Finfinneetti dhohiinsi boombii namoota sadi ajjeese

Asxaa Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, ADDIS ABABA POLICE

Magaalaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Lidataatti dhohiinsa boombii mudateen namoonni sadi yoo du'an namoonni shan ammoo miidhamuu Komishiniin Poolisii magaalattii beeksiseera.

Komishinichi feesbuukiisaa irratti akka barreessetti yoo ta'e, dhohiinsi boombii kun ganama keessaa sa'atii 2:30'tti bulchiinsa magaalaa Lidataa, ganda 06, naannawa masjiida Silxee jedhamuun beekamutti dhohe.

Boombiin kun namoota hin beekamneen raasaa gubbaarratti dhohee namoota shan miidhee, sadi ammoo lubbuu galaafate.

Namoonni du'an sadeen kanneen daandiirra jiraataniidha jedhe poolisiin magaalattii.

Akkaataa dhohiinsa mudatee kanarratti qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu Daarektarri Qorannoo yakkoota qindaa'anii komishinii poolisii magaalattii Komaandar Alamaayyoo Ayaalqee himan .

Akkaatuma qorannoo xumurreen bu'aasaa hawaasaaf ni ibsina jedhan qondaalli kun.

Akka qondaala poolisii kanaatti boombiiwwan haala kanaa dhoofaman bakkeewwan garaagaraatti namoota nagaa gaaga'aa jiru.

Uummatis kana hubatee waan shakkii itti uumu wayita argu ofii tuquu dhiisee qaamolee nageenyaaf eeruu akka kennu dhaamaniiru.

Torbanoota muraasa dura achuma Finfinneetti naannawa Riqicha Adwaa jedhamutti boombiin gatamee lafa ture dhohuun miidhaa namootarraan geessisee ture.