Facebook Itoophiyaa keessa walitti bu’iinsa hammeessuun itti gaafatamaa?

Bombii Kiboordii

Madda suuraa, Peter Dazeley

Tarkaanfiiwwan dhaabbanni Facebook Itoophiyaan wal qabatee fudhate keessaa tarii guddaa jedhamu kan danda'u maxxansa Ministira Muummee Abiy Ahimad haquudha.

Ergaan MM Abiy ummataan ''humnootii TPLF awwaaluudhaaf meeshaa qabaniin gara adda waraanaa akka duulaniif'' gaafatu maxxansan ulaagaa Facebook cabseera jedhamun haqame.

Dhaabbani Facebook maqaasaa dhiheenya Meta jechuun geeddarate kun murte isaa kanarratti BBCtti akka himeeti, barreeffamoonni ''walitti bu'iinsa kakaasan ykn hookkara deeggaran eenyunuu barreeffaman fuula keenyarraa ni haqamu'' jedhe.

Mootummaan Itoophiyaa tarkaanfii Facebook kana mormeera.

Waxabajjii darbe keessa Eejansii Nageenya Networkii Odeeffannoo (INSA) Facebook'n tooraafii qabiyyeewwan Itoophiyaa keessaa haquun ''dhugaa Itoophiyaa faalleesseera'' jechuun qeequun ni yaadatama.

Itti dabaluunis eejansichi Appii Tiwiitara, Facebook, WhatsApp fi Zoom ofii akka hojjatu ibsee ture.

Facebook gamasaatiin fuulawwan sobaa INSA waliin hidhata qabu jedheen 65 fi gareewwan 72 haquu beeksise.

Facebook qofa osoo hintaane Tiwiitarri dhimma ijoo dubbii ta'an agarsiisu (Trends) yeroodhaaf Itoophiyaa keessatti dhorke.

''Namoonni balaa ammaatiif saaxilamaniiru. Sarbama ulfina namoomaafi walitti bu'insa kakaasu ni mormina,'' jechuun tarkaanfii isaa ibse.

Qabiiyyeewwan Waraana Bilisummaa Oromoon walqabatan dhaabbatichi ibseera.

Facebook baatiiwwan jahan darban keessa Itoophiyaadhaa qabiyyeewwan kuma 92 ol haasaa jibbinsaa dhorkuuf jecha Facebook fi Instaagiraam irraa haquu beeksise.

Isaan keessaas harki 98 osoo eeruun hintaasifamiin dura dhaabbatichi kan bira gahe jedhee ture.

Facebook Itoophiyaa yeroodhaaf tarree biyyoota ''balaa hamaaf saaxilamoo'' ta'anii keessa kaa'eera.

Dhaabbatichi barreeffamoota jechoota akka 'meeshaa qabadhaa bahaa,' 'tarkaanfii haaloo fudhadhaa', 'garee sana miidhaa', ykn 'basaasaadha' ykn 'kan haleelaa' jedhan akka haqaa jiru dubbateera.

Toorawwan Facebook, Twitter fi YouTube kanneen hookkara kakaasan, waraana jajjabeessa, saba ykn hawaasa tokko kan biraatiin walitti buusan haquun yoomu caalaa yeroo itti cimeedha.

Barreeffamoota, suuraalee ykn viidiyoowwan akkasii kan tamsaasanis namoota dhunfaa qofaa miti.

Qondaaltoonni mootummaa, mormitoonni, kanneen duula miidiyaalee hawaasummaa uuman, bakka buutota waldaalee siiviil fi kan biroos keessatti argamu.

Erga waraanni Tigraay eegaleen as gama motummaafi TPLFn miidiyaa hawaasaa akka waltajjii waraanaa tokkootti fudhachuun himataman. Addi waraanaa hololaa Facebook'dha jedhameera.

Itoophiyaa keessatti gama miidiyaalee hawaasummaan baay'ina fayyadamtootaa olaantummaa kan qabu Facebook waan ta'eef gabaasni kunis isarratti xiyyeeffata.

line

Facebook rakkoo Itoophiyaa keessa jiruuf itti-gaafatamaadhaa?

Marsariitiin Naapooliyoonkaat akka jedhuutti, hanga Amajjii 2021'tti Itoophiyaa keessa fayyadamtoota Facebook miiliyoona 6.8 oliitu jira. Kanneen gara miiliyoona sadeetiitti siqsaniis jiru.

