Miidiyaa Hawaasummaa: Itoophiyaan miidiyaa mataashee Facebook fi Twitter morkatu qopheessaa jirti

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan midiiyaa hawaasummaa mataashee Feesbuukii, Tiwiiterii, fi WaattisAappii morkatu jalqabuuf akka jettu Ejensiin Nageenyaafi Tajaajila Odeeffannoo [INSA] biyyattii hime.
Rooyitarsi akka gabaasetti biyyattiin miidiyaa hawaasummaa ofiishee jalqabuuf haa jettuyyuu malee tajaajila miidiyaa hawaasummaa idil-adunyaa kaan ugguruuf karoora hin qabdu jedha gabaasni Rooyitarsi.
Dhimma kana kan jalqaba gabaase miidiyaa Al Ain Amharic dha.
Yaadni Itoophiyaa kuni yeroo biyyattiin tajaajila telekomii yeroo jalqabaaf dhaabbileen biraa qooda akka keessa fudhatan eeyyamte dhagahame.
Haa ta'u malee, ifatti yaadi kuni dhiibbaa irratti qabaachuun isaa hin beekamu.
Biyyattiin baatilee sagal caalaniif wal dhabdee mootummaa federaalaa fi TPLF kan amma naannoo Kaaba biyyattii Tigiraay qabatee jiru gidduutti uumameen waraanaa keessa jirti.
Kana cinatti deeggartootni garee lamaanii waraana jechootaa miidiyaa hawaasummaa irratti wal irratti gaggeessu.
Itoophiyaa keessatti ''sababa nageenyaan'' mootummaan miidiyaalee hawaasummaa cuccufaa ture.
Mootummaan miidiyaa hawaasummaa jalqabuuf jedhu Feesbuukii, WaattisAappii, Tiwiiterii fi Zuum [Zoom] ''bakka buusuuf'' akka jedhu Daarekterri Waliigalaa Ejensii Nageenyaafi Tajaajila Odeeffannoo Itoophiyaa Shumatee Gizaaw Rooyitarsitti himaniiru.
Obbo Shumateen Feesbuukiin maxxansaa fi akkaawuntii ''odeeffannoo dhugaa waa'ee Itoophiyaa tamsaasu'' balleesse jechuun himatan.
Gareen idil-addunyaa mirga dhala namaaf falman bara darbe sababa hin beekamneen mootummaan Itoophiyaa Feesbuukii fi WaattisAappii ugguruu isaaf qeeqaa turan.
Mootummaan maaliif miidiyaalee kanneen akka uggure waan jedhe hin qabu.
Afrikaati dubbii himaan Feesbuukii, Keeziyaa Aniim-Addoo, karoora Itoophiyaan miidiyaa hawaasummaa ofiishee jalqabuuf jettuu fi himannaa Obbo Shumateen dhiheessaniif deebii hin kennine.
Itoophiyaa biyyi ummata miliyoona 115 qabdu akka ragaan agarsiisutti fayyadamtoota Feesbuukii miliyoona jahaa ol qabdi.
Ji'a Waxabajjii keessa yeroo filannoon biyyoolessaa gaggeeffamuuf guyyootni muraasni hafan, Feesbuukiin akkaawontii sobaati jedhee fayyadamtoota biyya keessaa irratti xiyyeeffatee fi namoota INSA keessa hojjetan waliin hidhata qaba jedhe ugguree ture.
Dhaabbanni INSA kan MM Abiy Ahimad hundeessan tajaajila interneetii fi teeleekomunikeeshinii Itoophiyaa hordofa.
Miidiyaaleen hawaasummaa gurguddoon lameen Tiwiitarii fi Zuum [Zoom] karoora Itoophiyaan isaan bakka buusuf qabatte kana irratti Rooyitarsiif deebii hin kennine.
Itti gaafatamaan duraanii waajjiraa MM Obbo Shumateen yoom akka jalqabuu fi baajata kanaaf qabame adda baasee hin dubbanne.
Garuu Rooyitarsitti akkas jedhan, ''yaadni humna biyya keessaan teeknolojii gabbisuu duuba jiru ifaadha. Chaayinaan maaliif 'WeChat' fayyadamti jettanii yaaddu?''
Obbo Shumateen itti dabaluun miidiyaa hawaasummaa kana qopheessuuf biyya keessaa ogeessotni akka jiranii fi gargaarsa alaa akka hin barbaanne himan.
Appilikeeshiniin ergaa walii barreessuuf gargaaru WeChat qabeenyummaan isaa kan Chaayinaa tahe, biyyattiitti fayyadamtoota hedduu qaba.
Garuu mootummaan Chaayinaa uummata isaa ittiin hordofuuf akka meeshaa cimaatti itti fayyadama.
















