Finfinneetti dhukaasa poolisoota gidduun lubbuun sadii darbe

Walitti bu'iinsa miseensota poolisii federaalaa gidduutti uumameen, yoo xiqqaate poolisoonni sadii ta'an du'uusaanii fi kanneen biroon miidhamuu maddeen BBC'n dubbise beeksiisan.
Walitti bu'iinsa miseensoota poolisii federaalaa jidduutti manneen jireenyaa miseensoota paarlaamaa eegaa turan jidduutti kaleessa alkan keessa Magaalaa Finfinnee naannoo Bole Walloo Safar jedhamutti umameen lakkoosfi poolisota du'anii sadii ol ta'u jiraattuun naannichaa tokko BBC'tti himtee jirti.
Dhukaasni miseensoota poolisiitiin halkan walakkaa keessaa eegalamees hanga gara bariitti itti fufusaa dhagahaa akka turan maddi BBC'n dubbise mirkaneesse.
Miidiyaalee biyya keessaas miseensi poolisii eegumsa irra tureefi dursa waahila isaa irratti dhukaasa eegalees booda keessa ajjefamuu isaa gabaasaniiru.
Ammatti sababiin walitti bu'iinsaa beekamuu mirkanaa'u baatulleen, sababii waldhabdee qorannoo hojii guyyoota duraa irratti taasifameen kan walqabate jedhu maddi kun.
Akka jiraattoonni naannichaa himanittis sababii dhukaasa miseensoota poolisii kanneen jidduutti taasifamaa tureetiin yaaddoo guddaa keessa galanii turan.
Haala naannichaatti umamee ture tasgabbeessuf jechas daandiiwwan gara sanatti geessan cufamanii turuusaanis barameera.
Haa ta'u malee wayita ammaa kanatti daandiin cufamee saaqamuun deddeebiin tiraafikaas bakkatti deebii'usaaa komishinara poolisii federaalaa eeruun midiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.