Ummanni Facebook qabuu waliigalatti parsantaa 5.8 yoo ta'u isa keessaa %33 dubartoota, %67 ammoo dhiiroota. Irra caalli namoota kanneeniitis kanneen umuriinsaanii waggaa 25 -34 jidduutti argamaniidha.

Teeknolojiin haqaatiif akka oolu kan qabsooftu Dr Timniit Gabruufi oggeessa dhimmoota teeknolojiifi hawaasummaa Birhaan Taayyee dhimma kanarratti dubbisneerra.

Ogeeyyiin lamaan waraanni lafarraa wayita cimuu, ergaan miidiyaalee hawaasummaa irratti qoodamu akka geeddaramu himu.

Kanaafis ergaawwan erga humnootii TPLF Daseefi Kombolchaa to'ateen booda miidiyaalee hawaasummaa irratti darbaa turan akka fakkeenyaatti kaasu.

Barreeffamoonni ummata barootaaf waliin jiraataa ture akka waliirratti ka'aniif barreeffamoonni kakaasan gadhiifamaa turan.

''Qabatamaan yoo waraanni cimu ykn yoo hawaasni tokko kan biraa miidhuu inni miidiyaalee hawaasummaa irratti ni calaqqisa'' jetti Birhaan.

Haasaan jibbaafi viidiyoowwan ammoo lammiilee Itoophiyaa biyya alaa jiraataniin osoo hinhafne tamsaasamu, kunis waggoota sadan darban keessa cimee ture jetti.

Timiniit hokkara Itoophiyaa keessa tureef Facebook ittigaafatamaa ta'uun ''gaaffii hinqabu'' jetti.

Ameerikaa biyya namoonni baayyeen Facebook itti fayyadamaniitti dhaabbatichi qabiyyee gara dhibbantaa 70 ni hordofa (content moderation) ni gaggeessa.

''Facebook galiisaa irra caalaa kan walitti qabu Ameerikaan alaa ta'us, xiyyeeffannaa guddaa Ameerikaaf kenneera.

''Itoophiyaa biyya ummanni mil. 115 ol keessa jiraatuufi afaan hedduun keessatti dubbatamuutti tajaajila kennuu eegaluun duran waa'ee to'annoo qabiyyee yaaduutu irra ture,'' jetti.

Barreeffamoota hookkara kakaasan torban darbe keessa gadhiifaman kanneen Facebook beeksisan keessaa tokko Timiniiti.

Namoota hiriyyaa dhihoo jedhaman osoo hinhafne miidhaa irraan gahuuf teessoo isaanii hanga maxxansuutti waamichi ajjeechaa jumlaa hanga sa'aatii 18 ol Facebook gubbaa turuu himti.

Jalqaba yoo eeruun kennamuuf deebiinsaa ''imaammata keenyaan wal hinfaalleessu'' kan jedhu ture. Booda garu akka haqaman murtaa'e.

''Barreeffamoonni erga bufamaniin boodas fuula namoota barreessanii irratti tarkaanfii hinfudhanne. Namoonni kunneen yoo barbaadan ammas waan walfakkaatu jechuu danda'u,'' jechuun yaaddoo qabdu ibsiti.

Dubbi himtuun Facebook BBCtti akka himteetti, dhaabbatichi Itoophiyaatti tajaajila nagaa qabeessa kennuuf waggoota lamaan darban lakkoofsa hojjattoota qabiiyyee sakkata'an dabaleera.

Hojjattoonni qabiyyee Afaan Amaaraa, Afaan Oromoo, Tigriiffaa fi Somaalee dubbatan qabiyyee ulaagaa dhaabbatichaa faalleessan ''battaluumaan argachuun nuuf eeru'' jetti.

Gama qabiyyee sakkatta'uutiin deeggartoota biyya keessaafi tumsitoota addunyaa waliin akka hojjatan himti.

Hojjattoonnis kan siyaasa Itoophiyaa beekan, qabatamaa jiruu kan hubataniifi Itoophiyaa keessa bara dheeraaf kan jiraatan ta'u dubbi himtuun kun ni himti.

