Lola Tigraay Itoophiyaa: Akkamiin doktaroonni Itoophiyaa haleellaa milishaa baqatan

Madda suuraa, AFP
Hakiimni Itoophiyaa haala suukanessaa yeroo naannoo Tigraayitti lolli jalqabe dabarse BBCtti haasa’era. Akkatti dhukkubsattoonni tiraaktaraafi konkolaataa guddaan fe'amanii baafamaa turani fi attamiin boosona keessa akka dhokate dubbateera.
Dr Tewoodiroos Tafarraa jidduugala qonnaa kan taatee Humaraa fi boodammoo magaalaa dhiyoo Adabaay irraa baqachu himee, iddoo lamman kunneen turuun baay'ee balaafamaa ture jedhe wayita BBCtti seena ilamimalasaa himate.
Hakiimni biraa maqaan akka hin dhahamne gaafates, seenaa wal-fakkaataa dubbata. Dhukkubsattuu dubartii garaachishee keessaa jigee doqdoqqeen fidamtee dhuftellee wal'aanuu hima.
Paartiin naannoo Tigraay bulchu TPLF erga buufata Raayyaa Ittisa Federaalaa haleelaniin booda, Sadaasa 4, 2020 MM Abiy Ahimad tarkaanfiin waraanaa akka irratti fudhatamu ajajan.

Madda suuraa, AFP
Waraanni Itoophiyaa tibba magaalaa guddoo naannichaa Maqalee qabachuuf lolaa turee fi Sadaasa 28 yeroo itti to'ateetti nama nagaa tokkollee hin ajjeefane jedhan MM Abiy.
Mootummaan Eertiraa lola TPLF mo'achuuf taasifame kana keessaa harka hin qabu jechuun waakkateera. Haa tahu malee TPLF gara daangaa biyyattiitti misaa'eloota dhukaasaa ture.
Saababii naannichatti maloonni quunnamtii adda citaniif, waa'ee lolichaarratti odeeffannoo sirrii argachuun baay'ee rakkisaa ture.
Humaraa, magaalaan namoonni gara 30,000 ta'an jiraatan, lola Sadaasa 8 gaggeeffameen bakkeewwan jalqaba miidhaman keessaa tokko.
Akeekkachiisa: Namoonni muraasni barreeffama armaan gadiin jeeqamuu malu.

Ragaa ba'umsa Dr Teedros
Dhukaasa guddaatu ture. Dhukaasichi iddoowwan Humaraa mara irratti kan xiyyeefate ture- lafa gabaa, naannawa bataskaanaa fi masjiidaa akkasumas naannoo mooraa hospitaalaa fa'i.
Guyyaa jalqabaatti gara reeffa 15 fi namoota nagaa madaa'an 75 ta'an simannee. Haleellaa fi dhukaasni waaree boodas ittuma fufee ture.
Karaa bahaa gama Raayyaa Ittisa Biyyaa turee fi karaa Kaabaa immoo Eertiraa irraa dhukaasni gara magaalattii dhufaa ture.
Daangaan Humaraa hanga Eertiraa jiru meetira 200 qofa, kanaaf dhukaasni Eertiraa irraas dhufaa turee jechu dha.

Madda suuraa, AFP
Guyyaa itti aanu ammoo ganamaan eegale garuu gara naannoo sa'atii 5tti dhaabbate. Nutis reeffa saddeetii fi namoota madaa'an dabalataan nu bira dhufe.
Ergasiin boodas nuufis tahe wal'aanamtoota keenyaaf gaarii akka hin taane murteessine.
Achii bahuufis murteessine. Dhukkubsattoota keenya madaa'an tiraaktara irratti feenee gara magaalaa Adabaay qajeelle.
Magaalattiin Humaraa irraa km 30 fagaatti. Yeroo sanattis dhukaasni gurguddaa jiraachuu baatus lolli akkuma itti fufetti jira ture.
Nutis kiliiniika Adabaay keessatti namoota madaa'an wal'aanuu itti fufne. Namooti nagaa baay'eenis dabalataan Humaraa irraa dhufaa turan.
Guyyaa jalqabaa warreen dhukaasaan madaa'an wal'aanaa turre. Erga loltoonni mootummaa Humaraa qabataniin booda garuu namoonni nagaa dhufan dirmammuu uleen reebamanii fi madaa meeshaa qara qabuu kan albee caaluun madaa'an qaamarraa qabu ture.

