Jiraattoonni magaalaa Finfinnee keessa jiran nageenya keenyaaf yaaddofne jedhu

Magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee

Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa garaagaraa keessa jiraatan garee magaalittii keessatti gurmaa’ee socho’uun miidhan nurra gahaa jira jechuun BBC’tti himan.

Keessumaa jiraattonni Kutaa Bulchiinsa Nifaas Silk Laaftoo Oromiyaa Kondomiiniyeemii keessa jiraatan namoonni eenyummaan isaanii hin beekamne gurmaa'anii dhufanii miidhaa akka irraan gahaa jiran BBC'tti himaniiru.

Jiiraattonni kun poolisiin federaalaa naannoo sana jiraatanillee garee meeshaa qara qabuufi dhakaa qabatanii socho'aa jiran kanarraa isaan oolchaa akka hin jirre komatu.

Jiraattuu Kutaa Bulchiinsa Nifaas Silk Laaftoo kan taatee aartiistiin maqaashee akka hin ibsine nu gaafatte haala nageenyaa yaaddessaa keessa akka jiran dubbatti.

''Kan itti himannu hin jiru. Kan nu dhaga'ullee dhabneerra," jetti.

Karaanis ta'e manni yaalaas cufaadha. Osoo banaa ta'eellee karaa gadi baanee warra miidhaan irra gahe mana wallaansaa geessan akka hin jaannes dubbatti Artistiin kun.

Humni poolisii Oromiyaa dafee nu qaqqabuu baannaan haalaa yaaddessaa keessa jirra jetti.

Jiraataan biroon naannoodhuma kanaa, tasa gadi bahanii garee kanaan dhagaan rukkutamuu dubbatu.

Erga rukkutamee booda manatti deebiyee akka dheesse himuun, miidhama irra gaheefillee karaa ittiin wallaansa argatu dhabeera.

Jiraatan Finfinnee kutaa magaala Eekkaa jiratuufi maqaan isaa akka ibsamu hin feene biroon guyyaa kaleessaa naannoo Hospitaala Phaawuloos bakka reeffii Art. Haacaaluu Hundeessaa itti qoratamerraa kaasee, ‘‘qaamolee nageenyaan reebichi nurra gaha turee,’’ jedha.

Ganamuma kaleessaa karaa naga qabeessa reeffa gaggeessa osoo jirruu poolisiin aara imimmaanessu dhukaasuun ijoolleen magaalittii gurmaa’aniis dhagaan nu haleelu kan jalqabanii,’’ jedha.

Gocha kanaan miira keessa galuufi tarkaanfii ofirraa ittisuu fudhachuu eegaluun isaanii rakkoo kana ittuu hammeessuu dargaggoon kun BBC’tti himeera.

‘’Reeffii erga gaggeefamee boodas gareen gurmaaye wanta qara qabu baatee yaa’u nama Afaan Oromoo dubbatu yoo argan reebuufi saamuutu ture. Namootni hedduun miidhaman jiru.’’

Gara kutaa magaalaa Aqaaqiitti reeffii nama ajjeefamee akka argamellee himamaa jiraa nuun jedhe.

‘‘Har’as erga bari’ee aniifi hiriyyoonni koo naannoo koo jiran daabboollee bitachuuf manaa hin bane. Haala nama rifaasisutu adeemaa jira uummata Oromoorratti.’’

Ijoollee kutaa magaalaa biro jiran waliin qunnamtii akka qabu kan dubbatu dargaggoon kun inumaa naannoo Eekkaa kana wayyaa bakka Oromoon itti hin heddummaanne rakkoo guddaatu jiraa jedha.

Yaaddoo nageenyaa jiraattotni magaalitti kaasan kana qaamni nageenyaa magaalaa Finfinnee quba yoo qabaateefi hojiin hojjechaa jiru yoo jiraate akka nuu ibsu dubbii himaa Komishinii Polisii magaalaitti kan ta'an Komaandar Faasikaaw Fantaatti irra deddeebiin bilbillus nuuf hin kaafne.

Komishinara Itti aanaa Poolisii Finfinnee kan ta'an Zalaalam Mangistee bilbila yaallee nuu kaasuu didan.

Komishinii Poolisii Federaalaattis yaallee argachuu hin dandeenye.

Tarii ammoo Komishiniin Poolisii Oromiyaa dhimma kana yoo quba qabaate jennee Komishinara Itti aanaa Poolisii Oromiyaa Komishinar Girmaattis bilbillee isaan dubbisuuf hin milkoofne.

Motummaan deebii maalii kennee?

Komishiiniin Poolisii Finfinnee Baaldaraasiifi ABIN Magaalaa Finfinnee keessatti walitti bu'iinsi saboota jiduutti akka umamuuf sochaa turan jedheera.

Komishinarri Komishiinii Magaalaa Finfinnee Geetuu Argaawu kaleessa jalqabee magaalattii keessatti nageenyi bora'u himaniiru.

''Konkolaataawwan dhunfaafi kan motummaa caccabsuufi gubuu, qabeenya lammileen horataniifi saamichi meeshaalee ture'' jedhaniiru komishinarri kun.

Carraa kanatti fayyadamuun magaalattii keessatti ukkoraafi jeequumsa uumuun hawaasichi waliitti akka bu'uuf sochiin taasifamaa akka ture ibsan.

Miseensoota poolisii erga nageenya kabachiisuuf socho'aa turan irra miidhaa salphaa hanga du'aatii qaqabeera kan jedhan Komishinarichi, ''Harraafi kaleessa qofaa miseensoota poolisii federaalaafi kan Finfinnee 57 irra miidhaan qaqabeera. Akkasumas miseensoonni lama lubbusaanii dhabaniiru,'' jedhan.

Miidhaa lammiileera gaheera ajedhaniinis ''Kaleessaafi harra lubbuun anmoota 8 darbeera'' ta'u ibsaniiru. ''Lubbuun anmoota kanneenis boombii, rasaasa, dhagaa fi kan kana fakkaataniin'' jedhaniiru.

Kana malees konkolaataawwan dhunfaafi motummaa 250 ta'an cacabanii, 20 kan ta'an ammo gubachuusaanii ibseera.

''Miseensoonni fi aanga'oonni paartiilee siyaasaa dabalatee kan keessatti qooda fudhataniiru'' jedhan.

''Keessattuu aanga'oonniifi miseesnoonni paartiilee Baaldiraasiifi ABIN ifatti tishartii uffachuuf alaabaa paartii isaanii qabachuun magaalattii keessa bakkeewwan garaa garaa socho'uun walitti bu'iinsa sabaa uumuuf socho'aa turan'' jedheera.,

''Magaalattii keessa allattiiwwwan garaaa garaatin socho'uudhaan, sabni tokko saba biraa miidhuudhaaf akka dhuufeetti, ''akka weerarameetti'' beeksiisuudhaan akka ofirraa ittisuu kakaasuun raawwatamaa ture,'' jedhan.

Magaalaattii keessattis namoota dhaabuun waragaa eenyuummaa gaafataa akka turan Komishinarrichi kun himaniiru.