''Waldaalee sivilii Itoophiyaa jiran waliin mari'achuun waa'ee dhimma qabatamaa jiruu hubachuuf ni yaalla. Qabiyyeewwan imaammata keenyaan faallaa ta'anis ni haqna.''

Facebook walitti bu'iinsa ni kakaasaa?

Haasaawwan jibbaafi qabiyyeewwan walitti bu'iinsa kakaasan dhiibbaa gochuun dhuguma gochaa hamaaf ni kakaasuu? Tarii wanti jedhamu 'fudhatama waan argate' fakkaata.

Keessattuu aanga'oota motummaa, namoota beekamoo fi roggeessota miidiyaa hawaasummaatiin yoo waan tokko dubbatamu 'dhugaadha' yaadni jedhu maaliif guddatee mul'ata?

Facebook

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbanni MIT jedhamu qorannoo waggoota lamaan dura biyya Jarman keessaatti hojjateen, haasaawwan jibbaa karaa Facebook'n gadhiifaman miidhaa baqattoota irra gahu dachaan akka dabalu godheera jedha.

Haleellaawwan 3,000 waggoota lama keessatti raawwatamanis barreeffama Facebook waliin hidhata qabaachu qorannichi adda baaseera.

Yeroo qorannoon kun Jarman keessatti hojjatameettis waraanni biyyattii keessa hinjiru. Kanaafuu biyyoota waraanni keessatti gaggeeffamuutti ammoo dhimmicha caalaa akka ta'u yaadama.

Gabaasa New York Times hojjate tokkonis haleellaawwan Filiphiinsi, Liibiyaa, Hindi, Miyaamaanaar fi Jarman keessatti raawwataman Facebook waliin walitti hidheera.

Haleellaa Miyaanaamaariitti ta'uun ummata Rohiingaa hedduu akka du'aniifi buqqa'an taasiseef Facebook ittigaafatamaa taasifama.

Baatii haleellichi itti jalqabametti qofaa daa'immanii 730 dabalate namoonnii 6,700 yoo ajjeeffaman, kanneen 100,000 lakkaa'aman gara biyyoota ollaa Baangilaadishitti baqataniiru.

Hundeessaan Facebook Maark Zukarbargis kanaaf ifatti dhiifama gaafachuunsaa ni yaadatama.

Birhaan akka jettutti, Itoophiyaa biyya nagaa osoo taatee namni tokko ka'uun ''Tigree, Amaaraa, Oromoo, Somaalee ykn dhalattoota saba biraa ajjeessaa'' osoo jedhees hawaasni kaan hordoffuurra ni qeeqa ture.

Garuu Itoophiyaa walitti bu'iinsaan raafamaa waan jirtuuf, ergaawwan hammeenyaa akkasii kun salphaadhumatti gochaa hamaaf kakaasu danda'a jetti.

''Namni nagaadha, waan akkasii hin yaadu jedhamu hundi yoo barreffama jibbaa barreessu ollaan kiyya eenyuu? jedhanii akka yaadan taasisa'' jetti.

Akka yaada Birhaaniitti, ''barreeffamni hidhaa, ajjeessaa'' jedhan walitti bu'iinsa jajjabeessu. Namoonni boru nagaa ta'a jedhanii akka hinyaadne taasisa.

Timiniit duguuggaa sanyii Ruwaandaa kan bara 1994 kaasuun duulli jibbiinsaa ummataa wal ficcisiisa jetti.

Bara sanatti guyyoota 100 keessatti Tutsiiwwan gara kuma 800 haala sukkanneessaan ajjeeffamunsaanii ni yaadatama. Kunis duula Tutsii haa balleessinu jedhamuun karaa raadiyootiin eegalamee adabaabaayiitti kan ajjeechaan jalqabame.

''Namoonni waan Facebook irratti argan dhugaa itti fakkaata. Irra deddebin yoo argan ammoo jibba uummatu. Namummaan ni bada. Namni kaan miidhaan akkamii mudataa akka jiru arguu dhaabu,'' jetti Timiniit.

Qabiyyeen Facebook'n darbu hedduun osoo ragaan itti hingaafatamiin, osoo dhugaafi soba ta'un adda hinbaafamiin gadhiifamu.

Barreeffamni, haasaan ykn suuraan saba tokko tuffatu erga tamsa'een booda, ''amma haleellaa irratti raawwadhaa'' yoo jedhamu, miiraan oofamuufi namummaa dagachuutuu uumama jetti.

