Waraana Tigraay: US dippilomaasiin waraana Itoophiyaa akka dhaabu 'abdiin qaba' jette

Madda suuraa, AFP
Isteet Sakireetaariin US Antooniyoo Bilinkan waraana Itoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru dhaabsisuuf dippilomaasiin ni hojjeta jedheen abdachaa jira jedhe.
Bilinkan Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Gamtaa Afrikaa kan ta'e Pirezidantii Duraabnii Naajeeriyaa Oluseguun Obasaanjoo, akkasumas Ergamaa Addaa US Jefirii Feltmaan waliin dubbachaan jira jechuun ibseera.
"Hojii barbaachisaa Pireziant Oluseguun Obasaanjoo itti jirurraan kan ka'e - carraaqqii nutis taasisuu jirrurraan kan ka'eefi kanneen biroon hojjechaa jiranirraan - foddaan of-duubatti deebiifi kana ammoo gara bakka foyyaa'aatti sisksuun ni jira," jedhe gaafa Roobii.
Bilinkan itti dabaluun Ministira Dhimma Alaafi Ministira Muummee Ittaanaa Dammaqaa Mokonnon waliin dubbachuu himuun, barbaachisummaa "waa'ee haal-duree tokko malee dhukaasa dhaabuu mariyachuurratti dhimmamee itti deemamuu akka qaburratti" gadi jabeessinee haasofneerra jedhe.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Jechoonni qaamolee wal waraanaa jiran lamaanirraa dhufaa jiran dubbii kan hammeessan waan ta'eef sabaafi saba gidduutti hokkara akka hin kaasneef yaaddoo qabullee ibsateera Bilinkan.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu ammoo gargaarsi namoomaa warra barbaachisuuf akka qaqqabu gochuun boodarrallee "gara marii furmaata siyaasaa caalaa waaraa ta'etti geessa jedheen abdadha jedheera.
Carraaqqiin kun finciltoonni TPLF gara magaalaa guddoo biyyattii dhiibaa dhufuu tibba kana taasisan hordofeeti.
Mootummaan jiraattonni magaalaa Finfinnee akka naannoo isaanii eeggataniif gaafachaa tureera.
Kora guyyoota dura Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii dhimma Itoophiyaarratti taa'erratti ammoo Gamtaan Afrikaa (AU) fi US waraana Itoohiyaatti deemaa jirutti xumura gochuuf yeroon jirtu xiqqoodha jechuun dubbatanii turan.
Dippilomaatonni lola Kaaba Itoophiyaatti hammaachaa dhufe dhaabsisuuf erga dhiyeenya kanaatii harka harkaan hojjechaa jiraachuun gabaafameera.
Odeeffannoo dbalataa biroof:
- Dippilomaatonni lola Kaaba Itoophiyaa hammaachaa dhufe dhaabsisuuf hojjechaa jiru jedhame
- Waraana Itoophiyaatti deemaa jiru dhaabuuf yeroon jiru xiqqaadha - AU fi US
- Obaasaanjoon imalasaanii Itoophiyaan gama lamaaniinuu simannaan gaarii taasifamuuf himan
- Hidhaa dhalattoota Tigraay: hoggantootaa hanga lubootaatti















