Poolisii Finfinnee: 'Namoota gocha kana raawwatan seeraan gaafachaa jirra'

Poolisii nama reebaa jiru

Madda suuraa, @OFFICIALLY_ABEL

Guyyaa kaleessaa miseensonni Poolisii magaalaa Finfinnee lama naannoo Qeeraa iddoo Gofaa Moozaariyaa jedhamutti wayita nama reeban Viidiyoo gocha gara jabinaa poolisonni kunneen raawwatan mul'isu waraabuun maqaa Abel jedhuun twitter irratti kan gadi dhiise haala ture nutti himeera.

Yogguu sana Goofaa Gabri'eel irraa gara Qeeraa geejjibaan imalaa akka ture kan dubbatu namni kun ''Wayita achi geenyu namni olii gadi fiigaa ture.

Gurbaan inni reebame dura jaartii tokko duuba ture. Poolisicha waliin akka wal dhiibuu wayii eegalan.'' jechuun waan arge ibsa.

''Kuni yoo ta'u poolisiin inni gurbaa reebe sun qawwee isaa hiriyaa isaatti kennee gurbaa tumuu eegale. Yeroo kana poolisiin inni biraa qawwee qiyyaafatee dhukaasuu eegale.

Jalqaba tokko dhukaase, sana hin waraabne, viidiyoorras hin jiru. Itti aansee mucaan harka kennate, qabanii cancalaan hidhan, achi booda kuffisanii reebuu eegalan.'' jedha.

Isa booda namni hunduu waan sodaatee baqataa tureef kan dirmateef hin jiru jedhan namni kun.

''Poolisiin inni qawwee qabate, deemaa asii jedhee rasaasa lammataa dhukaase. Jaartiin guddoon tokko haadha gurbaa natti fakkaatu irraa dhorkuuf yaalanii turan, isaan ofirraa darbate.

Achii booda konkolaataan keenya waan socho'eef waraabuu hin dandeenye. Viidiyoon sun kanaaf gabaabbate.''

Daqiiqaa muraasa konkolaataan geejjibaa keessa jiru bakka sana dhaabatetti viidiyoo kana kan waraabe Abeel, sana booda maaltu akka ta'e quba hin qabu jedhe.

Haa ta'u malee yeroo gabaabduu achi turetti wayita poolisiin tokko dargaggoo sana reebuu fi harmee irraa dhorkuuf itti siqan ofirraa darbatu poolisiin inni biraa qawwee dhukaasaa waan tureef namni kaan birmachuu fi hin dandeenye jedhe.

Gocha kana waraabdee marsaa hawaasaa irratti gadhiisuu akkamiin yaadde jenneen.

''Kanaan dura wanti akkanaa Finfinnee keessatti yeroo baay'ee mudateera. Poolisiin nama dhaana, humna hin malle fayyadama, kun waan guyyuu agarrudha. Maaf nama dhaantu wayita jennuun maaltu isin galche isinis akka itti hin daballe jedhanii nu doorsisu.'' jedha Abeel.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Magaalaa Finfinnee keessatti Poolisiin mirga namaa sarbee garuu osoo hin adabamin hafa kan jedhu Abeel gocha suukanneessaa kana saaxiluuf akka viidiyoo kana waraabe dubbata.

''Yeroo wayii ogeettii seeraa Bileen Saahiluu waan akkanaa twitter irratti barreessitee turte. Wanti akkanaa akka mudatu, poolisiin humna hin malle akka fayyadamu, namni itti dubbatu hin jiru. Yeroo adabaman hin arginu hin dhageenyu. Kanaaf nama biraa akka gahu jedheeni.''

Gochi kun marsaalee hawaasaa irratti ifa bahee ijoo dubbii erga ta'een booda komishiniin poolisii magaalaa Finfinnee ibsa baaseen miseensota poolisii gocha kana raawwatan hojii irraa ittisee qorachaa akka jiru hime.

Dhimma kanarratti BBC'f yaada kan kennan komishinarri Poolisii Magaalaa Finfinnee Zalalaam Mangistee rakkoon mudate hanqina naamusaati jedhan.

''Nuyi lammilee kan tajaajillu, uummata tajaajiluuf kakuu gallee uffata dambii uffannee kan baane ta'uu keenya miseensonni poolisii akka hubatan leenjii bal'aa kennaa jirra. Ilaalcha tajaajiltummaa akka qabaatan hojjechaa jirra.''

''Haa ta'u malee reefu ce'umsarra waan jirruufi rakkoo naamusaa dhuunfaa poolisoonni qaban yoo ta'een ala komishiniin nuyi hoggannu, kan sodaatamu akka hin taane, kan kabajamuu fi kan jaalatamu, rakkoo hawaasa kan qooddatu akka ta'uufi ilaalcha akkanaa akka qabaatu hojjetaa jirra,'' jedhan.

''Kanarraa kaanee gocha hin malle mudate kun poolisii kan ibsu miti, rakkoo leenjii poolisootaas miti, rakkoo namoota dhunfaati, ijoolleen haaraa waan ta'aniif, ilaalcha kana sirritti hin hubanne ta'a.

''Isaan kanarratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhannee jirra. Hojiin ala goonee dhimmi isaanii seeraan akka qulqullaa'u gochaa jirra. Rakkoon jiru kana malee waliigalatti caasaan poolisii yaada tajaajiltummaa qabaachuu dhabee miti,'' jedhan Komishinar Zalaalam.

Namoonni komii qaban rakkoon kun miseensota poolisii harka caalu irratti mul'ata jedhu.

Komiishinar Zalaalam garuu ''Himatni akka kanaa ammaan dura nu gahe hin jiru. Namni himata qabu jiraannaan garuu karri keenya banaadha'' jedhan.

''Biiroon keenya sa'aatii 24 banaadha. Namni komii qabu dhiyeeffachuu danda'a. Poolisii sadarkaa kamiyyuu haa ta'u seeratti dhiyeessina, keessaahuu sarbama mirga namaaf araarama tokkollee hin qabnu.

''Kuni ejjennoo mootummaati, nutis kanumaan bulla. Amma dura garuu namni alaa haa hafuutii, kanneen to'annoo seeraa jala jiran irraallee komiin akkasii dhiyaate ani dhagahe hin jiru,'' jedhan.