Haasaan jibbaa irra yoo deddeebi'amu miira daboo akka uumuu Timiniitii ni dubbatti.

Dubbi himtuun Metaa, dhaabbatichi biyyoota akka Itoophiyaa hookkorri cimaa keessatti gaggeeffamaa jiruutti Facebook haala hin malleen hojiirra akka hin oolleef hojjachaa jiraachuu BBCtti himte.

Facebook

Madda suuraa, Getty Images

Facebook haasaa jibbiinsaa irraa maal buufata?

Hojjattuun Facebook duraanii Firaans Hawugaan kongiransii Ameeriikaatti dhiyaachuun jecha ragaa ishee kenniteen Itoophiyaa biyyoota xiyyeeffannoo olaanaan kennamuu keessa galtulleen, hordoffiin qabiyyee walitti bu'iinsa biyyattii keessatti ta'uun haala wal gituu hin hojjatamne jette turte.

''Facebook'n mootummaafi dhaabbilee biyya alaa dabalatee haala malee itti fayyadamameera'' jechuun aangawoota dhaabbatichaatiif akeekkachiisni kennamuu sanadni bahee tokko ni agrsiisa.

Gabaasa Bitooteessa darbe baheen ammoo, Itoophiyaatti gareewwan hidhatan saboota lakkoofsaan gadaanaa ta'an irratti Facebook fayyadamuun haleellaa kakaasuu eereera.

Gabaasichaan gareewwan eeruun irratti kaafame keessaa tokko 'Faannoodha.'' Toorawwan Facebook garee kana waliin hidhata qaban muraasni ka'umsi isaanii Sudaan irraayi.

Hojjattoonni Facebook toorawwan ''Faannoo waliin hidhata qaban ergaawwan walitti bu'iinsaa dabarsaniiru. Haa haqaman,'' jechuun aangawoota dhaabbatichaatiif eeruu ibsa gabaasichi.

Fuulawwan diyaasporaa Oromoo waliin hidhata qabaniifi ka'umsi isaanii Masrii ta'ees eeramanii ture.

Fuulawwan kunneenis ''sabawwan kaaniifi qondaaltoota motummaa irratti haleellaan akka raawwatamuuf ifatti kakaasaa turan'' jedhamuun Faceboo'n akka haqaman murta'an.

Hojjattuun duraanii Facebook Firaansiis akka jettuutti, haalli dhaabbatichi biyyoota akka Itoophiyaa jiran keessa itti hojjatu ni yaaddeessa.

Qabiyyeewwan namoonni baay'een irratti dubbatan gara fuldura fulaatti (Engagement Based Ranking) fiduun walitti bu'iinsa sabaa babal'isa.

''Waggoota ittaanan 5 ykn 10 ykn 15'tti namoonni hedduun ni ajjeefamu jedheen yaada. Sababiinsaas sakatta'iinsii qabiyyee raawwatamu dhabuudha.''

Waggoota lamaan darban falmattoonni mirga namoomaa fi qondaaltonni siyaasaa Facebook madda walitti bu'iinsaa ta'u akka danda'u akeekkachiisaa turan.

Keessattuu taatee Miyaanamaar hordofuun garee UN dabalatee, Facebook Itoophiyaaf xiyyeeffannaan akka kennamuuf gaafataa turan.

Birhaan Facebook nageenya fayyadamtootaa caalaa galii argatuuf dursa akka kennu dubbatti.

''Facebook bilisaan fayyadamnuus kan fuulicha irratti gurguramnu nuyi. Dhaabbatichi galii kan argatu beeksisa irraayi.

''Itoophiyaatti fayyadamtoonni Facebook baay'ee yoo jiraatan, dhaabbileen beeksisa hojjatan maallaqa olaanaa dhaabbatichaaf kanfalu. Facebook hidhata daldalaa kaan baayyisuu barbaada.''

Fayyadamtoonni Facebook Itophiyaa keessaa, kan Eshiyaafi Awurooppaa keessaa waliin yoo ilaalamu xiqqaa waan ta'eef Itoophiyaa irratti xiyyeeffannaa kennuu hinbarbaadan jetti.

