Feesbuukiin Itoophiyaatti fuulawwan Feesbuukiifi Inistaagiraamii 176 haquu beeksise

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni Feesbuuk Itoophiyaatti fuulawwan, akkaawuntiiwwan neetiwoorkiin hojjetan, akkasumas gareewwan eenyummaa hin mirkanoofne duubaan dubbii ololaa gadhiisaniifi namoota burjaajessan jedhe haquu beeksise.
Hogganaan Imaammata Nageenyaa Feesbuuk Naatinaa'el Gileecher ibsa miidiyaaleef kenneen, akkaawuntiiwwwan sobaa 176 Itoophiyaa irratti xiyyeeffachuun odeeffannoo maxxansan ugguramuu hime.
Dhaabbatichi kan kana beeksise Gabaasa Amaloota Qindaa'aa waan jedhan hin fakkaanne [Coordinated Inauthentic Behavior] jechuun guyyaa Roobii baaseen.
Qorannoo gaggeeffameen akkaawontii Feesbuukii 65, fuula Feesbuukii 52 fi Garee [Facebook Group] 27 fi Inistaagiraamii 32 haqamaniiru.
Fuulawwan, akkaawuntiiwwaniifi gareen haqaman kunneenis Ejensii Nageenya Odeeffannoo Itoophiyaa (INSA) kan itti waamamni isaa MM Abiy Ahimad ta'etti hidhata qabu jedhameera.
Sababa isaa yoo himu, fuuloonni haqaman imaammataafi danbii kaampaanichaa cabsuun odeeffannoo nama dogoggorsaniifi uummata burjaajessan waan dabarsaa turaniif.
Mootummaan Itoophiyaa ammatti dhimma kana ilaalchisee waanti dubbate hinjiru
Dhaabbatichi fuulawwan Feesbuukiifi Inistaagiraamii haqe kunneen tooftaa qindoomina qabuun waan dharaa ololaa turan jedhe. Fuuloonni haqaman kunneen dhimmoota wayitaawoo biyyattiifi oduuwwan biyyaalessaa irratti xiyyeeffachuun kan hojjetan tahuu himeera.
Isaanis odeeffannoowwan dharaa, nama dogogorsaniifi paartiiwwan siyaasaa mormituu ceepha'an maxxansaa akka turan hime, dhaabbanni teekinolojii guddichi kun.
Fuulli Feesbuukiifi Inistaagiraamii haqaman namoota INSA keessa hojjetan waliin hidhata qabaachuu adda baafadheera jedhe.
Ejensiin Nageenya Odeeffannoo Itoophiyaa kun MM Abiy Ahimediin hundeeffamuun kan gaggeeffamaa tureefi itti gaafatamni isaa ammoo nageenya saayiberii biyyattii tiksuudha.
Tarkaanfiin kun yeroo biyyattiin filannoo biyyaalessaa gaggeessuuf guyyootni shan hafu fudhatame.
Hogganaan Imaammata Nageenya Fesbuukii Naatinaa'el Gileecher kanneen ugguraman ''hordoftoota biyyuma keessaa irratti kan xiyyeeffatanidha'' jedhan.
Namootni gochaa kana duuba jiran waliin qindaa'uun kaayyoo isaanii galmaan gahuuf fuula Feesbuukii yookaan akkaawontii sobaa fayyadamuun waa'ee isaaniifi maal akka hojjetan ilaalchisee uummata dogoggorsaa turan jedhe dhaabbatichi.
Dhaabbatichi yeroo qorannoo kana gaggeessinee tarkaanfii fudhanne, ''qabiyyee isaarratti osoo hin taane amala isaaniirratti xiyyeeffanne. Namni duuba jiru eenyuyyu haa tahu, maaliyyu haa maxxansu, biyya keessa yookaan ala haa tahan,'' jedhe.
Yeroo darban keessa bu'aa qorannoo amaloota qindaa'oo hin barbaachifne argannee haqaaa turre kan jedhu dhaabbatichi, haala kanaan ji'a ji'aan bu'aa qorannoo isaa maxxansuun eessatii akka fuulli Feesbuukii haqame akka namootni salphaatti baranii jijjiirama fidne hubatan gochaa turre jedhe.