Madda suuraa, AFP
Dhukkubsattoonni Humaraa irraa dhufan humnootii naannoo Amaaraa kanneen uffata dambii uffatanii fi qomarraa baajii qaban akkasumas warra ''Faannoo'' milishoota garuu uffata dambii hin qabnetu Humaraa gale jedhan.
Kutaalee lixaa Tigraay garaa garaa keessatti taateewwan armaan gadiitu uumame:
- Jalqaba dhukaastu ture,
- Ittaansee loltoota mootummaatu dhufan
- Faana isaanii hordofuun immoo humnooti addaa Amaaraa fi warra Faannootu dhufe.
Adabaay keessatti, guyyoota lamaaf dhukkubsattoota wal'aanuu itti fufne. Sana booda lolli itti cimuun, ciruumaa gara kiliinikii keenyaatti siiqaa dhufe.

Madda suuraa, AFP
Kanaafuu nuti ofii bosonatti baqannee dhukkubsattoota keenya konkolaataa guddaan feenee gara naannoo Tigraay biraa, lafa hanga tokko nagaa ta'eetti erguuf murteessine.
Kunis bakka nuti miilaan bosoonatti baqannee irraa gara meetira 250 kan fagaatuudha.
Achi keessas guyyaa lamaaf dhokanne. Guyyaa sadaffaa irratti sababii ajjeechaa fi hokkorri caalaan magaala Adabaay keessatti jabaateef, achi turuuniyyuu kana booda nagaa akka hin taane murteessine.
Rasaasni yoo dhukaafamu, takka takka ammoo sagaleen lolaa ni dhagahama ture.
Kanaaf, miilaan gara magaalaa daangaa Sudaanirra jirtutti Heemdaayaatitti baqachuuf murteessine.
Kun egaa iddoo jirrurraa fageenya km 50 ture. Milishoonni Addaa Amaaraas daggala keessa hanga laga Takkazeetti nu hordofaa turan.
Ani amma kaampii baqataa keessan jira. Ammallee dhukkubsattoota wal'aanaan jira. Dhukkubsattoota kutaalee Tigraay garaagaraa irraa dhufan argeera.
Daangaa irraa fageenya km300 fa'irraa kan dhufanilleen jiru. Namoonni karaa irratti namoota nagaa du'an hedduu bira darbaati as gahu.
Wal'aanamtoonni koo humnootii Eertiraa wayita Tigraay keessatti daba raawwatan, manneen wayita gubaniii fi lafa qonnaa barbadeessan argeera kan naan jedhan jiru.
Kun hundinuu dukkana bakka intarneetii fi ibsaan adda citee fi sirni baankii uggurameen booda raawwatame.
Dhugaatti Tigraay keessatti maal ta'aa akka ture homtuu hin beeku.
Waanan dhaga'ee fi kan arge irratti hundaa'unan dhugaa dubbadhe. Namoonnis qaamni walabaa akka qoratuuf akka ergan nan abdadha.

Ragaa ba'uumsa hakiima maqaa hin himanne:
Haleellaan osoo hin jalqabiin guyyaa lama sadii dura humnoota federaalaa fi kan naannoorraa miidhamtoonni dhufaa turan, namooti nagaallee akkasuma.
Kuni egaa rasaasaa fi meeshaa waraanaa guddaadhaan kan taasifamu ture. Lakkoofsi miidhamtootaa garuu guddaa hin turre.
Haalli kun yeroo haleellaan Eertiraa fi waraana Itoophiyaa irraa jalqabu geeddarame. Hospitaala fuuldurattillee dhohiinsatu ture.