Qabiyyee gulaaluudhaaf mala nam-tolcheetti (Artificial Intelligence) fayyadamu. Maashinichi Afaan Amaaraa, Afaan Oromoo, Afaan Tigree, fi kaaniin yoo leenji'e malee sirriin hin sakkata'u.

Birhaan, ''dhaabbatichi Itoopiyaatti fayyadamtoota hedduu hinqabu. Kanaafuu maallaqa baay'ee Itoophiyaa irraa hinargatu. Kanaafuu sakkatta'iinsa qabiyyeetiif baay'ee xiyyeeffannaa hinkennu.

''Sakkatta'iinsa qabiyyeetiif xiyyeeffannaan yoo hinkennamne ammoo, walitti bu'iinsi ni cima,'' jetti.

Timniit ammoo caalaa kan qeeqxu haala itti dhaabbatichi odeeffannoo sadarkaa itti (Ranking Algorithm) kennuudha.

Fayyadamtoonni hundi wanti maxxansan haala walfakkaatuun hin ilaalamu. Madaallii Facebookn sadarkaatu baha. Madaalliin sun sirrii akka hintaanee kaafti Timniiti.

Qabiyyeen nama aarsu akka gara fuulduraa dhufuuf dursi kennammaaf. Sababiinsaas qabiyyeen akkasii fuularratti hirmaannaa (engagement) uuma. Namoonni akka qoodan, jaalataniifi yaada itti kennan kakaasa.

Naamoonni hedduu yeroo qoodan, jaalataniifi yaada jalatti kennan Facebook irratti waan turaniif beeksisa ilaalu. Facebook'nis maallaqa irraa buufata.

''Facebook dursa kan kennu maallaqaaf waan ta'ef qabiyyee sakatta'uuf baasii dabalataa hin baasu. Facebook nageenyaaf dursa haa kennu jedhee seerri dirquus hin jiru.''

Qabiyyeen gabaafaman maaliif dafanii hin haqamani?

Aminastiin gabaasa dhihoo baase keessatti waraana hammaaten walqabatee barreeffamoonni walitti bu'iinsa sabaa kakaasan miidiyaa hawaasummaa gubbaa babal'atan jechuun yaaddoo qabu ibse.

Dhaabbatichatti hooggantuun Bahaafi Kibba Afrikaa Deprose Muchinaa ''mootummaan Itoophiyaa dubbiiwwan jibbinsaa walitti bu'iinsatti oofan dhorkuuf dirqamni irra jira.

''Qabiyyeewwan kana balaaleeffachuu qaba. Dhaabbileen miidiyaa hawaasummaas hojimaata sakattaa qabiyyee isaanii saffisaan haa cimsan,'' jedhaniiru.

Magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, Addis Ababa City Press Secretary

Ibsa waa'ee suuraa, Mootummaan Itoophiyaa waggoota lamaan darban dhaabbata Facebook cimsee qeeqaa ture

Erga qabiyyeen jibbinsaa yookiin walitti bu'iinsa uuman Facebook gubbaa akka haqaman erga gabaafame booda yeroon qabiyyee kana haquuf fudhatu wal dhabsiisaadha.

Waraana Itoophiyaa keessa jiru bu'uura godhuun Facebook Itoophiyaa irratti adeemsa sakattaa qabiyyee cimaa ta'e qabaachuu qaba jetti Timiniit.

Akka yaada isheetti qabiyyeen tokko erga gabaafamee booda hanga qulqullaa'utti qabiyyee sana namoonni hedduu akka hin ilaalle dhorkamuu qaba.

Facebook gubbaa namoonni hordoftoota hedduu qaban yookiin dhageettii qaban fuulli Facebook isaanii sakatta'amuu akka qabu amanti.

Qabiyyee gabaafame haquun cinatti namni qabiyyee sana qoode yookin qoodde qabiyyee badaa biroo akka hin maxxansine tarkaanfiin akka fudhatamu ni gorsiti.

Takka takka namoonni hedduu waan gabaasaniif qofa qabiyyeewwan rakkoo hin qabaanne ni balleeffamu. Kunis, sakatta'insa irratti hanqinni akka jiru agarsiisa jetti.

Gama kaaniin Facebook ogeeyyii mirga namoomaa, duguuggaa sanyii hambisuuf warra dalaganiifi ogeeyyii hawaasummaa waliin qindoominaan akka hojjetu ni gorsiti.

