliyaanota jechuun, nama osoo hin taane uumama hin beekamne hawaarra jiraatan jechuu isaati.
Abbaan qabeenyaa kun fuula Tiwiitaraa irratti yaada isaa erga ibsee booda ture Masriin kan dheekkamte.
‘‘Piiraamidoota kan ijaare eeliyeenota/uumama hawaarra jiraatan akka ta’e omaa shakkii hin qabu’’ jedha yaadni Maaski Tiwiitara gubbaa kaa’an.
Ministirri Hariiroo Idil-addunyaa Masrii garuu dhimmi kun soba adiidha jedhan. Hambaa namoota piiraamidoota kunneen ijaaranii ilaaluun qofti raga ga’aadha jedhu ministirittiin.
Akka qorattootaatti, bakkeen awwaalchaa 1990 keessa argaman, piiraamidoonni lammiilee Masriin ijaaramuu isaaniif ragaadha jedhu.
Yaadni dureessa kanaan Tiwiitar irratti maxxanfame yoo xiqqaate namoota kuma 84n qoodamee jira.
Ministirri Hariiroo Idil-addunyaa Masrii Raaniyaa Al-Maashaat tiwiitar irratti nama kana akka hordofan ibsuun, yaadnisaa sirrii waan hin taaneef, raga piiraamidoota Fara’oonota.
Masriin ijaaramuu agarsiisan sirriitti qoradhu jechuun akeekkachiisa wayii kennani.
Qorataaan seenaa ‘seen-duree’ Zaahii Hawaas, yaada nama kanaaf deebii akka ta’uuf, suuraa maxxanserratti Arabiffaan, ‘‘Yaada gonkumaa hin amanamne’’ jechuun dubbicha busheesseera.
‘‘Ani haftee warra waan kana ijaaree argeera, warra Masriiti, garbootas miti’’ jedha qorataan kun.
‘‘Ergaa lammiilee Masrii mufachiise kana booda yaada kenneen, ‘‘Gabaasni BBC kun piiraamidiin akkamitti akka ijaarame ibsa gaarii kenna’’ jedheera.
Masriin piraamidoota 100’n lakkaa’aman yoo qabaattellee, kan akka Piiraamidii Giizaa guddatu hin jiru. Hojjaansaa meetire 136 dheerata.
Piiraamidoonni mootiiwwan yeroo sana turaniif bakka awwaalchaa akka ta’aniif yaadamanii akka ijaaraman seenaan ni hima.
Biiliyeenarichi Iilaan Maaski yeroo hedduu yaada mormisiisoo ta’an akkasii kennuun beekama.












