Ameerikaa: Taaksiin baatii lama dura gara hawaa imalte nagaan deebite

Madda suuraa, NASA
Qabeenyaa dhaabbata dhuunfaa ‘Ispees Eeksi’ jedhamuu kan taate ‘Diraagan Kaapsuul’, saayintistoota hawaa Daag Haarliifi Boob Beenkan jedhaman feetee samiirraa bu’uun daangaa Meeksiikoo naannoo Filooriidaa qubatetti.
Appoolootti aansee qorattoonni Ameerikaa milkiifi nagaan gara lafaatti yoo deebi’an, waggoota 45 booda kun isa jalqabaati.
Namoota samiirraa dhufan lamaan kana taaksiin feete gara bishaaniitti wayita dhiyaattu, bidiruuwwan dhuunfaa achi turan irratti keemikaala badaa firfirsuu dandeessi jedhanii akka achii siqaniif anga’oonni waamicha dhiyeessaa turuutu himame.
Hogganaan NASA Jiim Biraayidastaayin, ‘bidiruuwwan dhuunfaa achi jiraatu jennee hin yaadne’ jedhan.
Namoonni hedduunis wayita taaksiin samii kun buututti bidiruuwwan achi jiraachuun isaanii waan isaan gammachiiseef, suuraafi viidiyoowwan waraabuun miidiyaalee hawaasaarra qoodaniiru.
Qorattoota keessaa tokko kan ta’e Harliin, ergama kanaratti hirmaachuu isaatiin ‘akka boonuufi kabajni akka itti dhaga’ame’ dubbate.
Doonaald Tiraamp, baatii lama dura wayita taaksiin kun gara hawaatti furguuggifamtu kallattiin daawwachaa turani. Imalli gara lafaatti taasifames nagaan xumuramuu isaatti akka gammadan Tiwiitara gubbaa ibsatanii, qorattoota lamaaniinis galatoomaa jedhaniiru.
Ergamni Diraagan Ameerikaaf injifannoo yoo jedhamu, meeshaa dhuunfaatiin imala gara hawaatti taasifame isa jalqabaa ta’uunsaammoo gara fuulduraatti imala taasifamu salphaa akka taasisu ibsame.
Qabeenyummaanshee kan Iilaan Maski kan taate Diraagan, NASA’tti akka gurguramtus beekameera. Imala hawaatti taasifamuuf biiliyoonotaan baasuurra, namoota dhuunfaarraa bituu wayya jedheera.
Taaksiin kunis bara dhufu irra deebiin gara samiitti qajeelti.













