UAE ijaarsa nuukileeraa biyyoota Arabaatti jalqaba ta'e eegalte

Warshaa Barakaa

Madda suuraa, @MOHAMEDBINZAYED

Ibsa waa'ee suuraa, Warshaa Barakaa

Yunaayitid Araba Emireets (UAE) ijaarsa nukileera biyyootii Arabaa isa jalqabaa, lixa Qataaritti eegaltatti.

Ijaarsa annisa nuukileera kun wiirtuu Barakah kan teeknoolojii Kooriyaa Kibbaa fayyadamutti eegale.

Ijaarsi kun bara 2017tti eegaluuf kan ture ta’us anga’ooonni wa’ee nageenya isaa waan yadda’aniif barfateera.

Biyyi bobo’aan duroomte UAE annisaa barbaduu dabaluuf jecha madda annisaa haaraa kana eegalteetti.

Tarkaanfiin saayintifikaa jalqabaa biyyattii kun kan dhufe erga UAE’n yeroo jalqabaaf rookketa Maarsitti ergitee torban lama booda.

Dabalataanis UAE’n akka madda annisaatti ifa aduu fayyadamuu irratti ciminaan hojjachaa jirti.

Ogeessonni annisaa, nannoo rakkoon nageenyaafi shororkeessummaan itti baayyateetti, warshaa nukileraa Barakaah fayyadamuurraa human ifa aduu fayyadamuu filannoo foyya’aadha jedhu.

Bara darbe, Qataar warshaan Barakaah “nageenyaafi uumama naannichaatti kan rakkoo fiduudha’ jechuun mormiteetti. Qataar morkattuu ciimtu UAEfi Sawudii Arabiyaadha.

Naannoo kana keessa kan jirtu Iraan, UAE waliin diinummaa kan qabdu yoo ta’u, sababa warshaa nuukileraa qabachuun US qoqqobbii irra keessee jirti.

Hogganaan Gartuu Gorsa Nukileeraa Dr Pool Dorfimaaan, waggaa darbe “rakkoon nageenyaa biyyootii Arabaa keessa jiru iddoo kaan caalaa warshaan nukileeraa yaaddoo akka uumu tasisa, sababnisaa warshaan annisaa nuukileraa boodarraa meeshaa waraanaa nuukileera uumuu waan danda’uufi,” jechuun barreeseera.

Dhaabbati warshaa kana hundeesse, Korporeeshiniin Annisaa Nukileera Emireets (ENEC) ‘warshaan kun of eegganoofi nageenya cimaan’ hojjeechuuf kan qophaa’ee ta’uufi madda diinagdee biyyattii haaraa ta’uufi dabluu kan danda’u ta’u ibseera.

“Warshaan kun yeroo hojii eegalatte human elektirikaa biyyatti %25 maddisiisuu danda’a. Akkasumas falamaa karbonii tooni miiliyoona 21 hambisuu danda’a kana jechuun waggaatti konkolaatota miiliyoona 3.2 ta’an daandirraa kaasuuu waliin wal gita,” jedha.

Hoggaantonni UAE Sanbatarra ijaarsi warshaa kanaa guddinaa saayintifikaa biyyatti mul’isa jechuun leellisaniiru.

Hogganaan Abu Daabii, Ilmi mootii Mohaammad bin Zayeed al-Nahyaan, “ daandii guddinaa irratti milkaa’iina isa guddaa tokkodha,” jechuun erga baga gammaddanii Tiwiitara gubbaa irratti barreesaniiru.