Dhaabbatichi ji'oota lamaan duras gabaasa walfakkaataa baaseen, fuulawwan Masrii taa'anii Itoophiyaa irratti xiyyeeffatan haquu isaa beeksisee ture.
Tarkaanfii fudhatameefi bu'aan qorannichaa maal hima?

Madda suuraa, Facebook
Feesbuukiin qorannoo gaggeesseen akkaawontiiwwan [Facebook account] 65, garee FeesbuukiI [Groups] 27, fuula Feesbuukii [Pages] 52, fi akkaawontii Inistaagiraamii 32 imaammata dhaabbatichaa cabsuun uummata Itoophiyaa biyya keessaa irratti xiyyeeffachuun odeeffannoo sobaa fi dogogorsan maxxansaa turan adda baasee haquu ibse.
Oppireeshinichi akkaawontiiwwan sobaafi wal makaa tahan fayyadaman. Gariin isaanii sirna qophaa'aa [automated system] dhaabbatichaan baramuun akka hin maxxansine, yaada hin kennineefi garee isaanii hin hogganne haqamaniiru jedhe.
As keessatti akka qaama miidiyaa tahanittillee kan of beeksisan turan jedheera. Qabiyyeen isaanii garee qorattoota walabaa dhugaa tahuu adda baasaniin sobaa tahuu adda bahuun akka waan nama dogogorsaniitti ibsamaniiru jedhe.
"Gariin isaanii maqaa isaanii jijjiiraa turan. Akkasumas tooftaa hin barbaachifne karaa qindaa'aa fayyadamuun qabiyyee tokko fuulaafi garee baay'ee irratti maxxansaa turan," jedhe.
Garee nama biraas fayyadamaa akka turan himeera.
Neetwoorkiin kun irra caalaa Afaan Amaaraan maxxansaa akka turan himuun, oduufi dhimmoota waqtaawaa Itoophiyaa keessaa irratti xiyyeeffatu jedhe.
Waa'ee Paartii Badhaadhinaa, MM Abiy Ahimad irra caalaa maxxansu. Masiriifi Sudaaniin hidha guddicha Abayyaa waliin wal qabsiisuun qeequu irratti akka xiyyeeffatan hime.
Dabalataan qeeqa ciccimaa paartilee mormituu Itoophiyaa keessaa ABO, Paartii Dimokiratwaa Itoophiyaa [EDP], TPLF, fi kaan irratti xiyyeeffate maxxansaa turuu qorannoo isaan bira gahu hime.
Dhiyeenya kanas naannoo Tigiraay ilaalchisee qoqqobbii Ameerikaan dabarsite irratti yaada kennuu isaanii kan himu dhaabbatni Feesbuk, gochaa akkasii kallattiin naannoo Tigiraay irratti kan xiyyeeffatu yookaan waraana naannichaa ilaallatu akka hin taane qoranne jedhe.
Feesbuukiin neetworkii maxxansa akkasii irratti bobba'e kana qaama qorannoo keessoo isaa ''amala qindaa'aa hin barbaachifne'' tahuu malu jedhee shakkuu gochuun irratti hojjechaa turu hime.
Namootni gochicha duuba jiran eenyummaa isaaniifi qindoomina isaanii dhoksuuf yaalanis, qorannoon keenya Ejensii Nageenya Odeeffannoo Itoophiyaa INSA hidhata qabaachuu isaanii adda baaseera jedhe.
Fuuloota kanneen namootni miliyoona 1.1 ol ni hordofu, akkaawontiiwwan 766,000 tahan ammoo garee tokko yookaan isaa olitti makamuu, namootni 1,700 tahan ammoo fuula Inistaagiraamii tokko yookaan isaa ol hordofu jedhe qorannichi.
Fuula isaanii kanneen beeksisuuf doolaarri 6,200 tahu kaffalamuus ibseera.
Itoophiyaan Waxabajji 21, 2021 filannoo biyyaaleessaa gaggeessiti.
Feesbuuk bu'aa filannoo waliin wal qabatee odeeffannoowan sobaa tamsa'an irratti xiyyeeffachuun akka hojjetu ibsee ture.














