Namoonni Imbaasii UAE irratti 'haleellaa raawwachuuf' turan jedhaman to'ataman

Madda suuraa, NISS
Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa qaamolee nageenyaa biraa waliin ta'uun, shakkamtoota 15 kan Imbaasii Yunaayitid Arab Emreetis(UAE) kan magaalaa Finfinnee jiru irratti haleellaa namootarraan ga'uufi qabeenyaarraan balaa qaqabsiisuuf qoophiirra turan to'achuu beeksiise.
Shakkamtoonni kunneen akkasumas gocha kana raawwachuun danaa Magaalaa Finfinnee teessuma dhaabbilee idil-addunyaa kan taatee baaleessuuf turan jedheera.
Rooyitarsi dhimmicharratti Ministira Haajaa Alaa Yunaayitid Arab Emreetis(UAE) dubbiisuuf yaalus deebii hinargatiin hafuu beeksise.
Waajjirri tajaajilichaa ibsa sabaa himaa biyya keessaatiif ergeen akka jedheetti, gareen kun ergama haleellaa raawwachuu biyya alaarraa fudhachuufi meeshaalee waraanaa haleellaa ittiin raawwachuuf qopheessaa turaniifi meeshaalee boba'an akkasumas sanadoota argachuu hime.
Shakkamtoota haleellaa jedhame sana raawwachuuf turan jedhaman keessaa namni umurii waggaa 35 garee sana hoogganaa ture jedhames walita'iinsa biiroo qorannoo yakkaa poolisii federaalaa waliin ta'uun to'annaa jala oolfamuun beeksise.
Namni garee kana hoogganaa ture jedhame kunis haleellicha raawwachiisuuf kan oolu doolaarri Ameerikaa kumaatamaan lakkaa'amu biyya alaarraa akka ergameef ragaa walitti qabamee irraa mirkanneeffachuu akka danda'e Tajaajjilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaaleessaa kun ibseera.
Haaluma walfakkaatuunis gareen ergamni kennameef kun Imbaasii UAE Sudaan Kaartuumitti argamu irrattis haleellaa raawwachuuf qophii taasisaa ture jedheera ibsi kun.
Ragaa jedhame kana dursee argachuufi hordooffii taasisaa turuu kan hime tajaajilli Nageenyaa Odeeffannoo, quunnamtii qaamolee kanneenii diiguun shakkamtoota admsee to'achuuf dhaabbata nageenyaafi Odeeffannoo Suudaan waliin walta'insaan hojjachuu hime.
Hogganaan garee kanaas nama jireenya isaa Siwiidiin godhate ta'uufi biyya Siwidiinitti to'annoo jala akka oolfamu taasifamuu jaarmiyaan kun beeksiise.
Akkasumas hojiin shakkamtoota 21 kanneen karoora kana waliin hidhata qabaniifi addunyaarra biyyoota adda addaa keessatti argaman to'annoo jala oolchuu hojjatamaa jiraachuu ibsi midiyaaleef ergame kun himeera.
