Madda suuraa, AFP
Sana booda miidhamtoonni hundi namoota nagaa turan. Gaafa sana qofa namoota miidhaman 200tu dhufe, 50 battaluma nu bira gahan lubbuun darbe.
Dargaggoonni warreen madaa’an baajaajiidhaan fidaa turan. Hanqinni siree ijaa tureef kaan lafarra aluma ciisaa turan.
Otoo lolli hin jalqabiin dhukkubsattoota dhibee biraan qabaman hospitaala ciisantu turan. Baay'een isaanii warreen madaa’aniif siree gadhiisanii isaaniin kunuunsuutti ka’an.
Garuu akka hakiima tokkootti lubbuu hambisuuf badaa waan goonu hin qabnu ture. Kuufamni dhiigaa dhukkubsataa baay'ee ittiin gargaarru hin turre.
Waanuma bu’uuraa gochuun gargaaraa turre. Dhukkubsataan ijuma keenya duratti du’a ture. Hanga halkan qixxee tahuuf daqiiqaan 10 hafu hojjetaa turre.
Lubbuuf sodaataniitu waayilooti keenyi Humaraa irraa km30 magaalaa Adabaay galan, kaan immoo turuuf murteessan.
Anis garuma Adabaay deeme. Dhukkubsataa muraasa garasitti nu faana fudhachuuf geejiba qopheessine. Loltoonni waraana Itoophiyaa sadillee keessa jiru ture.
Ganamasaa kiliiniika Adabaayitti hojjechuu jalqabne. Dhukkubsattoota 10 Humaraarraa finnee dhufne qabna. Haati mucaanshee ishee fide jirti ture.

Madda suuraa, AFP
Garaasheerraa madaa qabdi ture, dhiigaa turte. Garaachi ishee aluma ture. Mucaa cimaa Humaraarraa doqdoqqee irra kaa’ee fidee dhufe qabdi. Lubbuun hafteetti tahee hin barre.
Dhukkubsattoota keenya guyyaa sadiif kiliinikatti wal’aanaa turre. Achii waraanni Itoophiyaa dhufee dhukkubsattoota wal’aanaa turre sadeen fudhate.
Waraanni Itoophiyaa magaalaa Adabaay keessatti namoota nagaatti dhukaasaa ture. Iddoo naannoo magaalattii dhihoo jiru akka dhokannu dirqisiifamne, halkan halkan garuu dhukkubsataa wal’aanuuf marmaarra turre.
Guyyaa shanaffaarratti kana booda as turuun balaa qaba jennee `Sudaan dhufuu dandeenye.
Qoricha antibaayotikii fi meeshaalee gargaarsaa Humaraa irraa fidne hojjettoota lamaan sadan kiliinikichatti hafaniif Adabaayitti dhiisne.
Namooti gariin Sudaan galuuf guyyaa afur lafoo deeman, ani akka carraa doqdoqqee haadha warraa koo naa fudhatee tureen daangaa qaxxaamure.
Magaalaa Hamdaayet guyyaa tokkoof walakkaa deemneetu geenye.
Yeroon achi gahu, namicha mataarra miidhameefi harki citeen arge. Nama Maayikaadiraa akka tahe natti hime. Guyyaa shaniif qoricha nan kenneef.


Asitti namoota hunduu dhalattoota Tigraay tahan kan haleellaa Maayikaadraa irraatti akka malee miidhaman garuu lubbuun hafan argeera.
Garuu meeshaalee wal’aansaa ijaa hin qabneef isaan yaaluu hin dandeenye.
[Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa Maayikaadiraatti namoonni 600, gara caalu saba Amaaraa ta'an, garee TPLF'tti hidhata qabaniin ajjeefamuu himeera.]
Yeroo ammaa kaampii baqataa biraan jira. As lammiileen Sudaan wal’aansaaf dhufu. Baay'een isaanii garaa kaasaa fi infeekshinii qomaa qabu.
Akka isaan gargaarru itti himneerra- dhukkubsattoota biyyatti dhiisee dhufe yoon yaadu dhukkubbiitu natti dhagahama.
Gariin guyyaa guyyaatti oksijiinii argachuun isaan barbaachisa ture. Kaan immoo isa rasaasaan madaa’an wal’aanamuu qabu tureyyuu.
Du’umatti isaan kennine gara kana baqanne, kanaaf gaabbii fi gaddatu natti dhagahama.















