Poolisii Finfinnee: Kanneen 'oduu sobaa Finfinneetti haleellaan raawwatuf' jedhu facaasan akeekkachiifaman

Magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS

Magaalaa Finfinnee keessatti qaamolee haleellaan sabaafi amantii raawwachuufi jedhanii miidiyaa hawaasaa irratt odeeffannoo sobaa facaasan jedhe poolisiin magaalichaa akeekkachiise.

Ibsa Komishiniin Poolisiin Magaalaa Finfinnee Wiixata har'aa ganama baasen, miidiyaa hawaasummaa gubbaa odeeffannoowwan waliin jireenya hawaasaa rakkoo irra buusan facaafamaa jiraachuu ibse.

Tibbana jiraattonni magaalichaa miidiyaa hawaasummaa gubbaa odeeffannoo haleellaan raawwatuuf jedhu dhagahuufi yaadda'u isaanii ibsaa turan.

Waldhibdeen hawaasaa, amantii akkasumas hookkarri siyaasaa Itoophiyaa keessa waggooti muraasa darban irra - deddeebiin mudachaa turan biyyattiif qormaata guddaa ta'aniiru.

Yakkawwan kanaaf mootummaan qaama Naannoo Tigraay bulchaa ture akkasumas dirreen siyaasaa banamuu akka sababaatti kaasaa ture.

Baatiiwwan muraasaan dura lola naannoo Tigraayitti dhalate hordofee boombiiwwan gataman dhuka'un magaalaa Finfinnee keessa lubbuu galaafataa turan. Balaan ibiddaa hammaates rakkoo nageenyaan waliin akka walqabatu poolisiin ibsaa ture.

Oduuwwan sobaa miidiyaa hawaasummaa gubbaa faca'an to'achuuf mootummaan labsii haaraa baaseera.

Ibsi bahe maal jedha?

Haleellaan sabaafi amantii Finfinnee keessa raawwachuufi jedhanii 'odeeffannoo sobaa facaasaa jiran' jiruu jedhe komishinichi.

Odeeffannoo miidiyaa hawaasummaa gubbaa tamsa'e ''dargaggoonni uffata danbii poolisii Finfinnee uffatan garuu waraqaa eenyummaa poolisii hin qabne manarra deemaa sabaafi amantii galmeessaa jiru,'' jedha jedheera.

Dargaggoowwan kunneenis, kana dura bakka sana jiraachaa kan hin turredha jedheera.

''Dargaggoonni eessaa akka dhufan hin beekamne sabaafi amantii adda qoodanii haleellaa raawwachuuf socho'aa jiru kan jedhaniifi hawaasa irratti odeeffannoowwan yaaddoo uuman facaafamaa akka jiran komishinichi irra gaheera.''

Ta'us, wanti akkanaa ''…beekaa itti yaadameefi karoorfamee faca'aa kan jiruufi odeeffannoo sobaadha'' jedheera komishinichi.

Kan kuni ta'eefis, ummata jeequufi shororkeessuufi jedhe ibsa poolisiin baasen. Odeeffannoon faca'e jedhamees hawaasa irratti yaaddoo uumuus ibse.

''Qaama dhimmi ilaallatu osoo hin gaafatin oduu sobaa kan facaasan akkasumas kanneen qoodani akka waliin gahu godhan hojii seeraan ala kanarraa akka of eegan,'' jechuun akeekkachiise.

Kanneen magaalaa keessa nagaan akka hin jirre oduu sobaa tamsaasan jedheerratti hordoffii gochuun seeraan gaafachuuf akka socho'aa jirullee ibse.

Ummannis humnoota nageenyaa waliin cimee akka dalaguufi odeeffannoowwan qaama dhimmichi ilaallatu biraa bahu akka hordofu dhaame.