Dabalataan, qabiyyee maashiniin to'atuurra hojjettoota hedduu haala Itoophiyaa hubatan qaxaruu akka qabu gorsiti.

Birhaanis yaada Timiniit waliin walii galti.

"Fakkeenyaa ergaawwan 100 ajjeesi, tumi, barbadeessi jedhan irratti eerumsi taasifamulleen harka dhibba keessaa 80 qajeelfama keenya waliin wal hin faalleessan jedhamanii hin haqaman," jetti.

Birhaan akka ibsitutti, Facebook qorannoo gaggeesseen tekinooloojiin nam-tolchee afaanota akka Afaan Amaaraafi Afaan Oromoo qulqulleessuu keessatti qaawwa akka qabu irra gaheera.

Yeroo darbe dhalattoonni Tigraay 'walitti qabamanii kaampii tokko keessatti yaa tursiifaman' kan jedhu barreeffamni balaa ammaa kanaaf saaxilu ilaalchisee eerumsi kennamellee sa'aatii 24 ol osoo hin ka'iin tureera jechuun himti.

"Rakkoon isaa waan hedduudha. Haala jiru hubachuu dhabuufi dhibaa'ummaa dabalata.''

Waxabajji darbe 'namni akkaataa kanaan yaa ajjeefamu' suura jedhu fayyadamuun hanga ammaa hin ka'iin jira jetti.

Gamtaan Awurooppaafi biyyoonni sooreyyiin biroo dhaabbileen tekinooloojii Facebook akkamitti akka biyya isaanii keessatti hojjetu ilaalchisuun qajeelfama baasu.

Itoophiyaan garuu yeroo ammaa kana kana gochuuf humna waan hin qabneef furmaanni dhumaa harka fayyadamtootaafi Facebook keessa ta'a.

Hojjattuu Facebook duraanii Firaansiis Haawugan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hojjattuu Facebook duraanii Firaansiis Haawugan dhaabbatichi of eeggannoo gochuu dhabuu eeruun qeeqxe

Dubbi himtuun Meta BBCf deebii deebisteen, Itoophiyaa keessatti karaan ittiin eerumsa kennan salphaafi saffisaa akka ta'uuf fooyya'isa taasiseera.

"Warra fayyadaman ni qoranna. Qajeelfamoonni keenya Amaariffaafi Afaan Oromiitti hiikamaniiru.

''Hojmaata dhaabbileen mirgoota namoomaa biyya keessaafi biyya alaa, akkasumas waldaaleen sivilii itti fayyadaman ni qabna. Qabiyyeewwan isaan miidhaa qabu jedhan dursa kennineefiif qoranna."

Facebook qorannoo qabiyyee kan raawwatu qaama walabaa, sadaffaa ta'e walin qindaa'uudhaanidha. Sakatta'insi qabiyyee Itoophiyaa karaa dhaabbilee Pesa Cheekiifi AFP Faakt Cheekiin jedhamaniin raawwatama.

Odeeffannoon tokko sobadha jedhamee yeroo eeramutti lakkoofsi namoota qabiyyee kana ilaalan akka daangeffamuufi barreeffamni akeekkachiisaallee akka kennamu dubbi himtuun kun ni ibsti.

Dabalataanis haasawwan jibbinsaa ykn qabiyyeewwan hookkara kakaasan yeroo ogummaa namaan eeraman hanga qulqullaa'anitti ni dhorkamu jetti.

"Barreeffamoota namoota warra irra deddeebiin imaammata Facebook faallessuun mul'atan barreessan daawwattoonni/dubbistoonni hangi waliigalaa isaan qaqqaban akka daangeffamu ni taasifama."

Facebook kana yaa jedhu malee, amallee maqaan isaa Itoophiyaa walin walqabatee hadheeffamaa jira.

Qabiyyeewwan dubbii hameessan daqiiqaawwan keessatti gadi dhiifaman miidhaawwan lammilee irraan gahan yaaddoo akkuma ta'aniin itti fufeera.

Rakkoon biyya Miyaanmaar keessatti dhalatee ture erga darbeen booda Facebook 'dhiifama' gaafatee osoo hin turiin, dhimma Itoophiyaa irrattis tarkaanfii akka fudhatuuf Timiniitiifi Birhaan ni hubachiisu.